Afan OromoNewsPoliticsWorld

Raafama Siyaasaa fi Waraanaa Baha Giddugaleessa

Naannoon baha giddugaleessaa maaliif bakka tarsiimoo Idil-addunyaa ta'e?

Raafamni siyaasaa fi waraanaa baha giddugaleessaa keessatti yeroo garagaraatti adeemsifamuu gaaga’ama qabeenyaa fi lubbuu namaa danuu hordofsiise jira.

Naannoon kun rakkoo siyaasaa fi waraanaa qabaatus dhimmoota daldala idil-addunyaa, siyaas-diinagdee akkasumas dhimmoota amantaalee gurguddoo Addunyaatiif naannoo tarsiimaawaa ta’eedha.

Naannoon Baha Giddugaleessaa jedhamuun beekamu ardii Awurooppa, Afrikaafi Eshiyaa kan wal-qunnamsiisu yoo ta’u, biyyoota akka Saawudii Arabiyaa, Gamtaa Emireetota Araabaa, Filisxeem, Israa’el, Sooriyaa, Iraan, Tarkiifi Yaman dabalatee biyyoota 17 ta’an of keessatti qabata.

Naannawani kun ardiiwwan sadan: Afrikaa, Awurooppaa fi Eshiyaa kan wal-qunnamsiisu ta’uun isaa bakka tarsiimaawaa addunyaa dhimmoonni daldaala fi siyaasaa itti adeemsifaman isa taasisa.

Naannoon baha giddugaleessaa bakka amantiiwwan gurguddoon addunyaa kanneen akka amantaa Islaamaa fi Kiristaanaa irraa dhufan waan ta’eef, daldaalas ta’ee siyaasaan, waraanas ta’ee nageenyi naannawa kanaa hordoftoota amantaa kanneenii addunyaa irra jiraniin bal’innaan hordofoma.

Magaaloonni naannicha keessatti argaman Makkaa, Madiinaa fi Yeruusaalaam bakkeewwan murteessoo xiyyeefannaa Idil-addunyaa argataniidha.

Dhimmoota baha giddugaleessaa addunyaa irratti bakka tarsiimawaa taasisaan keessaa kan biraa naannichi wiirtuu Annisaa,  boba’aa fi gaasii uumamaa ta’u isaati.

Saawud Arabiyaan boba’aa omishtee gabaa addunyaaf yoo dhiyeessitu, biyyoonni akka Iraan, Iraaq, Kuweet, Omaanifi Kaataar fa’aa diinagdeen isaanii irra guddaan boba’aa gabaa addunyaaf dhiyeessan irratti hundaa’a.

Bara 1938 Sawudii Arabiyaa keessatti maddi petirooliyeemii addunyaa guddichi argamuun ammoo caalmatti Baha Giddugaleessaa naannawa tarsiimawaa addunyaan barbaaddu taasise.

Dhaabbanni Ameerikaa boba’aa baasu Baha Saawudii Arabiyaa bakka Daharaan jedhamutti madda boba’aa guddaa addunyaa argate.

Haala kanaan boba’aan naannawa baha giddugaleessaa keessaa bahuun gabaa addunyaatti dhiyaatu wiirtuu gabaa addunyaa ta’aa dhufe.

Ragaaleen akka agarsiisanitti, boba’aa dikita %30 akkasumas gaasiin uumamaa %20 biyyoota Baha Giddugaleessaa keessatti qophaa’un gabaa addunyaaf dhiyaatu.

Kuufamni boba’aan guddaa ta’e Baha Giddugaleessaa keessatti kan argamu ta’uun isaa, naannichi industirii anniisaa addunyaa keessatti dhiibbaa guddaa akka qabaatu isa taasisee jira.

Naannoo baha giddugaleessaa kana dhimmoota tarsiimoo addunyaa taasisan keessaa kan biraa Ulaa Daldala Galaanaa irratti.

Naannoon kun bakka ardiiwwan gurguddoon addunyaa kanneen akka Afrikaa, Eeshiyaa fi Awrooppaa itti wal qunnaman waan ta’eef, sochiin daldaala galaana irraa hedduun naannoo kanaan qaxxaamura.

Qaamni bishaanii daldalli galaana irraa irratti adeemsifamu gurguddoon kanneen akka Galaana Diimaa, Galaana Meditiraaniyaanii, Garba Hindii, Galaana Arabiyaa, Galoo Galaanaa Pershiyaa fa’a akka ta’an ragaaleen ni mul’isu.

Ulaawwan daldalaa akka Bo’oo Siwiiz, Ulaa Hormuuz, Galoo Galaanaa Edan, Galoo Galaanaa Aqabaa faati Ulaawwan Baha Giddu galeessatti beekamoo ta’aniifi sochii daldalaa addunyaaf murteessoo ta’anidha.

