Uncategorized

Imaammata Gulaallii OMN

Uummanni Oromoo Qe'ee Isaa Finfinnee Tasa Mariif Hin Dhiheessu!

Imaammata Gulaallii OMN
Uummanni Oromoo Qe’ee Isaa Finfinnee Tasa Mariif Hin Dhiheessu!
Sarara diimaa uummanni Oromoo keewwate keessaa ijoon tokko dhimma birmadummaa daangaa Oromiyaati. Dhimmi kun uummata Oromoo biratti dhimma gonkumaa mariif hin dhihaanne dha. Uummanni Oromoo lafa isaa taakkuu tokko mariif hin dhiheessu. Lafti uummata Oromootiif lafee dha. Lafti qe’ee Oromooti. Qe’een Oromoo immoo dhimma jiraachuu fi jiraachuu dhabuuti sabichaati.
Ijjannoon uummata Oromoo kana ta’ee otoo jiruu qabata ‘Marii Biyyaalessaa’ jedhuun qe’een Oromoo akka qircaatti alagaaf dhihaate.
Hunduu qe’ee isaa kiilomeetira dhibbootaa fi kumootaan qofaatti keewwatee qe’ee Oromoo qooddachuuf naannawaa baatii tokkoof ‘Marii Biyyaalessaa’ jedhee toftaa tolfataa jira.
Qe’ee Oromoo keessaa tokko kan taate Finfinneetti aggaammii cimaatu dhufe. Aggaammiin kun uummata Oromoo biratti sarara diimaa akka darbuutti ilaalama. Handhuurri Oromiyaa Finfinneen uummata Oromoo biratti hiikkaa guddaa qabdi.
Cunqursitoonni bakki itti Oromoo jalqabama cabsuu jalqaban Finfinnee dha. Bakkii fi sababni itti cunqursaan jaarraa tokkoo oliif ture deebisee qabsoo hadhaawaa sabichi taasiseen itti cabes Finfinnee dha. Finfinneen qe’ee dha, godaannisa seenaati, mallattoo injifannoo Oromooti. Handhuura Oromiyaa Bahaa Dhihaa, Kaabaa Kibbaa walitti hiitee biyya Oromiyaa dabaalte Finfinneen.
OMN ijjannoo Ummanni Finfinnee irratti qabu kana jabeessee qooddata. Qe’een Oromoo mariif hin dhihaatu jedhee amana. Aggaammii Oromiyaa fi handhuura ishee Finfinnee irratti aggaamame saba waliin ta’ee qolachuuf sa’aatii 24 boqonnaa malee hojiitti jira. Aggaammii kana qolachuuf tokkummaan uummata Oromoo akkaan murteessaadha jedhee amana.
Mastarpilaanii Finfinnee bara Wayyaanee fashalsuuf hojiiwwan OMN fi uummanni Oromoo bal’aan gamtoomanii waan hojjatan yaadachuu feesisa.
Waltaanee aggaammii egeree Oromootti dhufe kana qolachuun dhimma akkaan murteessaa dha.
Dhugaa Uummataa Karaa Dhugaa Qofaan!
OMN
Show More

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

5 × five =

Back to top button
Copy link