Afan OromoNewsNews Analysis
Trending

OMN: Xiinxallaa; Jimaan jireenya Ummata Harargeeti!

Harargetti Jimaan Waa Hunda, Wanti Hundi Jimaadha!

Saamichi fi haleellaan konkolaattota Jimaa irratti raawwatu beekkamtii mootummaa Itoophiyaatiin raawwatamaa kan jiru ta’u agarsiiftuuwwan mirkaneessan.

Mootummaan Itoophiyaa kan paartii Biltsiginnaatiin durfamu Jimaa balleessuuf giddulixiinsa gabaa jimaa irratti taasisuu hanga qaraxa seeraan alaa jimaa irratti qaratuu, jimaa gara biyya alaatti akka hin ergamne taasisuu hanga ummanni omisha jimaa balleessee qamadii akka oomishu taasisuutti, muummichi minisitira Itoophiyaa Jimaan baduu qaba jechuu hanga konkolaattota jimaa fe’anii gara giddugaleessaa imalan irratti saamichaa fi haleellaa raawwachuutti harki mootummaa keessa jiraachuu gabaasni dhimma kana irratti torbaanotaaf OMN hojjataa ture mul’isee jira.

Waa’een jimaa yoo ka’u kan sammuu Ummattoota Itoophiyaa, Keeniyaa, Somaaliyaa fi Jibuutiitti dhufu jimaa qotee bulaa Harargeeti. 

Magaalonni baha Oromiyaa kanneen akka Awwadaay, Bordoddee, Dirree Dhawaa, Harar fi kanneen biroo jiddugala siyaasaa fi diinagdeeti. Hundee jimaa fi daldaalaati jiruu fi jireenya ummata Harargeeti.

Daldalli jimaa osoo adda hin citiin, gabaan osoo hin qorriin biiftuun baate dhiiti, tan dhiites bariiti. Harargeen jiddugalli jimaa Itoophiyaa gurri isii fagaatee Naayroobii hamma mombaasa, Somaaleelandi hamma Moqaadishoo darbees hamma Jibuutii kan dhagahameedha.

Harargetti Jimaan waa hunda. Wanti hundis jimaadhaa. Jimaan jireenya qotee bulaa Oromoo  Oromiyaa bahaati. Guyyatti daldaala Jimaa Birrii Miliyoonaa 50 ol baasutu magaalota gaodinaalee Harargee keessatti adeemsifama.

Jimaan Oromiyaa oomishoota galii sharafa alaa guddaa biyyaaf galchan keessaa sadarkaa lammaffaa irratti ramadama. Haa tahuu malee oomisha sadarkaa biyyaatti galii guddaa argamsiisu kana qotee bulaan Oromoo kan dafqa isaa akka galaanaa dhangalaase oomishu irraa fayyadamaa hin tane.

Inumaa bara bulchiinsa Biltsiginnaa kana mootummaa qoqqobbii gabaa jimaa irra kaa’uun qotee bulaan gurgurata hanqatee hiyyummaaf harka laataa jira.

Dafqi Qotee bultoota godinaalee Harargee haala adda addaatiin saamamaa ture. Qotee bulaan keenya luqqa’ee, bututee, caccaphee oomishee agabuu irraa galaa ture.

Amma ammoo xinnoo duraan argatuu dhabee harka maratee taa’ee jira. Yeroo mara dadhabiin isaa tilmaama keessa osoo hin galfamne akkuma itti qunca’ee hojjatetti harka maratee manatti biraa galaa. Mirgi abbaa qabeenyummaa isaa guyyaa tokko mirkanaa’eefi hin beeku. Wanti biraa haa hafuu kabajaan isaan malu guyyaa tokkoof laatameef hin beeku. 

Haalli kun ammoo qonnaan bultoota jimaa sadarkaa duraa irratti oomishan hamilee cabsee, miira gad aantummaa keessatti kalaqee, of tuffachiisee akka isaan mataa ol hin qabanne taasisee jira. 

Dafqi qonnaan bulaa Oromoo kan duroomsaa jiru abbootii qabeenyaa saboota biroo irraa dhalatanii fi Oromoo diinagdeen cabsuu barbaadanidha.

