Afan OromoNewsPolitics

Haleellaa Iraan buufata waraanaa USA irratti raawwattee fi waliigaltee dhukaasa dhaabuu Doonald Tiraamp

Muddamni Naannawaa Galoo Galaana Peershiyaa Garamitti deemaa jira?

Muddamni Naannawaa Galoo Galaana Peershiyaa Garamitti deemaa jira?

Walwaraansi Iraanii fi Israa’eel gidduutti torbanii oliif deemaa ture booda irra Ameerikaas dabalate.

Israa’eel xiyyaarota waraanaatiin, Iraan immoo Misaa’elootaa fi dirooniiwwaniin wal haleelaa guyyootiin lakkaa’aman.

Ameerikaan waraana kanatti ni seenti moo hin seentuun gaaffii guddaa ture. 

Pirezidaantiin Ameerikaa torban lama keessatti Ameerikaan waan taasifamuu qabu taasifti yaada jedhu ibsanii turan.

Haata’uutii garuu pirezidaantichi kana jedhamanii  guyyoota muraasa booda Ameerikaan haleellaawwan buufataalee niwukilaraaa Iraan irratti xiyyeeffate raawwatte.

Ameerikaan haleellaa milkaa’aa dhaabbilee niwukilaraa Iraan naafa godhan raawwachuu himte.

Ragaaleen saatalaayitii immoo Iraan haleellichi raawwatamuun dura meeshaalee niwukilaraa buufataalee kanneen keessaa baaftee gara hin beekkamnetti wayita geejibsiiftu mul’isuu miidiyaaleen gabaasan.

Haleellaa Amaeerikaan raawwatteef deebii cimaa kennina jechuun dhaadatan hoogganaan olaanaan Iraan Ayaatolaa Alii Komeenii.

Kun otoo kanaan jiruu Iraan haleellaa Ameerikaan wiirtuuwwan niwukilaaraa ishee irratti raawwatte hordofee haleellaa buufata humna waraanaa Ameerikaa Qaatar fi Iraaq jiru irratti raawwatte.

Buufata waraanaa Ameerikaa Qaatar naannawa magaalaa Dohaa jiru kan Al Udeid jedhamuu fi Iraaq keessatti kan argamu irratti haleellaa misaa’ela raawwatte.

Iraan haala kamiinuu haleellaa walabummaa daangaa, birmadummaa fi nageenya ishee irratti raawwatamu kamiyyuu deebii malee hin dhiiftu jedhe humni Egdota Warraaqsaa Iraan. 

Iraan misaa’eloota hedduu Qaataritti kan dhukaafte yoo ta’u, humni ittisa haleellaa qilleensaa Qaatar hedduu isaa qolchuu ibsee jira.

Mootummaan Qaataar haleellaa Buufata Xiyyaaraa Al-Udeid irratti raawwatame balaaleeffate.

Dubbi-himaan Ministeera Dhimma Alaa Qaataar, Maajed al-Ansaari toora X irratti akka barreessanitti: “Kun birmadummaa Qaataar, naannoo qilleensaa ishee, seera idil-addunyaa fi chaartara Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii ifatti akka cabsutti ilaalla,” jedhaniiru.

Sirni Ittisa Qilleensaa Qaataar, ”haleellaa kana milkaa’inaan fashaleessuun misaa’ela Iraan to’achuu, akkasumas buufatichi durfamee keessaa bahamee akka ture dubbatan.

Ibsa balaaleefannaa mootummaa Qaatar hordofee Manni Maree Nageenyaa Biyyaalessaa Olaanaa Iraan ibsa baaseen, Iraan buufata humna qilleensaa Ameerikaa mancaastus haleellaan kuni ”Qaataariifi uummata ishee irratti kan xiyyeeffate miti” jedhe.

Dabaluunis, ”Iraan hariiroo seena-qabeessaafi gaarii Qaataar waliin qabdu eeguufi itti fufsiisuu feeti,” jedha.

”Lakkoofsi misaayelaa Iraan fayyadamte hamma boombii Ameerikaan wiirtuulee niwukilaaraa haleeluuf fayyadamtedha,” jedha ibsi mana marichaa.

Buufanni humna qilleensaa Ameerikaa kan bakka Al Udeid jedhamu magaalaa guddoo Qaataar, Dohaatti dhiyoo jiru, oppereeshinii qilleensaa Baha Giddu-galeessaaf buufata muummee Wiirtuu Ajajaa US ta’uun kan tajaajiludha.

Buufata kana keessa loltoota Ameerikaa 8,000 ta’antu jira jedhama.

Buufanni kun yeroo ammaa oppereeshinii US Iraaq keessatti gaggeessituuf akka buufata muummeefi loojistikii ta’uun kan tajaajilu yoo ta’u, buufata humna qilleensaa naannoo Galoo Galaanaa keessatti isa hunda caalaa guddaadha.

Qaataar bara 2000 ture Ameerikaan akka buufata Al Udeid argattuuf kan kenniteef.

Akka dhaabbani intelijensii Grey Daayinaamiks jedhamu Landan maadheffate jedhutti, bara 2001 irraa kaastee Ameerikaan akka manaajera buufata kanaa taateen booda, Dohaa fi Waashingiteen Mudde bara 2002 ture humni waraanaa US dhaabbata Al Udeid kana keessa akka jiru ifatti waliigaluun kan ifoomsan.

