Afan OromoNewsNews AnalysisPolitics
Trending

OMN: Xiinxalla Mootummaan Faannoo Maalif Wallaggatti Hidhachiise?

Jijjiirama diimoograafii ummataa, hawaasummaa fi siyaas-diinagdee godinaale Wallaggaa.

Haleellaan godinaalee Oromiyaa naannoo Amaaraatiin wal daangeessan irratti baname haleellaa jijjiirama demoogiraafii ummataa, hawaasummaa fi siyaas-diinagdee naannicha keessatti fidaa akka ta’e ragaaleen mul’isan.

Humnoonni Finxaaleeyyii Amaaraa golga Itoophiyaa jedhu jalatti dhokachuun ilaalchaa sirnoota durii tarkaanfachiisan weerara daangaa raawwachuun ummata Oromoo buqqaasani, dhalattoota Amaaraa Gondarii fi Goojjam irraa fidanii qubsiisaa jiraachuu qorannoon Pirezidaantiin Yuuniivarsiitii Wallaggaa kan turan Dr. Hasan Yuusuf bara 2022 keessa ifoomsan mul’isee jira.

Akka qorannoo kanaatti Lagni Mormor (Abbaayaa) daangaa dhaabbataa Godina Wallagga Bahaa fi Goojjam jidduu jiruudha. 

Bara 1960 ALI irraa jalqabee namoonni dhuunfaa fi gurmuun Mormor ce’uun naannoo Oromiyaa godinaalee Horroo Guduruu Wallaggaa fi Wallagga Bahaa keessa qubachuu jalqaban.

Bara 1977 hongeen kaaba Itoophiyaa rukutuu hordofee mootummaan Dargii hawaasa hoongeen miidhame godina Wallagga Bahaa aanaa Kiiraamuu keessa lafa gammoojummaa fi gabbataa irra qubsiise.

Haalli kun osoo jiru bara 1987 irraa hanga bara 1990 giddutti karaa ifa hin taaneen godina Goojjam lixaa Aanaa Qu’aarit fi aanota biroo irraa namoonni heddu karaa seeraan alatiin godinaalee Wallagga Bahaa Aanaa Kiiramuu fi Horroo Guduuruu Wallaggaa bakkoota adda addaa qabatan jechuun haala jijjiirama demoogiraafii ummataa godinaalee kanneen keessatti ittiin jijjiramaa jiru ibsa qorannoon Hasan Yuusuf (PHD).

Dhimma jijjiirama demoogiraafii ummataa godinaalee Wallagga Bahaa fi Horroo Guduruu Wallaggaa irratti taasifamaa jiru ilaalchisuun barruu bara 2022 keessa fuula Facebook isaanii barreessaniinis duulli lakkoofsa ummata naannichaa jijjiiruu adeemsifamaa jira jedhan.

Namoonni Aanota Goojjam irraa Godinaalee Horroo Guduruu Wallaggaa fi Wallagga Bahaa keessa qubatan osoo waggaa 5 hin gahin gaafii siyaasaan aanaa addaa lafa Angar Guutee fi Mormor gidduu hammatu kan isaan bulchan akka hayyamamuuf gaafataa turuu fi mootummaan naannoo Oromiyaa harkatti kuffisuu eeran.

Humnoonni naannoo Amaaraa irraa karaa seeraan alaatiin dhufanii godinaalee kanneen keessa qubatan gaafiin Aanaa addaa hundeessuu mootummaa naannoo Oromiyaatiin harkatti kufnaan magaalota aanaa Kiiramuu jala jiran kanneen akka Haaroo, Angar Guutee fi gandoota baadiyaa aanaa Kiiraamuu irratti haleellaa fi saamicha raawwataa akka turan ibsamee jira.

Gabaasota wal qabatan

OMN: Weerara Daangaa Oromiyaatiin diimoograafiin ummataa jijjiiramaa jira.

OMN: Daangaan Oromiyaa wareegama kamiinuu Tikfamuu qaba. WMW

OMN: Mootummaan N/Somaalee Hamma Dhagaa Baabbiilee qabate.

Bara 2010 A.L.Itti riiformii siyaas-diinagdee Itoophiyaa keessatti dhufe hordofee gaafii siyaasaa dogongoraa kan aanaa addaa hundeessuu qindommina paartii ABN itti fufe.