Jimaan qabeenya Oromiyaa, humni isa oomishee dhiheessuus Oromoo tahee osoo jiruu, kan duroomaa jiru qotee bulaa Oromoo osoo hin taane, kanneen Oromoo akka hin kaanetti cabsuu barbaadaniidha.

Yeroo garagaraatti qonnaan bultoonni fayyadamaa akka ta’aniif gaafatamaa turus hanga ammatti hin milkooyne. Waggoota darban keessa ammoo gatiin jimaa irratti qaraxamuu olka’uu fi mootummaa ejansiiwwanii fi namoota isaa gabaa keessa seensisuu hordofee qonnaan bultoonni fi daldaaltoonni Jimaa Harargee gabaa keessaa dhiibamani jiru.

Dhiibamuu qofa osoo hin taanee jireenya isaanii kan jimaa irratti hundaa’e geggeessuu dadhabuun hiyyummaa fi beelatti harkaa laatani gara magaalota gurguddoo baqataa turani jiru.

Daldaltoonni qaamoleen seeraan ala gabaa jimaa to’atanii fi mootummaan namoota isaa gabaa jimaa keessa waan galfateef, daldaaltoonni fi qotee bultoonni Oromoo waldaalee garagaraatiin gurmaa’ani hojjatan hojii daldaalaa keessaa dhiibamani hiyyummaaf saaxilamani jiru. 

Kan Jimaa oomishu ammoo jimaa gabaa fidee gurguruuf bakka heddutti qaraxaa. Daldaaltoonni jimaa qotee bulaa irraa bitan ammoo jimaa fayyadamtoota magaalota biyyatti biroo dhaqqabsiisuuf keellawwan mootummaan saamichaaf diriirseen mallaqa guddaa irratti qaraxu. 

Fknf Jimaan Konkolaataan tokko Bordoddee irratti birrii kuma 70 yoo qaraxame, Dhangaggoo irratti ni qaratama, Dirre Dhawaa Wayta seenus ni qaratama, Adaamaa wayta seenus ni qaratama. 

Baasiin qarata irratti bahu kun hundi ammoo miidhaan isaa qotee bulaa irratti kuufama. Daldaaltoonni qarata keellaa irratti kafalan kana jala darbuuf qotee bulaa irraa kiiloogiraama tokkoo duraan birrii kuma 10 hanga kuma 30 jidduu bitaa turan gadi buusuun kuma 1000-2000 jiddutti bitaa turuu isaanii ni yaadatamaa.

Qotee bulaan ammoo kiiloogiraama tokkoo kuma 30 irraa 2000tti deebisee gurguree jireenyaa maatii isaa geggeessuu hin dandeenye. 

Jireenya maatii geggeessuu dadhabuun ammoo hiyyummaa fi beelaaf harka laatuudha. maddi rakkoo kanaa ammoo imaammata mootummaan gabaa jimaa irratti qabateedha.

As dura daldaltoonni seeraan alaa namoota caasaa mootummaa keessa jiraniin deeggaraman qonnaan bultoota fi daldaltoota waldaa Biiftuu Bahaa Oromiyaa jedhamu jalatti ijaaraman gabaa keessaa baasuuf dhiibbaa uumaa turan.

Qonnaan bulaan duraanumaa daldala jimaa  fayyadamee kan hin beekne yoo ta’u, daldaltoonni seeraan ala gabaa jimaa kana to’atan oomisha jimaa duraan dolaara kudhaniin gara biyya alaatti ergamaa ture gara dolaara shanitti gadi deebisuun fayyadamummaa qonnaan bultoota dhabamsiisani gabaa keessaa akka bahan taasisaa turan.

Namoonni kunniin waggoota darban keessa qotee bulaa Oromoo irraa jimaa Kg tokko dollara 5n bitani erga biyyaa baasanii booda dolaara 20- 30 gurgurachuun dafqa qotee bulaa Oromoo nyaataa turani jiru.

