Afan OromoNewsNews AnalysisPolitics
Trending

OMN: Waraanni Oromiyaa keessaa midhaa siyaas-diinagdee, hawaasummaa fi namoomaa dhaqqabsiisaa jira.

Waraanni Oromiyaa keessaa midhaa siyaas-diinagdee, hawaasummaa fi namoomaa dhaqqabsiisaa jira.

Waraanni Oromiyaa keessatti Waraana Bilisummaa Oromoo fi Mootummaa Itoophiyaa jiddutti adeemsifamaa jiru miidhaa siyaasaa, hawaasummaa, diinagdee fi namoomaa dhaqqabsiisuu fi seerdhablummaa naannicha keessatti babal’isuu isaa dhaabbilee mirga namoomaa dabalatee ummanni Oromoo biyya keessaa ibsaa jira.

Cufamuun balbala qabsoo karaa nagaayaa, dhiphachuun dirree dimookraasii fi aggaamiin sirna Federaalizimii sabdaneessaa irratti taasifamu balbala qabsoo hidhannoo Itoophiyaatti saaqe. 

Dhiphifamuun dirree diimookraasii, adda waraanaa hedduu oomishe. Dirreen waraana oomishamuun cubbuu lammiilee nagayaa irratti raawwachiisaa jira.

Itoophiyaan biyya rakkoo keessoo mariin furuu lagatte, biyya qawwee kaastee lammii isii wal ficcisiiste, biyya gaarreenii fi laggeen isii dhiigaa fi lafee ummata isiitiin guutamte, biyya waraanaa akka furmaata siyaasaatti dhimma itti bahaa jirtuun jechuun xinxaltoonni haala Itoophiyaa keessa jiru ibsu.

Sirni Itoophiyaa bulchuu ajjeechaa laammilee nagaya irratti raawwatamuuf Waraanaa Bilisummaa Oromoo kan shororkeessaa jedhuun yoo yakkuu, tibbana ajajaan olaanaa Waraana Bilisummaa Oromoo Marroo Dirribaa Lammeessaa yaada Associated Press irratti kenneen “nuti kaayyoo ummata nagayaa ajjeessuu hin qabnu. Qabsoon keenna sirna walinii” jedhe.

Maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo balleessuu jedhuun waggoota 7n darban Oromiyaa keessatti ajjeechaan murtee seeraa malee akkasuma ajjeechaan qaroowwan siyaasaa Oromoo irratti xiyyeefate raawwataa ture.

Ajjeechaa murtee seeraa malee kun ammoo erga gaafatamaan duraanii Wajjiira Biltsiginnaa Oromiyaa obbo Fiqaaduu Tasammaa “Waraana Bilisummaa Oromoo balleessuuf akkuma qurxummii balleessuuf garbaa paasifiikii gogsuuti” jechuun dubbate booda Oromiyaa keessatti gaaga’amni olaanaan dhaqqabe.

Waraanni qabbanaa’aan waggoota 7f Oromiyaa irratti Waraana Bilisummaa Oromoo kan mirga hiree murteefannaa ummata Oromoo kabachiisuuf waldhaansoo hidhannoo mootummaa Itoophiyaa waliin taasisaa jiruu fi mootummaa Itoophiyaa kan ilaalcha Ida’amuutiin Itoophiyaa bitaa jiru jiddutti adeemsifamaa jiru gaaga’ama waraanaa fi namoomaa dhaqqabsiisee jira.

Waraanni Bilisummaa Oromoo fi mootummaa Biltsiginnaa waliin akka mari’atan qaamoleen garagaraa dhiibbaa taasisanis mariin marsaa 2n Taanzaaniyyatti adeemsifameen ala mariin biraa hin adeemsifamne.

Kun ammoo dararama ummataa waraana Oromiyaa keessatti adeemsifamaa jiruu hammeessee jira.

Baay’ee kan dubbifame

OMN: Waraana Oromiyaa fi Dararama Ummataa

OMN: Guyyaan Waraana Bilisummaa Oromoo Amajjii 1 bara 2026 Kabajame.