Aanaa Kiiraamuu magaalaa Haroo jedhamtu keessa firoonni Itti aanaa ministira muummee fi ministira dhimma alaa Itoophiyaa kan turan obbo Dammaqaa Mokonnan waan jiraniif bara 2020 irraa jalqabuun mootummaan federaalaa nageenya ummata Amaaraa tiksuu maqaa jedhuun dargaggeessaa Amaaraa hidhachiise jedha jiraataan Aanaa Kiiraamuu kan amma magaalaa Naqamtee jiraatu yaada OMNf kenneen.

Dhimma dargaggeessa Amaaraa hidhachiisuu jedhu kana ilaalchisuun xiinxallaa siyaasaa fi mootummaa Itoophiyaa bal’innaan qeequun kan beekkamu Jawaar Mohaammad barruu tibbana ajjeechaa Aanaa Abee Dongoroo keessatti raawwatameen wal qabsiisee fuula barruu (Facebook) isaa irratti barreesseen, humni faannoo Horroo Guduruu Wallaggaa Abee Dongoroo, Wallagga bahaa Kiiraamuu Shawaa Lixaa Noonnotti ajjeechaa jumlaa raawwate bara 2020/2021 mootummaadhaan ijaaramee hidhachiifamee jedhe.

Jawaar Mohaammad barruu isaa kanaan Raayyaan Ittisa Biyyaa fi Humni Addaa Oromiyaa gara lola Tigraay duuluu hordofee Waraanni Bilisummaa Oromoo qaawwa argatetti fayyadamee milishoota mootummaa caaluun lafoota hedduu dhuunfataa turee jedhe.

Yennaa kana falli barbaadame. Dura dhalattoota Amaaraa irratti ajjeechaan raawwatame, gocha saniifis  WBOtti qubni laatame. Dhugaan ture garuu ajjeechaa san kan raawwate humna mootummaan WBO fakkeessee ijaare kan Faqqadaa Abdiisaan hogganamaa ture ta’uu gaazexaan Washington Post boodarra saaxile jechuun ibse.

Yeroo sanatti garuu miidiyaaleen biyyattiin ajjeechaa saniif WBO bira dabranii ummatuma Oromootuu yakkuuf duula guddaa taasisani. Duulli kunis dhalattoota Amaaraa naasuu fi shoorarkaa keessa galchuun hedduun isaanii godinicha gadi lakkisanii akka baqatan taasise.  Yeroo kana tiki mootummaa ‘Shanee ofirraa dhoowwaa’ jechuun dhalattoota Amaaraa warra dhiiraa fooyanii ijaaranii, Bir Shalaqootti  leenjisanii  hidhachiisan. Kun iccitii osoo hin taane waan Itti Aanaa Mummichi Ministeera dabalatee qondaalooni heddu ifatti dubbatanidha jechuun haala yeroo san ture ibse.

Humni qaama milishaa osoo hin taane addatti leenji’ee bifa Farra Riphee lolaatiin bobbafamee waraana kaabaa booda Raayyaa Ittisa Biyya wajjiin WBO lola ture jedhe.

Humni kun kan mataa gurbaa tokkoo muree mukatti fanniisee dhiichiisaa ture sani jedha Jawaar.

Humni kun boodarra hidhattoota WBOn wal loluu bira dabree ummata nagayaa ajjeesuufi saamutti seene. Yeroo kana qondaalonni poolisii Oromiyaa hiikkachiisuuf yaallaan akka dhiisan ajajni itti kenname. Ajajoonni jajjaboonis ni ajjeefaman. Yeroo as aanaa kanammoo bifa durii daran ummata jumlaan fixuutti bobbaafaman. Inumaatuu caasaa bulchiinsa mootummaas diiganii kan ofiitiin bakka buusan oduu jedhutu gabaafamaa jira. 

Humnoonni ummata fixan kun Naannoo Amaaraatii  daangaa ce’anii  hin dhufne. Kanuma bara 2020-2021 mootummaan naannawuma sanitti filee hidhachiisee bobbaasaa tureefi ummata naannichaatiin sirritti wal beekanidha jedhe.

Ajjeechaan Aanaa Abee Dongoroo osoo hin raawwatin ummanni akka jarri ajjeechaaf dhufaa jirtu dhagahee poolistti iyyate, poolisiin ammoo humna keenyaa olii jechuun Raayyaa Ittisa Biyya kan naannawa san jirutti iyyate.