Mootummaan qabsoo ummata kanaatiin gara aangootti dhufe ammoo Jimaa gara biyya alaatti ergamu daangeessuun haala hammaataa qotee bultootatti uumee jira.

Daldalli jimaa bu’uura jireenya uummata Harargee miiliyoonaan lakkaawwamu haa ta’u malee waggoota hedduuf jeneraalota mootummaatin qabamee qonnaan bulaan oomisha isaarraa fayyadamaa ta’aa hin turre.

Gaafii qabeenya ofi irraa fayyadamaa ta’uu jedhu kan ummanni gaafataa tureen wal qabatee ceehumsa bara 2018 booda mootummaan naannoo Oromiyaa qonnan bultootaa fi daldaaltoota waldaan ijaaruun akka daldaala jimaa keessa seenan godhe ture.

Waldaalee gurmaa’an keessa waldaan Biiftuu baha Oromiyaa tokko yoo ta’u, daldaala jimaa irratti gurmaa’uun gara alaatti erguuf sochii taasisuun Daldaaaltota “Suuraa” kan Somaaleelandi keessatti waggoota dheeraaf gabaa kana to’atanii turaniin dhiibbaan irratti raawwatamaa ture.

Waldaan Biiftuu Baha Oromiyaa hamma mootummaa Somaaliyaa dubbisee hojii kana hojjachuuf yaaluus daldaaltoonni Suuraa jedhaman gufuu itti ta’uun mootummaan Somaaliyaas warra Suuraa jedhaman qofa wajiin akka hojjatan isaan hubachiise.

Qonnaan bulaan Oromoo qabeenyuma isaa daangaa dabarsee gurgurachuuf hiree dhabe. Daangaa miti biyya keessattu gurguratee galii fooyya’aa irraa argachuu hin dandeenye.

Mootummaan jimaa gara biyya alaa deemu kg1 dolara 10 godhee yeroo murteessuu warri dhaabbata Suuraa jedhan kun Kotorbaandiin jimaa Somaalilandi fi Jibuutii seensisuun dhiibban uumani gatii isaa gara dolara 5tti akka deebisiisantu dubbatama.

Dhaabbanni Suuraa jedhamu gabaa jimaa addatti qabatee waan jiruuf Waldaan Biiftuu Baha Oromiyaa carraa biraa waan hin qabneef jimaa isaanitti dhiyeessu itti fufus xalayaan isaan wajjiin hojjachuu dhaabuu ibsitu isaan dhaqqabde.

Dhaabbanni Suuraa kan Somaaalilandii kun Dhaabbata Biiftuu Addunyaa jedhamu kan mootummaan naannoo Oromiyaa hundeessse jedhamuun daldaala jimaatti seenuun waldaa Biiftuu Baha Oromiyaa kan qonnaan bultootaa fi daldaaltoota Oromoo fayyadamaa taasisa jedhamee hundeefame gabaa keessaa baasutti seene.

Waldaan Biiftuu Baha Oromiyaa gabaa Jimaa Moqaadishoo keessaa dhiibamee baafamuun gara Puntland deebi’us, Namni biraa kan mootummaa naannoo Oromiyaatiin ergamee daldalaa jimaa seenee sarara Puntland qabachuun jimaa kg 1.2 dollara 28 waldaan Biiftuu Bahaa Oromiyaa gurguraa ture gara dolara 4 deebisuun gabaa keessaa akka bahan taasifame.

Biyya keessatti ammoo Dhaabbanni Red Staar jedhamu qondaalota mootummaa naannoo Oromiyaa waliin waliigaluun daldaala jimaa kan too’ate yoo ta’u, waldaalee Oromoo daldaala kana keessaa dhiibee baasuu isaa qonnaan bultootaa fi daldaaltota Awwadaaytu ragaa baha.

Kanaan dura mootummaan Itoophiyaa oomishni Jimaa galii gaarii akka argamsiisuuf jecha adeemsa gabaa irratti fooyya’insa heddu godhamaa akka jiru beeksise ture.

