Afan OromoNewsNews AnalysisPolitics
Trending

OMN: Muddama Mootummaa Federaalaa fi ABUT

Muddamnin Hammaate.

Muddamni mootummaa federaalaa fi garee Adda Bilisummaa Uummataa Tigraay(ABUT) kan Dabratsiyoon Gabramikaa’eeliin durfamu gidduutti mudate bulchiinsa yeroo Tigraay hudhaa fi burjaajii keessa galchuu maddeen himan.

Bulchiinsi yeroo Tigraay kan jeneraal Taaddasaa Warradaan durfamu eenyu waliin dhaabbachuu akka qabu dalga itti galee miila tokkoon iddoo tokko miila tokkoon immoo iddoo biraa dhaabbatee jira jedhan.

Kanaanis gara itti deemu wallaalee burjaajiitti jiraa jedhu maddeen itti dhiheenyan gama lachuu quba qaban.

Gareen Adda Bilisummaa Uummataa Tigraay(ABUT) kan Dabratsiyoon Gabramikaa’eeliin durfamu qondaalota waraanaa Tigraay hanga tokko qabatee Eertiraa waliin gamtaa “Tsimdoo” jedhamu tolfatee jedhu maddeen.

OMN otoo muddamni kun akkanatti hin hammaatiin waggaa tokko dura otoo wantoonni akka kanaan ifatti dubbatamuu hin jalqabin qondaalonni ABUT fi qondaalonni waraanaa Tigraay olaanoon gara Eertiraa dhoksaan marmaaraa turuu odeeffannoo keessoo argateen gabaasee ture.

Ergasii bubbulee dubbiin kun ifatti dubbatamuu jalqabe.

“Tsimdoon” gamtaan bu’uuraan mootummaa Eertiraa fi ABUT kan qondaalota waraanaa Tigraayin deeggaramuun hundeeffame akeeka humna finxaalessa Faannoo ofcina hiriirsuun mootummaa federaalaa loluu qabaa jedhu xinxaaltonni itti dhiheenyaan hordofan.

Gabaasota walqabatan

“Tarsiimoo Unkuraa (Shock Doctrine)” Akka Tooftaa Bulchiinsaatti

Kanaanis gartuulee humna finxaalessa Faannoo keessaa warra ofcina hiriirse akka qabu dubbatu.

Kana gidduutti bulchiinsi yeroo Tigraay hudhaa keessa galuutu dhagahame.

Maddeen keessoo akka jedhanitti, bulchiinsi yeroo Tigraay gama tokkoon mootummaa federaalaa waliin waldiddaa hamaatti seenuu hin fedhu, gama tokkoon immoo dhiibbaa ABUT fi qondaalota waraanaa jala waan jiruu fi caasaan isaa harka guddaan miseensotaa fi deeggartoota isaaniitiin waan qabameef ergama ABUT fi qondaalota waraanaa Tigraay raawwachuufis dirqame.

Kana gidduutti akka ta’u wallaalee jedhu maddeen.

Mootummaan federaalaa jeneraal Taaddasaa Warradaan hariiroo humnoonni Tigraay qaamota alaa waliin taasisan dhaabsisuuf waliigaltee mallatteessan akka hojii irra oolchan cimsee fedha.

ABUT fi qondaalonni waraanaa Tigraay immoo gochaa kana jabeessanii itti fufuutu himama.

Inumaa gamtaa “Tsimdoo” jedhu sadarkaa tolfachuu irra gahanii jedhamee dubbatama.

“Tsimdoon” immoo gamtaa mootummaa federaalaa waraanuuf socho’u.

Kana gidduutti mootummaan federaalaa bajata deeggarsaa Tigraayiif ergu dhaabuutu dhagahame.

Mootummaan federaalaa bajatni ani ergu harka humna na waraanuuf socho’uu galaa jiraa jedhee himata.

Akkamitti jennaan, bajatni ani ergu naannicha deebisanii misoomsuuf otoo hin taane hidhattoota ABUT na waraanuuf kaampii keewwateef oolaa jiraa jedhe.

Obbo Getaachaw Raddaas yaada kana deeggaru kanaan dura dubbatanii turan.

Bara bulchiinsa isaanii bajatni naannichaa biiliyoonaan lakkaa’amu loltoota Tigraay kaampii keessa jiraniif oolaa akka ture dubbatan.