Keessumaa sochiin dooniiwwan daldalaa karaa Bo’oo Siwiiz, Ulaa Hormuuzfi Galaanaa Diimaa irratti taasifamu murteessafi diinagdee qofaaf osoo hin taane sochii siyaasaa keessatti illee murteessoo warra ta’aniidha.

Yeroo muddamni siyaasaa fi waraanaa biyyoota Baha Giddugaleessaa keessatti dhalatu, biyyoonni koridarawwan daldalaa murteessoo kanneen cufuun yeroon itti sochii daldala addunyaa yaaddoo keessa galchan hedduudha.

Yeroo muddamni siyaasaa ykn taatewwan waraanaa biyyoota Baha Giddugaleessaa keessatti dhalatu, biyyoonni ulaawwan daldalaa murteessoo kanneen cufuun sochii daldala addunyaa yaaddoo keessa galchu.

Walitti bu’iinsa Israa’elifi Iraan gidduutti dhalachuu hordofee Iraan koridara daldalaa Galoo Galaanaa Peshiyaafi Galoo Galaana Omaan gidduutti argamu Ulaa Hormuuz jedhamu cufuuf akeekkachiistee jirti.

Ulaan Hormuuz to’annoo Iran jala kan jiru yoo ta’u, koridarrawwan dooniwwan daldalaa heddu keessa qaxxaamuran keessaa tokkoodha.

Gama biraan ammoo sochii dooniwwan daldalaa Galaana Diimaa fi Galoo Galaana Aden kan Yamanitti argamuu fi Sochiin dooniwwan daldalaa addunyaa irratti harki caalu Galaana Diima fi Galoo Galaana Eden irraan kan darbudha.

Ulaan kun murteessaa ta’u isaatiin waraanni Gaazatti gaggeeffamu sochii dooniwwan daldalaa karaa Galaana Diimaa taasifamu heddu danqee jira.

Naannichatti hidhatoonni akka Al-qaaydaa, Al-Shabaab, ISIS, Hawutii fi kanneen biroo socha’uun xiyyeefannaa akka argatu taasisee jira.

Wantoota Bahi Giddugaleessaa xiyyeeffannoo addunyaa akka argatu taasisan keessaa inni bira Israa’el bara 1948tti biyya taatee hundaa’uu isheeti.

Waraana Addunyaa Lammaffaa booda Yuhudoonni Awurooppatti duguuggaa sanyii Adoolf Hitlar gaggeesse irraa hafan gara baha giddugaleessaatti baqachuun biyya mataa isaanii hundeessan.

Yihudoonni gara lafa keenya ganamaatti deebine wayita jedhan, Paalistaayinoonni immoo lafti sun duraanuu keenya jedhu.

Israa’el biyya taatee yeroo hundooftu Filisxeemonni immoo qe’ee isaani irraa buqqa’an qabsoo hidhannoon Israa’el loluu dabalatee diddaa garaagaraa Israa’el irratti gaggeessaa har’a gahan.

Dhaabbanni Bilisummaa Filisxeem (PLO), Hamaas, Islaamik Jihaad fi kaanis warreen Filisxeem biyya walabaa ta’uu qabdi jechuun Israa’el irratti diddaa humnaa bananiidha.

Isaan keessaa PLOn Israa’el wajjin nagaa buusee amma Weest Baank kan bulchaa jiru ta’us, gareen Gaazaa bulchaa jiru Hamaas fi kanneen Israa’el waliin lolatti jiru.

Waraanni Israa’el-Hamaas gidduutti Gaazatti gaggeeffamaa jiru dhimma akkaan xiyyeeffannoo addunyaa argateedha.

Sababoota Amantaa, Daldaala Galaanaa fi Aannisaa akkasuma hundeeffamuu Israa’elin biyyoonni gurguddoon addunyaa naannicha keessatti harka galfachuun shora isaanii taphatu.

Jaarrotaaf baha giddugaleessaa bulchaa kan ture impaayarri Tarkii bara 1922 kufuu hordofee Biriteen baha giddugaleessaa keessatti olaantummaa fudhatte.

Waraana Addunyaa 2ffaa booda ammoo Israa’el biyya ta’uu fi Sa’ud Arabiyaa keessatti boba’aan guddaan argamuu hordofee US hirmaachuu jalqabde.

Saawudii Arabiyaa keessatti kuusan boba’aa guddaan bara 1938tti argamuu hordofee US bara 1945tti Saawudii Arabiyaa bakka Daharaan jedhamutti buufata xayyaaraa ishee isa jalqabaa Baha Giddu Galeessatti ijaarte.

Sababa kanaan Ameerikaan biyyoota baha giddugaleessaa keessaa buufataawwan waraanaa 19 fi loltoota kuma 40 ol ta’an qabdi.

UK fi Raashiyaani biyyoota baha giddugaleessaa keessatti hirmannaa qabaniidha.

Show More

Related Articles

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

eighteen + ten =

Back to top button
Copy link