Jijjiiramoota godhaman keessaa gatii irratti daballii taasisuun Amajjii 15 bara 2014 ALI irraa kaasee gatiin Jimaa gara Somaaliyaa ergamu kiiloon tokko dolaara 5 ture irraa gara dolaara 10 akka ol guddatu taasifamuu ibsame ture.

Kana malees, Pirizdaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Shimallis Abdiisaa bara 2022 keessa gaazexaa Kaappitaalitti akka himetti, “Gabaa Jimaa faddaaltotaan qabamee fayyadamummaa oomishtoota hir’isaa ture fooyyeessuuf hojjachaa jirra jedhe. 

Fayyadamummaa qonnaan bultootaaf jecha kanneen seeraan ala socho’an moggaatti baasuuf hojjachaa jirra,” jedhe. Akkasumas naannichi gabaa fi oomishtummaa Jimaa jijjiiruuf xiyyeeffannoon hojjachaa akka jiru fi gabaa Jimaa ammayyeessuuf jecha wiirtuulee gabaa Jimaa hundeessaa jiraachu hime ture.

Garuu dureen mootummaa naannoo Oromiyaa  fayyadamummaa ummataa mirkaneessuuf hojjataa jirra jedhus qabatamaan wanti lafa irratti mul’atu qotee bulaa hiyyoome, kan beela’e, qabeenya isaa gabaa bilisaatti baasee gurguruuf yeroo lamaa hanga sadii qaraxuuf kan dirqamee fi amma ammoo garee maafiyaa Magaalaa Ciroo fi Adaamaa jidduu buufate saamichi fi haleellaan konkolaattota jimaa irratti raawwataa jiruudha.

Gareen Maafiyaa Magaalaa Adaamaa fi Ciroo jidduu buufate kun konkolaattota jimaa qofa irratti xiyyeefachuun haleellaa raawwataa jira. 

Konkolaachiftoota jimaa gara giddugaleessa Oromiyaa geessan ukkaamsuun birrii kuma 500 kan Miliyoona 1 kafalchiisuun gad dhiisu.

Lakkoofsi Herrera baankii isaan konkolaachiftoota birri irratti kafalchiisan kan baankii daldaala Itoophiyaati. Baankiin Daldaala Itoophiyaa ammoo Baankii guddaa biyyatti fi mootummmaa Itoophiyaati. 

Maatiin konkolaachiftoota lakkoofsa Herrera baankii maafiyoota kanaa poolisootaaf kennaniin rakkoon akka furamuu fi mootummaan nageenyaa daandii kanaa akka eegu gaafatanis qaamni dhagahe hin jiru.

Konkolaattota baha irraa gara giddugaleessa dhufan keessaa konkolaattota jimaa fe’an qofa irratti xiyyeefachuu fi mootummaan dhimma kanaaf xiyyeefannaa kennuu dhabuun akeektuu mootummaan harka keessaa qabaachuuti jedhan.

Akeektuuwwan mootummaan harka keessaa qabaachuu; Garee maafiyaa kana irratti tarkaanfii fudhachuu dhabuu, komii ummataa dhageeffachuu diduu, laakkoofsa Herrega baankii garee maafiyaa kana to’achuu diduu, jimaa baleessuuf mummichi ministiraa dubbataa turuu, giddulixiinsa gabaa Jimaa irratti taasisuu akkasuma jimaan omisha qamadiitiin akka bakka bu’uu mootummaa sochii taasisaa turuu fi kanneen biroo kaasuun ni danda’ama.

Gareen Maafiyaa kun konkolaatoota baha Oromiyaa irraa gara giddugaleessaa dhufan keessaa konkolaattota jimaa fe’anii deeman qofa irratti xiyyeeffachuun haleellaa raawwata.

Kun ammoo opireeshiinii kana keessaa mootummaan harka qabaachuu ykn gareen maafiyaa kun mootummaan bobbaafaman shakki jedhu guddisee jira.

Akka qorannoon gabaa Jimaa fi hojiirrra olmaa gabaa alaa diinagdee Itoophiyaa keessatti qabu ilaalchisee bara 2020 bahe mul’isutti, “Indaastiriin Jimaa dameewwan qonnaa adda durummaan eeraman keessa isa tokko. Indaastirichi galii gabaa alaa biyyattii keessaa dhibbeentaa 4 kan qabu yoo ta’u, gabaa alaa waliigalaa irraa gahee dhibbeentaa 9.4 qaba.”    

