Afan OromoNews

Hiyyummaan Gufuu Miti: Dargaggoo Meeshaawwan Gataman Irraa Baaletti 'Paradoo' fi 'Tesla' Hojjate.

Abjuu dargaggeessa Baaletti meeshaa gatame irraa konkolaataa Teslaa kalaqee.

Hiyyummaan Gufuu Miti: Dargaggoo Meeshaawwan Gataman Irraa ‘Paradoo’ fi ‘Tesla’ Hojjate. 

Godina Baalee Magaalaa Roobeettii Dargaggoon maqaan isaa Mohaammad Abdulwahaab jedhamu meeshaalee gataman irraa konkolaattoota lama Paraadoo fi Teslaa jedhaman kalaqe.

Addunyaa irratti konkolaataan jalqaba kan kalaqame jaarraa 19ffaa bara 1886 keessa injineera lammii Jarmanii Kaarl Beenz (Karl Benz) jedhamuuni.

Kaarl Beenz bara 1886 konkolaataa boba’aan hojjatu jalqabaa Addunyaa kana irratti kalaquun, seenaa humna hawaasaa fi geejjibaa guutummatti jijjiiruu danda’ee Jira.

Jijjiiramni Teeknooloojii fi Guddinni ammayyaa akka fooyya’aa deemuun  kalaqni konkolaataas fooyya’aa dhufe.

Injinaroonni Konkolaataawwan boba’aa qofa fayyadaman irraa gara teeknooloojii konkolaataa elektiriikiitti (Electric Vehicles) ce’uu danda’aniiru. 

Kampaanonni gurguddoon akka Tesla dabalatee, bifa fi dandeettii konkolaataa ammayyaa (Cyber Security and Smart Vehicles) irratti xiyyeeffachuun addunyaa kanaaf haaraa kan ta’an konkolataawwan saffisaa fi eegumsa cimaa qaban oomishuu jalqaban. 

Kunis dandeettii sammuu namaa fi qorannoon teeknooloojii daangaa akka hin qabne kan agarsiiseedha.

Seenaan guddina kalaqa konkolaataa kun yoo ilaalamu, biyyoota Lixaa fi diinagdeen badhaadhan qofa keessatti kan hojjatamu ture.

Haa ta’u malee, dargaggoon Baale magaalaa Roobeetti meeshaawwan gataman irraa konkolaattota lama kalaqe, seenaa kana jijjiiruu akka danda’u mirkaneesse jira.

OMN dargaggoo Baale Magaalaa Roobeetti meeshaawwan gataman irraa konkolaattota lama kan maqaan isaanii Paradoo fi Moodela Teslaa Cyber Truck jedhaman oomishe dubbisee seenaa fi imala milkaa’inna hojii isaa odeefatee jira.

Mohaammad Abdulwahaab Godina Baale Bahaa Aanaa Gindhiir Ganda Daannoo jedhamutti dhalate. Barataa Kutaa 8ti. Ijoollummaa isaa irraa jalqabuun waan haaraa uumuuf akka tattaafatu dubbata. Yeroo kutaa 6 baratu meeshaawwan gataman walitti qabuun hojii isaa jalqabaa Meeshaa waraanaa qawwee hojjachuu dubbata.

Dandeettii ijoollummaa isaa irraa kaasuun keessa isaatii laboobu bara 2013 ALItti gara kalaqaatti jijjiiruu kan himu dargaggoo Mohaammad Abdulwahaab, Konkolataa maqaa isaa Paradoo jedhamu meeshaawwan gataman kan faaydaan ALA ta’an walitti qabuun akkasumas deeggarsaa meeshaawwan muraasa Kolleejii Poolii Teeknikaa Magaalaa Roobee irraa argachuun hojjadhe jedhe.

Erga meeshaawwan walitti qabadhee booda konkolaataa Paraadoo jedhamu kana hojjadhee xumuraaf ji’oota 3f walitti fufiinsaan hojjadhee jira jedha.

“Hiyyummaan dadeettii sammuu kiyyaa fi humna kalaqaa kootti gufuu ta’u hin danda’u, daandeettiin koo rakkoo kamiyyuu ni caala” Dargaggoo Mohaammad Abdulwahaab.

