Uncategorized

Sirni gaggaeessaa fi yaadannoo obbo Maammaa Argoo Ameerikaatti adeemsifame.

Sirni gaggaeessaa fi yaadannoo obbo Maammaa Argoo Ameerikaatti adeemsifame.

Sirni gaggaeessaa fi yaadannoo obbo Maammaa Argoo Ameerikaatti adeemsifame.

Namni qabsoo Oromoo keessatti  qooda guddaa qaban Obbo Maammaa Argoo tibbana du’aan addunyaa kana irraa boqotan.

Sirna gaggeessaa fi yaadannoo isaanii Amreerikaatti adeemsifame irratti hawaasni Oromoo bahuun kabajaa fi jaalala obbo Maammaadhaaf qabu agarsiiseeti jira.

Obbo Maammaa Argoo hayyuu guddaa gaaddisa hawaasichaa ta’an dhabnee jedhan namoonni sirna yaadannoo kana irratti hirmaatan.

Hojii fakkeenyummaa qabu bara jireenya isaanii guutuu obbo Maammaan hojjataniin yeroo maraa akka isaan yaadatanis ibsaniiru.

Biyya Ameerikaa Siyaatil kan jiraataa turan obbo Maammaa Argoo qabsoo Oromoo keessatti nama takkaa ofduuba hin jenne, hanga har’aa ijjannoo hin daddaaqamneen qabsoo Oromoo tumsuun umurii isaanii guutuu kan dabarsan ta’uu sirna yaadannoo fi gaggeessaa isaanii irratti ibsame.

Qabsoo Oromoo fi waa’ee uummata Oromoo ilaalchisee warra lixaatiif hubannoo kennuu irratti hojii guddaa hojjachuun isaaniis himameera.

Nama iddoo Oromoon itti walga’e irraa hin hafne, nama osoo Oromoo fi Oromiyaaf falmuu boqotan ta’uu seenaan isaanii hima.

Federeeshinii Ispoortii Oromoo Kaaba Ameerikaa OSFNA hundeessuu keessatti qooda guddaa kan qaban obbo Maammaa Argoo, tokkummaa hawaasa Oromoo Siyaatil cimsuidhaanis maqaan isaanii irra deddeebiin ka’a.

Obbo Maammaa Argoo qabsoo Oromoo jabeessuu erga bubbulanii otoo hin taane ijoollummaan itti seenanii jedhu namoonni isaan beekan.

Bara 1946 godina Arsii Lixaa Shaashamanneetti kan dhalatan obbo Maammaan, jalqaba bara 1960taa keessa waahillan isaanii waliin ta’uun naannawaa isaaniitti sochii barnoota babal’isuu jalqaban jedhan.

Sochii isaanii kanaan gandoota baadiyyaa hedduu keessatti manneen barnootaa banuu fi barsiisuu isaaniitu himama.

Kana malees biyya keessatti hojiiwwan uummata tajaajiluu guddaa hojjachuu isaaniitu ibsame.

Bara 1989 gara biyya Ameerikaatti qajeeluun Waashingitan DC kan dhaqqaban obbo Maammaa Argoo, ergasii bara 1992 gara Siyaatil deemuun Hawaasa Oromoo Siyaatil hooggansaan tajaajiluu jalqaban.

Achitti hawaasicha sadarkaa hooggansaa garaagaraatiin tajaajiluun gamatti dhuma torbanii torbanii irratti daa’imman afaan, aadaa, seenaa fi eenyummaa Oromoo barsiisuu irratti hojii guddaa akka hojjatan seenaan isaanii dubbata.

Namni waggoota 27f hawaasa Oromoo Siyaatil otoo of hin qusannee fi nuffe hin jenne tajaajilan obbo Maammaa Argoo, OSFNA hundeessuu irraa jalqabee waggoota 25 caalaaf akka tajaajilanis seenaan isaanii hima.

Hojiiwwan tola ooltummaa fi tajaajila hawaasummaa garaagaraa magaalaa Siyaatil irrattis dammaqinaan hirmaataa turan obbo Maammaa Argoo.

Mirga namootaatiif falmuun kan beekaman obbo Maammaa Argoo bultii ijaarratanii abbaa ilmaan 5 akka turan seenaan isaanii dubbata.

Show More

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

nine − 2 =

Back to top button
Copy link