“Gatiin Jimaa adeemsa yerootin jijjiiramaadha. Galiin Jimaa gara alaa ergame irraa argame bara 1985 kan ture birrii miiliyoona 15.9 irraa bara 2000 gara dolaara miiliyoona 618.8 guddachuun bara 2017tti dolaara biiliyoona 6.1 gaheera. 

Jimaan gara alaa ergamu bara 1985 toonii 138 ture irraa bara 2000 gara toonii 156 guddachuun, bara 2017 irratti toonii 488 gaheera. 

Kunis fedhii olaanaa Somaalilaand waliin walqabata. Somaalilaand biyya Jimaa gara biyya keessa galchuun beekamtu Jibuutii bakka bu’uun biyya oomisha Jimaa olaanaa galchitu ta’aa jirti,” jedha qorannichi.  

Waggoota darban garuu mootummaan jimaa irratti qarata olaanaa fe’uu hordofee qotee bulaan kasaaraa guddaaf saaxilamee jira.

Mootummaan jimaa Awwadaay gara giddugaleessa biyyaa deemuu Awaash gubbatti, kan gara naannoo Somaalee deemu Karramarraa irratti kg tokko birrii 17 qarataa ture. 

Garuu sun jijjiiramuun keellaawwan hedduun daandii irra dhaabbatanii jima kiiloogiraama tokko birrii 50 hanga 60 qarataa turan. Jimaan tokko ammoo keellaa lamaa sadi irratti qaratama. 

Fakkeennaaaf Jimaan Harargee bahaa Awwadaay wayta bahu ni qaratama. Magaalaa Adamaa, Dirree Dhawaa, Finfinnee wayta seenus ni qaratama. wayta biyya alaa deemus ni qaratama. Qaratani kun hundi ammoo dhiibbaan isaa qotee bulaa irratti fe’ama.

Qaratni kun ammoo daldaaltota fi qonnaan bultoota saffisaan gabaa keessaa baasee jira. Qaratni jimaa waan olkaa’eef daldaaltonni gatii gadi buusani qonnaan bulaa irraa bituuf dirqamu.

Mootummaan giddulixiinsa gabaa Jimaa irratti taasisuu fi qaraxni humnaa olii Jimaa irra kaa’amuu akkasuma gareen shiftaa Ciroo fi Adaamaa jidduu mandheefate konkolaattota jimaa fe’an saamu bobbaafamuu hordofee qonnan bultoonni oomisha Jimaa irratti bobba’an kasaaraa qabeenyaa fi rakkoo jireenyaatiif saaxilamani jiru.

Godinaalee Harargee lamaan dabalatee naannoo Hararii keessatti oomishni Jimaa bal’innaan kan beekkamu yoo ta’u, jireenyi hawaasa godinaalee kanneenii jimaa irratti kan irkateedha.

Hawaasni Oromiyaa bahaa godinaalee Harargee keessa jiraatu jiruu fi jireenyi isaa jimaa irratti kan hundaa’ee fi waggoota dheeraaf omisha jimaa gabaa bilisaatti dhiyeessuun gurguratee jireenya isaa ittiin adeemsisaa ture.

Akkuma Arsiin, Baale, Shawaan fi Wallaggi oomisha midhaan nyaataa oomishuun jireenya isaa geggeefatu, Harargeen ammoo Jimaa oomishuun jireenya isaa geggeefata.

Jimaan Harargeef qamadiidha, Gaala, Birriidha, jireenya, qabeenya, Jimaa malee jireenyi hin jiru. 

Haa ta’u malee waggoota as giddulixiinsa mootummaan gabaa jimaa irratti taasise hordofuun qaraxni humnaa olii jimaa irra kaa’amuu fi jimaan gara biyya alaatti ergamu hammi isaa daangeefamuu hordofee ummanni miidhama garagaraatiif saaxilamaa jira.

