Afan OromoNewsNews Analysis
Trending

OMN: Araddoonni Cinaaksan irraa saamaman Aaanonni Somaalee irratti hundaa’an

Cinaaksan Cinaacha Oromooti.

Godina Harargee Bahaa aanaa Cinaaksan irraa mootummaan naannoo Somaalee araddaawwan 80 ol weeraraan qabachuun aanaa irratti hundeessaa jiraachuu jiraattoonni OMNtti himan.

Aanaan Cinaaksan kan magaalaa Jigjigaatiin wal daangeessitu, waggoota 15n darban weerarri wal irraa hin cinne mootummaa naannoo Somaaleetiin irratti raawwatamaa turu himan.

Jiraataan Aanichaa haala weerara kanaa irratti OMN dubbise akka jedhutti mootummaan naannoo Somaalee weerara wal irraa hin cinne waggoota 15f erga raawwataa turee booda araddaawwa 80 ol Aaana Cinaaqsan qofa irraa qabachuun aanaa Daaramu jedhamu irratti hundeessaa jira.

Mootummaan naannoo Somaalee Aanaa Cinaaksani fi Aanaa Jaarsoo addaan kutuun araddaawwan qabate irratti Aanaa haaraa kan mootummaa naannoo Somaaleetiin bulu hundeessuu dubbata. 

Araddaawwan 80 ol keessaa araddaa muldhii daawwee jedhamu qofatu aanaa jaarsoo jalatti hafe kan jedhu jiraataan aanaa Cinaaksan irraa OMN dubbise, Aanaa Jaarsoo irraan Muldhii Daawweettu jira, achi bira dabarraa araddaawwan Somaaleen qabamantu jira, araddaawwan Somaalee kana bira darbitee Aanaa Cinaaqsan dhufta jechuun ibsa.

Mootummaan naannoo Somaalee araddaawwan Oromoo humnaan ummata irraa buqqisee qabate irratti aanaawwan lama hundeessuu kan himu jiraataan OMN dubbise, Aanaan tokko Cinaaksan irraa gama dhihaatti argama, aanaa kuun ammoo Cinaaksan irraa gama bahaatti jechuun gara magaalaa Jigjigaatti aanee argama jechuun OMN hime.

Lafti aanaawwan lamaan kun irratti hunda’e lafa Oromooti, mootummaan naannoo Somaalee waggoota 15n darban duula wal irraa hin cinne ummata Oromoo irratti banuun ummata Oromoo buqqisee ummata Somaalee qubsiisaa ture jedha.

Baha Oromiyaa irraa araddaawwan 200 ol mootummaa naannoo Somaaleetiin qabamuu kan himu jiraataan OMN dubbise kun, Aaanaa Cinaaqsan qofa irraa araddaawwan 80 oltu qabamee jedha.

Tibbana araddaawwan akka Molowlee, Biyyoo, Kaalmaalee, Ambaroo irratti weerarri raawwatamuun miidhaan lubbuu namaa fi qabeenya irra gahu himee jira.

Oromiyaa bahaa keessatti aanaawwan akka Gursum, Cinaaksa, Jaarsoo, Kombolchaa, Baabbile, Qumbii, Maayyuu Mulluqqee, Makkannisa Oromoo kan Somaalee jala galee fi kanneen biroo irratti weerarri jabaan raawwatamaa jiraachuu dubbata.

Aanaa Cinaaksan irraa magaalaa Cinaaksanii fi araddaa Muldhii Daawwee malee araddaawwan hafan hundi mootummaa naannoo Somaaleetiin saamamee jira jedha.

Bulchiinsi Aanaa Cinaaksan ummanni akka gurmaa’ee of irraa hin ittisne taasisaa kan jedhu jiraataan kun, qabeenyi isaanii humna addaa mootummaa naannoo Somaaleetiin saamamee ummanni ni deebifanna jedhee yoo ka’u nutu karaa seeraatiin deebisaa dhiisaa jechuun ummata dhoowwa, achi booda deebisuu dadhabne jedha, nama ummata kakaasee akka ummanni of ittisu godhu mana hidhaatti guura jechuun haala jiru ibsa.

Sababa kanaan namoonni 400 ol aanaa Cinaaksan keessatti hidhamani mana hidhaa jira jedha.

Araddaawwan mootummaa naannoo Somaaleetiin qabamanii aanaan haaraan irratti hundaa’e araddaawan akka Hora Daawwee, Muldhii Daawwee, Muldhisa Lameen, Waleensuu, Baatuu Elemoo, Caffee Baatuu, Qoocaar, Qoree Elemoo, Gololcha, Hulluuqqoo, Biyyoo gabaabduu, biyyoo dheertuu, Moloowlee sadeen jechuun hima.

Bulchaa Aanaa Cinaaqsan Musxafee Umar Biyyoolee, itti gaafatamaa bulchiinsaa fi nageenyaa aanaa Cinaaksan nama Urgee jedhamu fi gaafatamaa bulchiinsaa fi nageenyaa godina Harargee bahaa obbo Naajii nama jedhamutu sagalee ummata Oromoo ukkaamsuun lafa Oromoo Somaaleef kennaa jira jedha.

Hoogganaan bulchiinsaa fi nageenya Godina Harargee Bahaa obbo Naajiin sabaa Somaaleedha kan jedhu namni kun, lafa Oromoo dabarsee Somaaleef kennaa kan jiru isaa jechuun ibsa.

Aanaan Tulluu Guleed jedhamu kan duraan Oromiyaa jala ture bara 2017 ummata Oromoo irraa buqqisuun amma mootummaa naannoo Somaalee jala jira jedha. Ummanni Aanaa Guleed irraa buqqa’e ummata Pirizidaantiin duraanii mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Lammaa Magarsaa magaalota Oromiyaa garagaraa keessa qubsiisaniidha jechuun hima.

Ummanni Oromoo, mootummaan naannoo Oromiyaa fi mootummaan federaalaa weerara daangaa Somaaleen Oromiyaa irratti raawwataa jirtu akka dhaaban gaafanna jechuun ibsee jira.

Show More

Related Articles

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

3 × 1 =

Back to top button
Copy link