Afan OromoOpinionSocial

OMN: Haadha Wallee Warraaqsaa fi Qabsoo Oromoo Ilfinesh Qannoo

Haati Sabboonummaa Oromoo fi qabsoo Bilisummaa Oromoo art. Ilfinesh Qannoo du'aan Addunyaa tana irraa boqatte.

Haati Sabboonummaa Oromoo fi qabsoo Bilisummaa Oromoo art. Ilfinesh Qannoo du’aan Addunyaa tana irraa boqatte.

Falmituu mirga dhala namaa, gootittii Oromoo, fakkii cichoominaa, kaayyoo ishee irraa kan hin maqne, Oromummaa faarsaa, tokkummaa dagaagsaa, Bilisummaa, Bilisummaa jechaa sagalee ishee kiilolee sanaan Oromoo dammaqsaa, qabsoof hiriirsaa kan jiraatte gootittiin Oromoo, haati jaalalaa fi haati Oromoota hundaa qabsooftuu fi sab-boontuu Oromoo fulbaana 6, 2026 hancufa liqimsitee jirti.

Addunyaa kana irratti namoota baay’etu uumama. Garuu kan carroomee Asxaan kabajaa, Galmeen seenaa yaadate, siidaan yaadannoo dhaabbateef, Kan onnee ummata isaa keessatti galma Seenee ijaarrate muraasa. 

Qabsoo Oromoo keessatti Walleen rasaasaa, Weellisaan loltuudha. Lolli ammoo Aarsaa qaba. Aarsaan goota qaba. Yaadaa fi yedalloon tooftaa lolaati.

Gootota qabsoo Oromoo keessatti walleen, yaadaa fi yedalloon qabsaa’ani jaalalaa fi kabajaa ummata isaanii keessaa argatan keessa Ilfinesh Qannoo hangafa.

Ilfinesh Qannoo Lixa Oromiyaa Wallagga Bahaa Naannawa Magaalaa Naqamtee Sibuu Guutoo Ganda Eebbaa baka Saxxoo jedhamutti abbaa ishee obbo Qannoo Galdaasaa fi harmee ishee Aadde Zartihuun Qananii irraa onkoloolessa 8 bara 1962 ALA dhalatte.

Mucayyoon xinnoon maatii Oromoo irraa lixa Oromiyaa biyya kumsaa, Biyya Abdiisaa Aagaa, qe’ee Laggasaa Wagii, Ardaa qabsaa’ota danuutti dhalatte umrii ishee guutuu qabsoo ummata Oromootiif laatuun jiraatte.

Umrii inoolluimaatiin aartii keessaan qabsoo Bilisummaa Oromoo fi saboota cunqurfamoo keessatti jiraachuu kan jalqabe Ilfinesh, Agarsiisa aadaa seena qabeessa bara 1976 magaalaa Finfinneetti agarsiifame irratti “Qawwee malee maaltu bilisa nu baasa? jechuudhaan sirba warraaqsaa dhiheessitee ittiin beekamteen booda, jireenyi ishee qabsoo bilisummaa Oromoo waliin ham’ee ta’ee walqabatee.

Gaafa sanaa kaasee hanga gaafa du’aan gara boqonnaa bara baraa imaltutti gara deemtu hundatti waa’ee qabsoo Oromoo, waa’ee tokkummaa Oromoo, waa’ee bilisummaa Oromoo fi Oromiyaa faarsuu hojii isheen ittiin beekkamtu ta’e.

Sababaa qooda qabsoo kennite kanaanis bara mootummaa Dargii fi Wayyaanee gidiraa jireenya mana hidhaa hedduu gootota qabsaawota akka ishee waliin keessummeessiteetti. 

Bara mootummaa TPLF/EPRDF hidhamuutti dabalee, rifeensa mataa gogaa qaruuraan haadamuu fi miidhaa ishee mudateen qorqalbiin guddoo hiraarte. 

Hidhaa wayyaanee irraa akka hiikamteen gargaarsa sab-boontota Oromootiin dhoksaadhaan gara biyya ollaa, Keeniyaatti baafamtee achi irraas koolu-galtummaatiin gara biyya sadaffaa Norway godaante.

Artist Ilfinash Qannoo jireenya ishee keessatti kaasetoota 10 ol maxxansuun qabsoo bilisummaa Oromoof gumaachiteetti. 

Yeroo ABOn biyya Ertiraa maadheffatee qabsoo gaggeessaa turettis Ilfinash Qannoo biyya baqaan jiraattu Norway irraa Ertiraatti deddeebi’uudhaan oguma isheetiin WBO onnachiisaa fi jajjabeessaa turuu ishee seenatu ragaa baha.

Weellistuu fi Qabsooftuun Oromoo art. Ilfinash Qannoo reebichaa fi miidhaa adda addaa manneen hidhaa Itoophiyaa keessatti ishee mudateen fayyaa ishee qormaatus, Oromoo koo! ABO koo!  WBO koo! Bilisummaa! Oromiyaa! Tokkummaa fi Oromummaa jetteen osoo faarsituu fi hawwituu hancufa liqimsite.

Haati sabboonummaa Oromoo, gootittiin qabsoo Oromoo Ilfinesh Qannoo, gaarrii guddaan qabsoo Oromoo wallee warraqsaati faayaa turte, xaa’on qabsoo haati kumaa kitilaa du’aan Addunyaa tana irraa boqatte.