Erga mootummaan giddulixiinsa gabaa Jimaa irratti taasisee, qonnaan bulaan dur jimaa kiiloogiraama tokkoo birrii kuma 10 hanga kuma 30 gurguru, har’a 1000-2000 qofa gurguraa jira.

Kun ammoo keellaan jimaan itti qaraxamu baay’achuu hordofee yoo ta’u, Jimaan Harargee Lixaa irraa bahu Bordoddee irratti Konkolaataa tokko hanga birrii kuma 70tti qaraxama jedha.

Haaluma walfakkaatuun Jimaan Bordoddee irratti qaraxame, yeroo Dhangaggoo gahus ni qaratamaa. Dhangaggoo irraa kan Dirre Dhawaa seenuus Keellaa Dirre Dhawaa irrattis akka haaraatti qaraxama.

Jireenyi waggoota dheeraaf jimaan adeemsifamaa ture waggoota darban keessa mootummaan giddu lixiinsa gabaa jimaa irratti taasise hordofee, gatin jimaa gadi bu’uun qonnaan bultoonni gatii dadhabbii isaanii argachuun haa hafuu, jireenya isaanii itti fufsiisuu dadhabuun balaaf saaxilamaa jiru.

Qaraxni humnaa olii fi saamichi konkolaattota jimaa irratti taasifamu kun qonnaan bulaa irratti dhiibbaa guddaa geessisaa jira jechuun qonnaan bulaan dur gabaa bilisaatti oomisha isaa dhiyeessee gurguru har’a danqamee jira.

Rakkoon gabaa jimaa muudate kun tarsiimoo Jimaa biyyatti keessaa ittiin dhabamsiisan akka ta’e mummichi ministiraa walgahii abbootii amantii wajjiin taasiseen akkas jedhee ture.

Caatiin ijoollee keenya ilkaan isaanii, fuula isaanii, dhiiga isaanii nyaatee fixaa jira. Baradhu yoo jetteen caatii, hojii tokko hojjadhu yoo jetteen caatii, sochii kamiifuu caatiin akka boba’aa konkolaataa jedhee dhaloonni yaadu biyya baachuu hin danda’u. Barteen isaa kan ture waan ta’eef guyyaa tokkoon balleessuu hin dandeenyu, itti yaadaa. Jimaan naannoowwan tokko tokkotti miidhaa hamaa dhaqqabsiisaa jira.

Kabajamoo ministira Mummee; miidhaa jimaan dhaqqabsiisuu ibsitani jirtu, faaydaa jimaan diinagdee biyya keessatti qabu, hawaasa miliyoona hedduu jireenyi isaa Jimaa irratti hundaa’e, jireenya qonnaan bultootaa jimaan geggeefamuuf maaltu yaadamee jimaan balleefama? Jechuun namni gaafate hin jiru.

Rakkoon gabaa Jimaa muudatte, kufaatii diinagdee hawaasa godinaalee Harargee qofa osoo hin taane, hiyyummaa fi beela hordofsiisaa jira.

Aanota godina Harargee lixaa fi bahaa Doobbaa hanga Cirootti, Mi’eessoo hamma Masalaa Tulootti, Gubbaa Qorichaa hamma Gammachiisitti, Anchaar namma Habrootti Odaa Bultumi hamma magaalaa Baddeessaatti, Bookee hamma Daaroo Labuutti, Burqaa Dhiintuu hamma Hawwii Gudinnaatti, Cinaaksan hamma Jaarsootti, Kombolchaa hamma Gooroo Guutuutti, Qarsaa hamma Meettaatti, Haramaayaa hamma, Kurfaa Calleetti, Gursum hamma, Fadisitti, Badannoo hamma, Guraawaatti, Malkaa Bal’oo hamma, Miidhagaa Tolaatti, Baabbile hamma, Maayyuu Mulluqqeetti fi Gola Odaa hamma Dirre Dhawaatti jireenyi ummataa jimaa irratti hundaa’e.

Jimaan Harargee keessatti waa hunda. Wanti hundi ammoo jimaadha.

Show More

Related Articles

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

one × four =

Back to top button
Copy link