Afan OromoNewsNews AnalysisPolitics

OMN: Faannoon Maaliif Oromiyaa irratti Waraana Bane?

Kaayyoo Faannoo fi Weeraramuu Oromiyaa

Jijjiirama siyaasaa Itoophiyaa bara 2018 dura yeroo warraaqsi Qeerroo Oromoo  Itoophiyaa raasaa turetti, Naannoo Amaaraa keessatti gareen dargaggootaa warraaqsa uummataa Oromiyaa keessaa fakkaatu sochoosu dhalate.

Boqonnaa siyaasaa haarawa booda gareen kun qabsoo karaa nagaa keessaa bahuun, hidhannoo qawwee leellisuu fi Itoophiyaa mootota kaleessaa faarsuu fi ittiin dhaadachuu jalqabe. 

Sabni Amaaraa naannichaan ala jiru sarbamaa jiraa, qabsaawuufii qaba jechuunis wal kakaasuu itti fufe. Saba Amaaraa naannoo isaa keessa jiraatuus ta’e kan naannoo Amaaraan ala jiran hidhachiisuuf karoora qabu  lallabe.  

Lafti  naannoo Amaaraan ala jiru hedduus qabiyyee Amaaraa kan durii ti, Amaarri lolee deebifachuu qaba jechuun, “Lafti Walqaayit kan Tigraay lixaa jiru, lafti Raayyaa kan kibba Tigraay, qabiyyeen Matakkal kan naannoo Beenishaangulgumuz jiru, Kutaalee Oromiyaa gara Kaabaa Shawaa jedhaman fi lafti godinaalee  Wallaggaa Laga Angarii ol jiru qabiyyee Amaaraati;  kana qawween lollee deebifanna” jechuun qabsoo hidhannootiif of qopheessuu jalqabe.

Gareen Abbootii qabeenyaa, mootummaa naannichaa, hawaasa diyaaspooraa Amaaraa biyya alaa jiruun deeggaramuun karaa gaafatamaa bulchiinsaa fi nageenya naanichaa kan ture Jeneraal Asaamminew Tsiggee leenjii waraanaa fudhachuu fi hidhachuu jalqabe.

Sanadni leenjii waraanaa fi siyaasaa naannoo Amaaraa guutuu walgahee naannolee dhalatoonni Amaaraa jiran hunda gahe.

Naannichis leenjii waraanaa dargaggeessaa, daddabarsa hidhannoo waraanaa, dhaadannoowwanii fi geerarsa dhuma hin qabneen raafamuu itti fufe. 

Magaalota keessatti dhorkaa tokko malee leenjisanii hidhattoota bobbaasuun, saboota eenyummaa biraa qaban irratti dhaadachuun, haasawa jibbiinsaa tamsaasuu, duguuggaa sanyii lallabuun, mootummaa tuffachuun, seenessi Itoophiyaa bara moototaas,  qawweedhaan walumaa cinaa hidhannoo ta’ee naannoo Amaaraa jedhamu boqonnaa dhorke. 

Imala lammiilee nagaa kan gara naannoo Tigraay godhamu ugguruu fi konkolaachiftootaa saamuun itti fufe. Naannoo Amaaraa keessatti saboota eenyummaa biraa qaban irratti duuluun, Masjiidota gubuun, barsiisota Yunivarsiitii sababa garaagarummaa siyaasaa ajjeesuun, dhaabota siyaasaa ajandaa isaanii hin simanne salphisuu fi balaaleffachuun gochaa garee kanaa jajjaba ta’ee mul’ate.  

Waraana Kaabaa Itoophiyaatti adeemsifameen Raayyaa Ittisa Biyyaa, Humna Addaa Amaaraa, Milishaa Amaaraa, Faannoo Amaaraa, Humna waraanaa Ertiraa, tarree tokko hiriiruun Humna Ittisa Tigraay haleelaa yoo turan, Gareen Dabratsiyoon Gabramikaa’el, Tagaaruun Bahaardaarii fi Asmaratti Rookkeettii furguggeessuun shororkaa buuse.

Faannoon Raayyaa Ittisa Biyyaa cinaa hiriiruuf hidhannoo gurguddaa hidhate. Yeroo Humni Ittisa Tigraay Naannoo Amaaraa fi Affaar seene ammoo hidhannoo qabutti fayyadamee Raayyaa Ittisa Biyyaa irraa hidhannoo hiikaa ture.