Ilfinesh Qannoo Jechoota Wallee isheetiin daggala gabrummaa gubdee, Yedelloo isheetiin daadhii bilisummaa saba unachiifte.

Sagaleen warraaqsaa, sagaleen saba cunqurfamee, rasaasani qabsoo Oromoo, isheen sagalee isheetiin diina raafte  saba booqa bilisummaa obaaftee, artist Ilfinesh Qannoo umrii ishee guutuu saba isheetiin jiraattee siidaa seenaa onnee ummata ishee keessatti dhaabbachuun ummata Oromoo irraa adda baatee jirti.

Duuti du’aa, hunduu du’a irraa hin oolu. Du’a gootaa, du’a seenaa qabdu du’uun garuu abbaa carraati. Hundi du’a gootaa, du’a seenaa qabdu hin du’u. Garuu inni jireenya isaa keessatti goodoo seenaa ijaaratee, sabaa fi ummata keessaa baheef oolmaa gaarii oolee, du’a seenaan faayamte du’e, goota onnee saba keessa jiraatuudha.  

Ilfinesh Qannoo ummata Oromootiif qabsooytuudha, gaachanaa, goota aanaa fi aantee,  abdii boruu, haadha geerrarsaa fi dhuka qabsoo Oromoo,  Qabsooytuu mirga dhala namaa, Qaroo saba kanaa turte.

Ilfinesh Qannoo goota rakkoo saba isheetiif hadooddu, qaroo gamnummaa fi gootummaan ishee diinaaf yaaddoo ta’edha. Isheen goota qaarrifaa diinaa jidduu teette gabrummaa sabni ishee keessaa jiru dubartii walleen sagalee ulfuutee lallabeedha.

Gootiittiin mallaattoo diddaa gabrummaa, Sagalee Warraaqsaa ummata Oromoo intalti dacheen Oromiyaa biqilchite artist Ilfinesh Qannoo Saba umrii guutuu qabsaa’aafi turte irraa adda bahuun boqonnaa bara baraatti ceete jirti.

Art. Ilfinesh Qannoo ”Urjii Aartii Oromoo, mallattoo cichoominaa, faajjii Oromummaati.

Isheen qabsoo Ummata Oromootiif rifeensa gogaa qaruuraa cabaadhaan irraa haadamuu, mana hidhaatti dararamuufi mirga sirbuu dhabaa dhoowwamte.

Sirboota siyaasaa danuu sirbuun dammaqiinsa siyaasaa uumaa kan turte Ilfinesh Qannoo, jaalala fakkeessitee siyaasaa ummata isheetiif sirbaa turte.

Gootittiin gootummaa isheetiin rifeensi gogaan irraa haadame, tan manneen hidhaa Itoophiyaa danuu keessatti reebamtee, haati wallee daammaqinsaa, haatii sabbonummaa Oromoo Ilfinesh Qannoo Fulbaana 6 bara 2026 Oromiyaa Magaalaa Finfinnee Hospital Kooriyaa jedhamu keessatti boqatte.

Yeroo lubbuun jirtu Ambo hambaa lafaa, biyya Jaagamaa Badhaanee, biyya Haacaaluu Hundeessaa, biyya gootota Oromoo keessatti na awwalaa jechuun kan dhaammatte art. Ilfinesh Qannoo, sirna awwaalchaa ishee bor fulbaana 8/2026 Ambotti raawwatama.

Du’aan boqochuu art. Ilfinesh Qannoo hordofuun namoonni siyaasaa, dhaabbileen siyaasaa fi ummanni Oromoo kallatti adda addaatiin gadda isaani ibsataa jiru.

Paartileen siyaasaa Oromoo ABO, KFO fi ABO-WBOn ibsa gaddaa baasuun du’aan boqochuu qabsooytuu Ilfinesh Qannoo yoo ibsa xiinxallaan siyaasaa Jawaar Mohaammad “Ilfinesh Qannoo Moroda sabboonummaa Oromooti” jechuun faarsee jira.

Waloo Lataa Qana’i Aagaa ammoo du’aan boqochuu Ilfinesh Qannoo yoo ibsu, 

“Anaa nyaatu giiftiikoo!

Ni jigde kaa gaarittiin

Ni deemte kaa haadhittiin…

Haadhittiin qabsoofi diddaa

Falmattuun rakkoofi bittaa! 

Nutti hir’ate kaa wayyoo

Kunoo dhabne kaa aayyoo

Ilfee koo haadha kaayyoo! 

Har’a miti yaa Ilfee

Bara Oromummaan cubbuu

Bara eenyummaa ofiin buluun

Nama baasiftu lubbuu…

Sagalee kee qarattee

Dirree qabsootti baatee

Deemsa bilisummaatiif

Dungoofi gaachana taate….

Dubbattee dubbachiifte

Hidhattee hidhachiifte

Falmattee falmachiifte!

Sirbituu bakka gootaa

Hiddituu akka soonsaa

Kutattuu garaa abiddaa

Adeemtuu karaa diddaa..

Giiftii ayyaanni tole

Ilfee koo yaa kiilolee! 

Nagaan boqodhu!” jedhe.

Aartistoonni, hayyoonni, beektoonni fi waldaaleen siviilii fi namoonni garagara gadda isaanii ibsataa jiru.

 

Show More

Related Articles

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

3 × 1 =

Back to top button
Copy link