Afan OromoNews Analysis
Trending

Dabni siyaasaa Tulaa Goofaa, Tulaa Layee fi Moyyaalee irratti hojjatame maali?

Dabni siyaasaa Tulaa Goofaa, Tulaa Layee fi Moyyaalee irratti hojjatame maali?

Daangaan Booraana Gantummaa siyaasaa fi weeraraan naannoo Somaalee jala gale akka deebi’uuf gaafatamaa jira.

Gantummaa siyaasaa, qubannaa seeraan alaa, weerarri daangaa fi buqqifamuun qe’ee ummata Oromoo Booranaa diiguu qofa osoo hin taane, lafa isaas saamsisee jira jedhan dhalattoonni Booranaa.

Qondaalli olaanaan Koongiransii Federalawaa Oromoo Hamzaa Booranaa “dhiibbaan, weerarri lafaa, qubannaan seeraan alaa daangaa Booranaa irratti bara 1980ootaa fi 1990oota keessa yeroo waraanni siviilii fi diigamiinsi mootummaa Somaaliyaa keessatti uumame baqattoonni Somaalee kumaatamaan lakkaa’aman gara naannoo ollaa, kan akka godina Booranaatti akka godaanan taasifametti” jedhe.

Akka gabaasa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii kan Dhimma Baqattootaa irratti hojjatu (UNHCR) jedhutti, bara 1991tti lakkoofsi baqattoota Somaalee Itoophiyaa keessatti kuma 600 fi kuma 28 ol ture.

Isaan keessaa Miseensonni Gosa Garrii kanneen nuti Soomalee ufiin jedhan garuu kan Afaan Oromoo dubbatan, Daangaa Seenaa irra qubatan jedha Hamzaa Booranaa barreeffama bal’aa dhimma weerara daangaa irratti barreesseeni.

Yeroo ummanni Booranaa baqattoota hafuura namoomaatiin simatu, kan itti aansee dhufe daba siyaasaa Adda Dimookiraatawaa Warraaqsa Ummattoota Itoophiyaa (ADWUI)tiin raawwatamee ture, Mootummaan sagantaa qubsuma haqaa fi sirrii ta’e uumuu mannaa, dhiphina baqattootaa fayyadamuun ummata Booranaa addaan qoodee of-bulchiinsa keenya laaffise jedhe.

Bara Sirna Wayyaanee Uummanni Oromoo Booranaa sababa Adda Bilisummaa Oromoo Solooloo mandheeffateef ABO deeggara jechuun sobaan himatamaa ture kan jedhu xiinxallii Hamzaa Booranaa, mootummaan wayyaanee haloo bahuu fi ummata Booranaa cabsuuf tarkaanfii fudhate jedhe.

Miidhaawwan gurguddoo mootummaan ummata Oromoo irratti fudhate keessa inni tokko murtee siyaasaa magaalaa Moyyaalee bakka lamatti qooduudha.

Akka Hamzaa Booranaa jedhutti balbala Oromiyaa jedhamuun kan beekkamtu Moyyaaleen cinaan tokko Oromiyaan, gamni tokko ammoo Somaaleen akka bultu taasifamee dabni siyaasaa irratti hojjatame.

Murteen kun waa’ee nagaa ykn misoomaa miti. Waa’ee adabbii fi too’annoo ture kan jedhu Hamzaan, Kaayyoon mootummaa Wayyaanee dhiibbaa Booranaa laaffisuu fi ummata Oromoo fi Somaalee gidduutti qoqqoodinsa uumanii bu’aa siyaasaa ofiitiif fayyadamuuf ture jedha.

Gabaasota Walqabatan;

OMN: Xiinxalla; Waranaa Siyaasaa babalifannaa Lafaa Somaalee fi Oromiyaa

OMN: Xiinxalla; Mootummaa Daangaa Oromiyaa Tiksuu Dadhabe.

OMN: Xiinxalla; Daangaa Oromiyaa akkamiin cabaa jira?

Dabni Mootummaa ADWUItiin raawwatame jijjiirama siyaas-diinagdee ummata Oromootiin durfamee biyyatti keessatti dhufeen furmaata argata jedhamee eeggamaa turu hawwii qofa ta’ee hafuu eera.

Mootummaan aangoo irra jiru maqaa Oromoo qabaatus dabni raawwatamaa jiru itti fufee jira, lafti Oromoo Boorana, Baale, fi harargee irraa saamame hin deebifamne, tuffii, caallisa walfakkaatuu fi haqa dhabuu walfakkaatu argina jedha.

Nuti Nagaa hin morminu. Ollaa keenna uummata Soomalee waliinis mormii hin qabnu. Garuu hanna lafa Abbaa keennaa, seenaa irra deebiin barreeffamuu fi callisa gidiraa keenna marsee jiru mormina jechuun ibsa.

