Afan OromoNewsPoliticsSecurityWorld

Yaalii fonqolcha mootummaa fashalsuu hima mootummaan Maalii

Karoora fonqolchaa duuba Faransaayitu jira jedhe.

Shakkii fonqolcha mootummaa karoorsan jedhuun Maalii keessatti loltoonni mootummaa hedduun  to’ataman.

Akka Aljazeeran gabaasetti aangawoonni maalii sababa kanaan garee loltootaa fi namoota siviilii to’atan. 

Jeneraalonni waraanaa Maalii lamaa fi basaasaan Faransaay biyyattii gooluun  shakkame tokko keessatti argamu.

Ministirri nageenyaa Maalii Jeneraal Daa’ud Alii  Mohammediin, Kamisa kaleessaa galgalarra fonqolcha kanaaf kanneen shakkaman qondaalonni waraanaa Maalii to’atamuu beeksisan. Ministirichi “Wanti hunduu to’annoo jala jira” jedhan.

Hirmaattota dhimma kanaa to’achuun shira ture fashalsine jedhan karoorri fonqolcha mootummaa kun Hagayya 01, 2025 eegaluu ibsuun.

Loltoonni fi namoonni siviilii waan kana karoorsan tumsa mootummoota biyyoota alaatiin jedhe waraanni Maalii. 

Lammiin biyya Faransaay maqaan isaa,  Yann Christian Bernard Vezilier jedhamu tajaajila basaasaa Faransaay bakka bu’uun qooda fudhachuunn shakkamee to’atamuu beeksise waraanni Maalii.

Ministirri nageenyaa, lammiin Faransaay kun  tajaajila basaasaa Faransaay  bakka bu’uun hogganoota siyaasaa, qooda fudhattoota waldaalee siviilii fi qaamolee  waraanaa kakaasuu himan.

Suurri lammii Faransaay gochaa kanaan shakkamee miidiyaa hawaasarra naannawaa jira.

Televizhiniin biyyaalessaa Maalii suura namoota 11 miseensota gochaa garee karoora fonqolcha mootummaa kanaan shakkamanii tamsaase.

Maddeen caasaalee  nageenyaa biyyattii wabeeffachuun AFP’tti akka  gabaaasetti yoo xiqqaate yaalii fonqolchaa kanaan walqabatee loltoonni 55  to’atamaniiru.

Maaliin bara 2012 kaasee rakkoo nageenyaa hamaa keessa jirti. Gareewwan hidhattootaa michummaa Al-Qaayidaa fi ISIL waliin qaban akkasumas gareewwan shiftootaa yaaddoo nageenyaa guddoo biyyattiiti. 

Qondaalli waraanaa biyyattii bulchaa jiru Prezidant Assiimii Gooyitaa fuula isaanii mootummoota lixaa, addatti Faransaayirraa fuula garagalfatanii michummaa Raashiyaa jabeeffachuutu himama.

Biyyattii bulchiinsa siviiliitti deebisuuf Bitootessa 2024 waadaa galus, ammas garuu waggoota shan dabaleen bulcha jedheera.

Show More

Related Articles

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

1 × 4 =

Back to top button
Copy link