OMN: Faannoon Maaliif Oromiyaa irratti Waraana Bane?

“Waraanni Bilisummaa Oromoo waraanaa Qabsoo hiree ofii ofiin murteefachuu ummata Oromoo tarkaanfachiisu, waraana kaayyoo ummata Oromoo fi mirga ummata Oromoo kabaachiisuu, loltuu fedhii ummata Oromoo tiksuudha jechuun qondaalonni waraanichaa irra deddeebiin ibsu. Garuu Mootummaan Itoophiyaa Waraanni Bilisummaa Oromoo diina ummata Oromoo fi Itoophiyaati jechuun himata. 

Waraanni Bilisummaa Oromoo kutaalee Oromiyaa keessa socha’u keessatti sochii waraanaa, humna waraanaa eebbisuu fi taarsiimoo siyaasaa diiriirsuun Oromiyaa afaan qawweetiin bilisoomsuuf qabsoo taasisaa jira. 

Dargaggeessi fi dargaggeetiin qabsoo karaa nagayaatiin Adda Dimookraasawa Warraaqsa Ummattoota Itoophiyaa buqqisan, gaafiin isaanii deebi’uu dhabuu fi daandii qabsoo karaa nagayaa cufachuu hordofee sirna Biltsiginnaa buqqisuuf qabsoo hidhannootti dabalamaa jiraachuu isaanii xiinxaltoota siyaasaatii hamma qondaala Ameerika Seneetar Kiriis Koons tti dubbatamaa ture.

Awwaala Itoophiyaa qeenxee irratti walabummaa Oromiyaa fi bilisummaa sabootaa ijaaruun akeekaa fi kaayyoo qabsoo hidhannoo Waraana Bilisummaa Oromoo yemmuu ta’u Awwaalch sabootaa irratti Itoophiyaa eenyummaa qeenxee qabdu ijaaruun ammoo abjuu falaasama Idaa’amuu Itoophiyaa raasaa jiruu akka ta’ee qaamoolee garagaraatiin ibsama.

Waraanni Blilisummaa Oromoo Bilisummaan Oromiyaa, Enyummaan Oromoo kabajamuun deebi’uun jalqaba yoo jedhu, bulchiinsi Biltsiginnaa ammoo Bilisummaan Oromoo tokkummaa Itoophiyaa keessaan deebi’a jechuun wal falmu.

Haa ta’u malee wal falmii qamoota lamaan jiddutti adeemsifamaa jiruun ummanni jiddutti rakkoo Siyaas-diinagdee, hawaasummaa, namoomaa fi kanneen birootiif saaxilamee jira.

Seerdhabdummaan biyyatti keessatti babal’atuu fi ummanni hojii omishaa fi omishtummaa irratti hirmaachuun hanqachuun rakkoo hamaa gama qaala’isa jireenyaa fi hiyyummaatiin hordofsiisaa jira.

Ummanni rakkoolee kanneen keessaa bahuuf qaamoleen lamaan teessoo irra taa’ani akka mari’ataniif gaafataa jiru.

Addatti mootummaan Itoophiyaa marii araaraatiif harka bal’isuu qaba jedhu. Gafachuu marii araaraa Taanzaaniyaatiif kan komatamu mootummaan Itoophiyaa marii araaraatiif haala mijjeessuu qaba jedhan.

Waraanni Waraana Bilisummaa Oromoo fi Mootummaa Itoophiyaa jiddutti adeemsifamaa jiru godinaalee akka Wallagga Bahaa, Wallagga Lixaa Horroo Guduruu Wallaggaa, Qeellam Wallaggaa, Shawaa Bahaa, Shawaa Kaabaa, Shawaa Kibba Lixaa, Shawaa Lixaa, Boorana, Gujii, Harargee, Arsii fi Baale keessatti adeemsifamaa jira.

Show More

Related Articles

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

six + 6 =

Back to top button
Copy link