Mootummaan federaalaa ABUT ta’e jedhee sagantaa loltoota duraanii hiikkachiisuu fi hawaasatti makuu DDR jedhamu gufachiisee loltoota kaampiitti kuusee taa’aa jedha.

Loltoota duraanii kana fayyadamee Eertiraan deeggaramee na waraanuuf akeeka qaba, bajatni ani naannoo Tigraayif ergu kanaaf oolaa jedhee himata.

Mootummaan federaalaa ifatti bajata Tigraayiif ergu kutuu ibsuu baatus bajata erga hambisee bubbuluutu dhagahame.

Bulchiinsi yeroo Tigraay immoo mootummaan federaalaa bajata na dhorkachuu isaatiin rakkoo hamaatu na mudataa jiraa jedhe.

Bajatni turuu isaatiin tajaajiloota hawaasummaa kennuuf rakkataan jiraa jedhe.

Pirezidaantiin bulchiinsa yeroo Tigraay Jeneraal Taaddasaa Warradaa tibbana dubbii dubbataniin bajatichi hafuu isaatiin mindaa hojjattoota mootummaa kafaluun ulfaataa akka dhufe eeraniiru.

Kunis nageenya naannichaa booressaa akka jiru himan.

Baatiiwwan lamaan darban bajatni deeggarsaa mootummaa federaalaa irraa akka hin ergamne jeneraal Taaddasaan dubbatan.

Erga dhihoo kanaa hidhattoonni humnoota Tigraay kaampiiwwan garaagaraa keessa jiran mindaan nuuf hin kafalamne jedhanii hiriira bahuutti jiru.ABUT gareen Dabratsiyoon Gabramikaa’eeliin durfamu immoo rakkoo kana maraaf mootummaa federaalaatti quba qaba.

Mootummaan federaalaa ta’e jedhee waliigalteen Piriitooriyaa akka hojii irra hin oolla godhaa jiraachuu ABUT himata.

Daangaan Tigraay bakka waraana kaaba Itoophiyaa dura turetti akka deebi’u gaafata. Lammiileen Tigraay bakkeewwan humnoota Amaaraatiin qabamanii buqqaafaman akka deebifamuu qaban irra deddeebiin hima.

Lammiileen kunneen kan deebi’an immoo erga bulchiinsi Tigraay bakkeewwan naannoo Amaaraatiin qabanitti deebi’ee booda ijjannoo jedhu tarkaanfachiisa.

Mootummaan federaalaa immoo ABUT ta’e jedhee lammiileen buqqaafaman akka qe’eetti hin deebine godhaa jira jedhee himata.

Lammiilee buqqaafamanii rakkoo keessa jiran ugguree qabee galtee siyaasaaf itti fayyadamaa jira jedhee himata.

Dhimma lafoota waraana kaaba Itoophiyaa dura Tigraay jala turan naannoon Amaaraa kooti jechaa turee waraanicha fayyadamee qabatee irratti mootummaan federaalaa dhimmichi mariin furmaata argataa ijjannoo jedhu tarkaanfachiisa jedhan.

Saffisaan akka ABUT jedhutti bulchiinsa naannoon Amaaraa irratti ijaarrate diigee bulchiinsa naannoo Tigraay ijaaruu waan jedhu fudhataa jiru mootummaan federaalaa.

Furmaata adeemsa yeroo dheeraa fudhatu akka barbaadu mootummaa federaalaa amantaa akka qabu maddeen keessoo mootummaa himu.

Haala kana keessatti muddamni Kaaba Itoophiyaa jabaatee itti fufee jira.

Kana irratti barana filannoo biyyaalessaatu jira. ABUT immoo boordii filannoo waliin waldiddaa qabuun deebisee haqamee jira. ABUT akka paartiitti dorgomuuf beekkamtii boordii filannoo qabaachuu qaba. ABUT kana hin qabu.

Gama tokkoon immoo bulchiinsi yeroo Tigraay dhiibbaa garee ABUT qondaalota waraanaa Tigraayiin deeggaramanii jala jira.

Mootummaan federaalaa immoo bajata deeggarsaa naannicha irraa hambisaa jira.

Show More

Related Articles

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

two − 1 =

Back to top button
Copy link