Bakka ajjeechaan itti raawwatame irraa 20km irratti kan argamu kutaan waraanaa Raayyaa Ittisa Biyyaa ajajni nuuf hin kennamne jechuun kadhaa ummataa fi poolisitti gurra cufatee jedha Jawaar Mohaammad.

Hidhattoonni Faannoo qabeenya fi loon ummataa saaman osoo Raayyaan Ittisa Biyyaa laaluu ofee biraan dabarse jechuun humna kanaa fi Raayyaan Ittisa Biyyaa guyyaa tokko wal waraananii hin beekani jedhe.

Paartiin ABN ammoo Faannoo Goojjam keessatti leenjii waraanaa kennuufiin gaafii siyaasaa dogongoraa itti kennee ummatatti bobbaase jedhan namni biraa.

Isaan keessaa paartiin ABN fi humni faannoon Goojjam ijaaree gara Wallaggaatti bobbaasu hidhannoodhaan deeggaramee gaaffiifi fedhii siyaasaa dogoggoraa sana tarkaanfachiisuu itti fufe. 

Waggoota shanan darban kana Gandoota Aanaa Kiiramuu jala turan magaalaa Agamsaa, Angar Guutee, Haroo, Aliiboo, hanga Nooraa Abbayaa fi Aanaa Giddaa Ayyaanaa keessaa ammoo Handoodee, Dooroo Borraa, Aanaa Jaartee Jaardagaa, Amuuruu fi kanneen biroo dhuunfatanii jiru.

Dhimma lakkoofsa ummata Oromoo naannoo sanii xinneessuun kan Amaaraa baay’isuu Finxaaleeyyii Amaaraa ilaalchiisuun yaada OMNf kan kanne dhalataan Wallagga bahaa Aanaa Kiiraamuu daangaan dhaabbataan Wallaggaa fi Goojjam gidduu jiru laga Mormor jechuun, amma humnoonni kun laga Mormor (Abbayyaa) cee’anii jijjiirama lakkoofsa ummataa Oromiyaa keessatti fidaa jiru jedha.

Kaayyoon fi akeekni weerara lafaa fi ajjeechaa jumlaa humna finxaaleessa Faannoo fi humnoota finxaaleyyii Amaaraa biroo qaama bulchiinsa mootummaa naannoo Amaaraa Oromiyaa keessatti hundeessudha kan jedhu namni dhimma kana irratti OMNf yaada kenne, kana gochuuf ammoo gaafii bulchiinsa addaa hundeessuu gaafachaa baay’inna ummataa hir’isuuf ammoo ajjeechaa jumlaa Oromoo irratti raawwataa jiru jedha.

Ajjeechaa jumlaa ummata Oromoo irratti raawwataa fi buqqaasaa firoota isaanii naannoo Amaaraa irraa fidani qe’ee Oromoon irraa buqqa’ee fi irraa dhumetti qubsiisaa jiru jechuun kaayyoo fi akeeka humna kanaa OMNtti hime.

Hasan Yusuuf (PHD) dhimma kanaan wal qabsiisee yaada barreessaniin “hayyoonni siyaasaa naannoo Amaaraa gaafii fi fedhiin siyaasaa dogongoraa kun deeggarsa siyaasaa fi seeraa akka argatuuf komishiinii dhimmoota waldhabdee daangaa fi eenyummaa akka hiikuuf ijaarametti fayyadamuun waggoota darban keessa sochii bal’aa taasisuu eeran.

Walumaagalatti waggoota 50 darban keessatti tooftaa fi harka lafa jalaatiin sochiin dimoogiraafii ummataa fi qubsumaa hawaasaa godinaalee kana lamaan keessatti adeemsifamaa ture bal’aa ta’uu fi amma ammoo humna godhachuun fedhii ofii gara waraanaan guuttachuutti kan ce’e akka ta’e xiinxaltootaa fi hayyootaan ibsamaa jira.

Gareen waraana jibbaa sabummaa Oromoo irratti bane kun, hidhannoo mootummaan federaalaa fi naannoon Amaaraa itti hidhetti dhimma bahuun lafa bal’aa godinaalee Oromiyaa Wallagga Bahaa, Horroo Guduruu Wallaggaa, Shawaa Bahaa fi Shawaa Kaabaa irraa weeraruun ummata Oromoo achi irra jiraatu fixee kaan buqqisuun, naannoo Amaaraa irraa ummata fidee qubsisaa jiraachuu isaa gabaasa OMN guyyaa guyyaati.

Show More

Related Articles

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

19 − 11 =

Back to top button
Copy link