Konkolaataan Paraadoo jedhamu kun konkolaattoota kaan irraa garagarummaa hin qabu jechuun hima. Namni kamuu kan konkolattoota kanaan konkolaachisu danda’u Paraadoos konkolaachisuu akka danda’u himee jira.

Konkolaataa paraadoo jedhamu kana yeroo hojjadhu, guyyaa hojii biraa hojjadhee halkan ammoo konkolaataa hojjataa bula jechuun hima. Namoonni tokko tokko hojjatee galmaan hin gahu naan jedhaa turan kan jedhu Mohaammad, akkasuma namoonni jabaadhu jedhani na jajjabeessan jiru jedha. “Barsiisonni fi maatiin koos kalaqa kana irratti heddu na jajjabeessaa turan” jechuun OMNtti hime.

Mohaammad dandeettii isaa kana sadarkaa biraatti ceesissuun, meeshaalee gataman fi gatii hin qabne irraa konkolaattota guutuu hojjechuudhaan nama dandeettii guddaa qabu ta’uu isaa mirkaneesee jira.

Konkolaataa 2ffaa Teslaa Cyber Truck jechuun kan moggaasee Mohaammad yeroo ammaa Magaalaa Roobee keessatti tajaajila ittiin kennaa jiraachuu dubbata.

Konkolaataan kun moodela Teslaa Cyber Truck waan hojjatamteef maqaa Teslaa jedhu kenneef jedha. 

Konkolaataan kun sirna fereni, too’annaa fi humna socho’uuf barbaachisu guutuu qaba jechuun himee jira.

Harkaa fi sammuu Mohaammad irraa wanti uumamu ajaa’iba ta’us, imala isaa keessatti rakkoolee fi danqaawwan hedduutu isa mudate. Deeggarsa meeshaalee, bajata fi bakka hojii qabiyyee guutuu qabu dhabuun hojii isaa irratti gufuu ta’ee jira. 

Mootummaa irraa deeggarsa leenjii fi faayinaansii argannaan, teeknoolojii biyya keenyaa sadarkaa ol’aanaatti fooyyessuuf abjuu guddaa akka qabu himee jira.

Kalaqqiin 2ffaa sadarkaa teeknoolojii ammayyaa fi mul’ata Mohaammad kan mirkaneessee yoo ta’u, meeshaalee gataman walitti qabuun “Tesla Cybertruck” modela guutuu uumuudhaan magaalaa Roobeetti tajaajila kennaa jira.

Kalaqa Mohaammad kana ilaalchisuun qaamoleen garagaraa dinqisifannaa qabaniif ibsaa jiru.

Hojii kamuu keessatti abdii muruun hin barbaachisu kan jedhu dargaggoon, milkaa’inni jalqabaa abdii muruu dhabuu irraa jalqabaa jedha.

Namoonni hedduun hojiin isaa kun akka fiixa bahuuf isa cinaa dhaabbatu ibsee jira.

Pireezidaantii mana maree dhimmoota Islaamummaa Itoophiyaa Sh/Haaji Ibraahima Tufaa torbee darbe keessa magaalaa Roobeetti kalaqa dargaggoo Mohaammad Abdulwahaab daawwachuun sirni umraa bilisaa kennanifi jiru.

Mohaammad “abjuun kiyya kaampaanii konkolaataa oomishuu Itoophiyaa keessatti hundeessuun meeshaalee alaa galan hambisuudha” jedha. 

“Konkolaataa qofa osoo hin taanee maashinoota garagaraa kan Mokoroni, saamunaa, sukkara oomishu, Tiraaktar lafa qotu biyyatti keessatti oomishuun mala qonnaa gara ammayyaatti jijjiiruun abjuu kooti” jedhee jira.

Meeshawwan biyya alaatii galan kan biyya kessatti oomishamaniin bakka bu’uun hawwii isaa ta’uu himuun, kanaaf ammoo qabiyyee (bakka) hojii bal’aa, deeggarsa leenjii fi faaynaansii mootummaa irraa barbaada jechuun dubbatee jira.

 

Show More

Related Articles

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

sixteen − 12 =

Back to top button
Copy link