Afan OromoNews

OMN: Dr. Aliimaa Jibriil waa'ee rakkoo nageenyaa Wallaggaa Maal jedhu?

Rakkoo Nageenyaa Wallaggaa fira addaan kute

Barsiiftuun Yuuniivarsiitii Wallaggaa Dr. Alimaa Jibriil “ummanni nageenya hawwee waraanni ni gahaa haa dhaabbatu” jechuun qaamolee waaranicha keessatti qooda fudhataniif waamicha taasisan.

Dr. Aliimaan Viidiyoo imiimmaan dhangalaasaa miidiyaa hawaasaa irratti maxxansaniin “sababa rakkoo nageenyaa godinaalee Wallaggaa gaddaa fi gammachuu walii qooddachuu erga dhabnee bubbuullee jirraa” jedhan.

Akka Dr. Alimaa Jibriil jedhanitti sababa rakkoo nageenyaatiin cidhaa fi du’a maatii isaanii dhaquu dadhaban.

Viidiyoo kana waraabuuf sababa kan ta’e cidha intala obboleettii isaanii sababa rakkoo nageenyaa dhaquu dhabuu akka ta’e ibsuun, eessuumni isaani sirritti jaalatan yeroo boqatan dhaquu akka hin dandeenyee fi tibba darbe ilmi eessuma isaanii Diichotti ajjeefamee dhaquu akka dadhaban dubbatu.

Magaalaa Naqamtee jiraataa sababa waraanni naannichatti adeemsifamuuf gaddaa fi gammachuu fira ofii gahuu dhabuu caalaa wanti nama dhukkubsu hin jiru kan jedhan Dr. Alimaan, waraanni ni gahaa jedhan.

Ummanni nagaan rafee buluu dheebote, nagaan bahee galuu hawwee, warri qaawwee baattan nagaa buusaa, waraanni ni gahaa, dhukaasni haa dhaabbatu jechuun qooda fudhattoota hundaaf waamicha taasisan.

Dr. Aliimaan ergaa isaaniitiin firri wal hanqatee, cidhaa fi du’a, gaddaa fi gammachuu walii gahuu dhabee, warri waraana kana dhaabuu dandeessan, warri humna qabdan nageenya buusaa jechuun warwaatan.

Godinaalee Wallagga kanneen akka Wallagga Bahaa fi Horroo Guduruu Wallaggaa keessatti haleellaa humnoonni Finxaaleeyyii Faannoo ummata nagayaa irratti raawwataniin namoonni hedduun ajjeefamnii kuma dhibbootaan kanneen lakkaa’aman qe’ee isaanii irraa buqqa’anii jiru.

Show More

Related Articles

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

17 + 14 =

Back to top button
Copy link