Afan OromoOpinion

Yaadannoo Ajjeefamuu Haacaaluu Hundeessaa Waggaa 5ffaa Minisootaa

Haacaaluu Hundeessaa akkamiin yaadatama?

Leegaasii fi kaayyoon wareegama artist Haacaaluu Hundeessaa dhalootaa dhalootatti darbaa jiraataa jedhan dhalattoonni Oromoo Ameerikaa kutaa bulchiinsa Minisootaa jiraatan.

Torbee yaadannoo waggaa 5ffaa artist Haacaaluu Hundeessaa sababeefachuun miirri xiiqii isaanitti dhagahamuu kan ibsan dhalattoonni Oromoo Minisootaa jiraatan, artist Haacaaluu Hundeessaa kaayyoo fi akeekaa qabsoo ummata Oromoo keessatti ejjannoo hin daddaaqamne qabaachuu fi mirga ummata Oromoo dabarsee kennuu dhabuu isaatiin wareegamee jedhan.

Goonni yoo wareegamu, kaayyoon goonni irratti wareegame leegaasii ta’ee dhalootaa dhalootatti darbaa jiraachuu qaba kan jedhan namoonni Minisootaatti OMN dubbise, Haacaaluun mallattoo warraqsaa qabsoo Oromooti jedhan.

Yeroo Artiisti Haacaaluu Hundeessaa yaadannu, maatii isaa cinaa dhaabbachuun haqa isaa gaafachuu itti fufnaa jedhan.

Haqa artistii gameessaa mirga namaatiif falmuu kana gaafachuu fi akka ifa bahu taasisuun dirqama dhaloota ammaatii kan jedhan jiraattoonni Minisootaa, Dhaabbileen Haqaa Mootummaa Itoophiyaa, dhaabbiileen miti mootummaa, Abbootiin Seeraa, dhaabbileen idil-addunyaa haqa artist Haacaaluu Hundeessaa akka barbaadan waamicha taasisani jiru.

Ummanni Oromoo biyya keessaa fi biyya alaa yeroo yaadannoo waggaa 5ffaa gameessaa kanaa taasisu duudhaa, leegaasii fi kaayyoo isaa itti fufsiisuu qaba jechuun gaafatani jiru.

Artist Haacaaluu Hundeessaa Waxabajjii 29, 2020 magaalaa Finfinnee bakka Kondominiyeemii Galaan jedhamutti kan ajjeefame yoo ta’u, ajjeechaa isaatiin walqabatee mormii Oromiyaa keessatti uumameen namoonni 200tti siqan ajjeefamuun kumootaan kanneen lakkaa’aman miidhamani jiru.

Mootummaan namoota ajjeechaa kana keessaa qooda qaban jedhe qabuun hidhaa itti murteessus, maatiin Haacaaluus ta’ee ummanni Oromoo Haqni Haacaaluu Hundeessaa ukkaamamee jira jedhan.

Mootummaan qaama artist Haacaaluu Hundeessaa ajjeesse dhiisuun haqxi isaa akka ifa hin baane taasise jechuun komatu.

Show More

Related Articles

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

5 − 3 =

Back to top button
Copy link