Uummanni baqattummaan Lafa Booranaa dhufan amma bulchitoota lafaa fi himattoota naannoo ta’aniiru, jallinna seenaa fi callisaan gargaaramaniiru. Qabeenya keenyatti fayyadamuun magaalota keenna dhuunfatu, yeroo baayyee mirga lafa teenna ofiin ofi bulchuu nu dhowwatu. Gochootni kun safuu kan hin qabne qofa osoo hin taane, seera Federaalaa Itoophiyaa fi Waliigalteewwan Idil-Addunyaa mirga dhalattootaa irratti seeraan ala ta’uu isaanii ibsamee jira jedhe.

Tulaalee Salgan Booranaa keessaa innii Lama Tulaa Goofaa fi Tulaa Layeen Bara Dargii irraa kaasee hanga ammaatti falmii irra jiran kan jedhe namni siyaasaa KFO kun, Bulchaan Booranaa kan bara Dargiitiin duraa Aftaraarii Halakhee Guyyoo Xuuyyee osoo falmuu du’aan boqote jechuun barreesse.

Tulaa Saglan Booranaa fi bakka argama isaanii kan barreessee obbo Hamzaa Booranaa 

  1. Tulaa Iigoo, Godina Booranaa Aanaa Dubluqitti argama.
  2. Tulaa Weeb, Godina Boorana Bahaa Aanaa Waacilleetti argama
  3. Tulaa Waaccillee, Godina Boorana Bahaa Aanaa Waacilleetti argama
  4. Tulaa Meelbanaa, Godina Booranaa Aanaa Miyootti argama
  5. Tulaa Irdar, Godina Boorana Bahaa Aanaa Dhaasitti argama
  6. Tulaa Gaayoo, Godina Boorana Bahaa Aanaa Dhaasitti argama
  7. Tulaa Goorilee, Godina Boorana Bahaa Aanaa Dhaasitti argama
  8. Tuula Goofaa, Godina Booranaa Aanaa Mooyyaleetti argama
  9. Tulaa Layee, Godina Booranaa Aanaa Mooyyaleetti argama.

Sababoonni gugurdoon mormii dhiheenya kanaa lafti Daawwaa tan teessoo Tulaa Booranaa taatee mootummaa naannoo Somaaleetiin Godina Daawwaa jedhamte labsamuu isheeti kan jedhu qondaalli KFO Hamzaa Booranaa, Eebba Bunaa keessatti Boorannii “Baddaan Sadeen Nagaa! Tulaan Saglan Nagaa” jedhee eebbisan jedhe.

Tulaa Goofaa fi Tulaan Layee walitti Eellan 22 qaba. Tulaan Layee Eellan 16 yoo qabaatu, Tulaan Goofaa ammoo, Eellan 6 qaba.

Tulaa Layee Eellan 22 qaba. Isaanis;

  1. Dambicha Dheeraa   -Dambituu
  2. Dambicha Jiloo Bilii   – Dambituu                
  3. Halakhee Dambii        -Noonituu
  4. Abbay Raayyaa            -Noonituu
  5. Iddii Dooyyoo                -Noonituu
  6. Liiban Gololchaa       -Noonituu
  7. Halakhee Jiloo         -Warra Jiddaa
  8. Dallayoo           – Warra Jiddaa
  9. Hannicha   -Warra Jiddaa
  10. Maliyyicha   -Maliyyuu
  11. Qaalluu    -Kharrayyuu
  12. Lumee    -Kharrayyuu
  13. Shanii   -Kharrayyuu
  14. Dambee Saqoo -Digaluu
  15. Gaadullaa Qallaa    -Maxxaarrii
  16. Gaadullaa Ballaa  -Maххaarrii

Tulaa Goofaa, ammoo Eellan 6 qaba.

  1. Baroo Diqqaa  -Arusii
  2. Baroo Guddaa  -Arusii
  3. Qulqullee  -Noonituu
  4. Yooyyaa-Noonituu
  5. Saffarticha   -Kharrayyuu
  6. Digalticha  -Digaluu jedhamu.

Yeroo ammaa ummanni Booranaa, Moyyaalee fi naannoo isheetiif gaaffiin seenaa ummanni Booranaa qabu beekamtii akka argatu, murtiiwwan siyaasaa mootummaan ADWUI fudhate kanneen Moyyaalee qoqqoodan, qaama walabaa fi gad-fageenyaan akka qoratamu, Lafaa fi mirga Bulchiinsaa sababa murtii siyaasaatiin bade akka deebisu, mootummaan amma jiru haqa-dhabeenya fi rakkina ummata Booranaa irra gahaa jiru tuffachuu isaatiif itti gaafatamummaa akka fudhatu, Mirgoonni sab-lammii akka heera Itoophiyaa fi seera idil-addunyaatti akka kabajamu, mootummaan Itoophiyaa imaammata callisuu isaa akka dhaabu fi loogii siyaasaa isaa akka dhaabuuf, hawaasni idil-addunyaa xiyyeeffannoo akka nuuf kennu gaafanna jechuun gaafii ummanni Booranaa qabu ibsee jira.

Show More

Related Articles

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

fifteen + 2 =

Back to top button
Copy link