Garichi bara 2019 irraa jalqabee Itti gaafatamaa Biiroo Bulchiinsaa fi Nageenya naannoo Amhaaraa Jeneraal Assaaminoo Tsiggeetiin ilaalcha Itoophiyaa gudditti deebisaanii ijaaruu fi naannoolee ollaa hidhaannoo fi loojistikiin deeggaramani weeraruutiin leenji’e.

Itoophiyaa gudditti ilaalcha fi Eenyummaa Amhaaraa qabdu deebisanii ijaaruuf aangoo mootummaa naannoo Amaaraa fi federaalaa qabachuuf kan kaayefate humnichi, waxabajjii bara 2019 naannoo Amaaraa fi Oromiyaa magaalaa Finfinnee keessatti yaalii fonqolcha mootummaa raawwate.

Hoogganaan yaalii fonqolcha kanaa Jeneraal Assaaminoo Tiggee yoo ta’u haleellaa sa’aatii wal fakkaataa Finfinnee fi Bahaardaarittii raawwateen, Bahaar Daariitii Pirizidaantii Naannichaa Dr. Ambaachow Mokkonaan, Finfinnetti Itaamaajoor Shuumii Raayyaa Ittisa Biyya Jeneraal Sa’aaraa Mokkonaan fi namoota biroo ajjeesse.

Mootummaan yaalii Fonqolchaa gareen Assaaminoo Tsiggee raawwate fashaleessuun Assaminoo Tsiggee adamsee ajjeesse. Kaayyoon Fonqolcha sanii sirna bulchiinsa Minilik kan jaarraa 19ffaa Itoophiyaa keessatti deebisuun Itoophiyaa bituudha. 

Dargaggeessi naannoo Amaaraa kan Jeneraal Assaaminoo Tsiggeetiin leenji’e hidhannoo qabutti fayyadamuun oollaa naannoolee Amaaraa haleeluun lafa baal’aa weeraruu jalqabe.

Bara 2022 erga waraanni kaaba Itoophiyaa waliigaltee Piritooriyaatiin goolabamee booda, humni kun mootummaa federaalaatti mufachuu isaattu dubbatama. Sababbiin isaa mootummaan Federaalaa waliigalticha keessatti nu hin hammanne kan jedhuudha.

Ministirri mummee Itoophiyaa Abiy Ahmad Faannoo “La hagar kuraat new” jechuun faarse. Gareen kun bifa kanaan farfamuun ammoo haala jiru hammeessuun dhiiga lammiilee qulqulluu dhangalaase.

Gareen mootummaa Itoophiyaatiin jajamaa ture, Kan Itti aanaa Ministira mummee fi ministira dhimma Alaa Itoophiyaa Dammaqaa Mokkonnaniin hidhachiifame, Gareen Atsaaminoo Tisggeetiin leenjifame, Gareen Raayyaa Ittisa Biyyaa Itoophiyaa cinaa hiriiruun Humna Ittisa Tigraay waraane, Gareen Itoophiyaa gudditti eenyummaa Amaaraatiin ijaaruuf Oromiyaa, Beenishaangul Gumuuzii fi Tigraayitti duule, Gareen Itoophiyaa jechuun Amaara jechuun amanu biyya guddoo Gaanfa Afrikaa Itoophiyatti, saba guddaa naannichaa Oromoo akka hoolaa masqalaa qaddasee qalee, akka akka foonitti qaama isaa jaji’ee fixaa jira.

Nuti ummanni rasaasa garagaraatiin dhumaa jirra, rasaasni tokko kan humnota Finxaaleeyyii Amaaraa Faannootii, tokko ammoo kan mootummaatii, hunda caalaa kan nu miidhe raasasa Faannoo fi mootummaati, yoo jedhan mootummaan ammoo kan fixaa jira, Finxaaleeyyii Afaan Oromoo dubbattuu fi finxaaleyyii Afaan Amaaraa dubbatuudha” jedha.

Hammeenya Faannoon Oromoo irratti raawwattee dachiin baachuu dadhabdee, samiin ilaaluu hifatte. Reeffatu dirree guutee, ilma haatii ji’a sagal garatti, waggaa 1 dugdatti baatte guddistetu ija ishee duratti qalame.

Gareen Faannoo jedhamu garee Sabboonummaa Amaaraa Itoophiyaa keessatti tarkaanfachiisuu fi ilaalcha weerara lafaa tarkaanfachiisuudha.

Humni Finxaaleessi kun biyya badhaafamaan Noobeelii nagaa bara 2019 bulchuu Itoophiyaa keessatti yakka namoomaa gurguddaa nama akka hoolaatti ciibsee gorra’uu, osoo lubbuun jiru qaama isaa irraa gogaa kaasuu, jiraa ibiddatti darbuun gubuu, daa’imman qaluu, dhiira irraa qaama saalaa muruu, dubartii irraa harma muruu, ibiddaan ganda guutuu barbadeessuu, horii rasaasaan fixuu, dubartii gudeeduu, dhiira ukkaamsee mallaqa gaafachuun beekkama.