Ameerikaan haleellaa Iraan kanaaf deebii hamaa kennuu dandeessi jedhamee otoo eegamuu pireezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp waliigalteen dhukaasa dhaabuu Israa’eelii fi Iraan gidduutti taasifamuu himan.

Erga haleellaan Iraan buufataalee Ameerikaa baha giddugaleessaa keessa jiru irratti raawwatameen booda, Pireezidaantiin biyyatti Doonaald Tiraamp yaada miidiyaa hawaasaa irratti maxxansaniin haleellaan deebii Iraan kennite ”baay’ee laafaadha” jedhan.

“Iraan Dhaabbilee Nukilaaraa isaanii balleessuu keenyaaf deebii baay’ee laafaa ta’een ifatti kennitee jirti, kanas nuti eegnee turre, haala baay’ee bu’a qabeessa ta’een dura dhaabbanneera,” jedhan.

Iraan misaa’eloota 14 dhukaafte kan jedhan yoo ta’u, isaan keessaa 13 ”kuffisaniiru”, kan biraa ammoo gara ”kallattii yaaddeessaa hin taanetti” akka qajeelfame dubbatan.

Lammiileen Ameerikaa kamiyyuu miidhaan irra hin geenye, “miidhaan dhaqqabe jechuun hin danda’amu” jedhan. Lammiin Qaataar tokkollee hin ajjeefamne, ykn kan madaa’es hin jiru jedhan.

“Hunda caalaa ammoo ‘sirna’ isaanii keessaa hunda fixataniiru, kana booda jibbi akka hin jirre abdii guddaan qaba. Iraan dursitee akeekkachiisa waan nuuf kenniteef galateeffachuu barbaada,” jedhan.

“Tarii Iraan amma gara nageenyaa fi waldanda’uu naannichaatti ce’uu dandeessi, Israelis akkasuma akka gootuuf jajjabeessa,” jedhqn.

Akkasumas itti dabaluudhan, ”Addunyaan baga gammadde, yeroon amma kan nagaati” jedhan Donaald Tiraamp.

Israa’el waliigaltee dhukaasa dhaabuu akka fudhattu kan beeksifte yoo ta’u, Iraanis waliigaltee dhukaasa dhaabu fudhattee jirti.

Garuu haleellaan Israa’eel dirqama dhaabbachuu qaba jechuun ijjannoo qabatte.

Biyyoonni lamaan waliigaltee dhukaasa dhaabuu erga fudhatanii booddees ibidda walitti darbachuu irraa hin dhaabbanne jedhamaa jira.

Cabuu waliigaltee dhukaasa dhaabuuf walhimataa jiru.

Tiraamp hama lameenuu qeeqan.

Pirezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp Israa’elii fi Iraan irratti kan dheekkaman yoo ta’u, gama lachuu dhukaasa dhaabuu cabsaniiru jechuun qeeqan.

Israa’el raadara Iraan rukutuu himtee garuu erga ministirri muummee Beeniyaamin Netaaniyaahuun Tiraamp waliin dubbataniin booda ”haleellaa dabalataa irraa of qusatteetti’’ jedhame.

Iraan keessatti dhohinsi dhaga’amuu jiraattonni BBC Persian’tti himan.

Israa’el erga waliigalteen dhukaasa dhaabuu hojii irra oolee booddee Tehran misaa’eloota natti furguggifte jettee himatte. Iraan himan Israa’eel kana haaltee jirti.

Halkan edaa osoo dhukaasni dhaabuun hin mirkanaa’iin dura gama lachuu dhukaasa wal jijjiiruun akka ture ibsame.

Jiraattonni Tehran haleellaan eda Israa’el raawwatte ulfaataa ta’uu himan.

Qondaaltonni biyya keessaa Iraan akka jedhanitti, kaaba Iraan keessatti namoonni sagal ajjeefamaniiru.

Tajaajilli balaa tasaa Israa’el akka jedhetti Beershebaatti namoonni afur ajjeefamaniiru. 

Ministirri ittisaa Israa’el Israa’el Kaatz magaalaa guddoo Iraani Teehraanirratti haleellaan akka jabaatu ajajan. 

Kana kan ajajan Iraan waliigaltee  dhukaasa dhaabuu sarbite jedhaniiti. Waliigalteen dhukaasaa dhaabuu jaarsummaa Ameerikaa fi Qaataariin godhame sa’aatii 24 hin guunne. 

Iraan himannaa Israa’el kana yoo waakkattu,  qondaalonni nageenyaa olaanoon haleellaa Israa’el kamiifuu deebii murteessaa kennuuf qophii ta’uu himan. 

Ganama har’aa Iraan haleellaa misaayeloota hedduu  walfaana tolchiteen yoo xiqqaate lammiilee Israa’el namoota afur kibba magaalaa  Beershebaatti ajjeefte. Haleellaa misaayelootaa buufata xiyyaaraa Ameerikaa Qaataar keessarratti Wixata kaleessaa raawwachuun ishee ni yaadatama.

Iraan  akka himattutti haleellaa Israa’el isheerratti Waxabajjii 13 eegalee raawwatteen daa’imman 13  dabalatee lammiileen ishee 400 yoo jalaa ajjeefaman kanneen biroo 3,056 ta’an madaawan.  Israa’elirraa haleellaa Iraaniin namoonni 24  ajjeefamanii jiru.

Kan kana fakkaatu:

Show More

Related Articles

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

nine + 16 =

Back to top button
Copy link