Biyyi Yakki kun itti raawwatamu Itoophiyaadha, bulchaan isii badhaafamaa noobeelii nageenyaati. Kan yakki irratti raawwatamu Oromo, Tigree, Beenishaangul Gumuuz, Qimaant fi Agawudha. Kan raawwatu ammoo Faannoo Amaaraati.

Hooggantoonni  Faannoo Hoogganaa Ajaja Giddugala Faannoo Iskiindar Naggaa hammaa Hoogganaa Faannoo Walloo Mirree Wadaajootti, Hoogganaa Faannoo Goojjam Zammanee Kaasee hamma ajajaa Faannoo Gondar Hambte Waldeetti, Ajajaa Faannoo Shawaa Makataw Maammoo hamma ajajaa Faannoo Goondar Bayyee Qannaawitti falaasama siyaasaa lafa weeraruun Amaaraa gudditti ijaaruu jedhuun dhiiga qulqulloota dhangalaasaa jiru.

Faannoo keessan kan mul’atu ilaalcha Federaaliiziimii sab-daneeessa, osoo hin taanee eenyummaa sab-qeenxee, Nageenya osoo hin taane jeequmsa, daangaa murtaa’aa osoo hin taane weerara lafaattu mul’ata. Kanaaf humni olaantummaa Amaaraa karaa babal’inna lafaatiin, karaa diinagdee fi siyaasaa akkasuma karaa eenyummaa fi aadaatiin deebisuu barbaadu duula babal’ifannaa lafaa Oromiyaa irratti banuun lolaa jira.

Kaayyoon isaa ammoo naannoolee irraa lafa bal’aa humnaa fi hidhaannoon deeggaramee fudhachuun maqaa Itoophiyaa jedhuun eenyummaa Amaaraa guddoo ijaaruudha. Oromiyaa guddoo diigani Amaaraa guddoo Ijaaruun kaayyoo fi akeekaa humni kun qabatee deemuudha.

Kanaaf Faannoon Amaaraa qabiyyee lafa Oromiyaa saamee eenyummaa Oromoo balleessuf weerara daangaa kallatti Afurii oliin Oromiyaa irratti banee Oromiyaa dhiigsaa jira. 

Godina Wallagga bahaa; irraa Aanaaleen akka Giddaa Ayyaanaa,  Kiiraamuu,  Limmuu, Guutoo Giddaa,  Angar Guutee fi Galiilaa  irratti weerara banee jira.

Aanaa Kiraamuu keessaa gandoonni akka Lalistuu Somboo, Wattii, Margaa jireenyaa, Caffee Soorumaa fi Caffee aananii dabalatee Gandoonni 13 humna finxaaleessa kanaan qabamani jiru.

Horroo Guduruu Wallaggaatti ammoo Jaartee Jaardagaa, Amuuruu, fi Abee Dangoorroo aanota weeraramanidha.

Aanaa Amuuruu gandoota keessaa Migir joojoo, Lummaa, Shonkoor, Cidhatti, Saammoo Ilaamoo, Harar Jaarsoo, Harar Saammoo, Gabaa Amusii fi magaalaa Haroo dabalatee gandoonni 16 humna kanaan weeraramani jiru.

Godinaalee Wallagga Bahaa fi Horroo Guduruu Wallaggaatti weerara humna finxaalessa faannootiin raawwatamaa jirun hanga ammaatti, gandoota baadiyyaa Aanaa Amuruu 21 keessaa, 16, Aanaa Kiiramuu keessaa gandoonni 13, Aanaa Horro Bulluq keessaa gandoonni 7, aanaa Jaartee Jaardagaa keessaa gandoonni 8 walumaa galatti gandoonni 44 ol bulchiinsa mootummaa naannoo Oromiyaa jalaa bahuun to’annaa Faannoo jala galani jiru.

Wallagga keessattis Faannoo ajaja Wallaggaa hundeessuun ajjeechaa jumlaa, buqqaatii fi saamicha qabeenyaa raawwataa jiru.

Caasaan garee kanaa caasaa mootummaa keessa akka jiru kan himan maddeen, imimmaan ummata Wallaggaa dhageetti erga dhabe bubbles jira jechuun himan.

 

Show More

Related Articles

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

one × five =

Back to top button
Copy link