Afan OromoNewsNews AnalysisPoliticsUncategorized
Trending

Burjajjii Mooraa qabsoo Oromoo fi gaafii ummataa

Burjajjiin Mooraa Qabsoo Oromoo keessatti hundee godhate kufaatii siyaasaa, diinagdee fi hawaasummaa ummata Oromoo hordofsiise jedhan kanneen OMN dubbise.

Barreessaa Iskuu Hamzaa maqaa Raabaa Doorii jedhamuun kan beekkamu “Mooraan qabsoo Oromoo akeekaa fi sagantaa tokko jalatti itituu dhabuun jijjiiramoota bara 1974, bara 1991 fi bara 2018 akka dhabnu nu taasisee jira” jedhe.

Ummanni Oromoos burjajjii hooggantoonni siyaasaa isaa mooraa qabsoo Oromoo keessatti uumaniin gabrummaa fi dhiitaan mirgaa waggoota hedduuf akka isa irra turu taasisee jira jechuun ibse.

Raafama siyaasaa fi waraanaa amma Gaanfa Afrikaa fi Itoophiyaa keessatti mul’atu keessatti “mooraan qabsoo Oromoo ilaalcha, yaadamaa fi akeeka tokko hin qabdu” kan jedhu Raabaa Dooriin, hayyoonni siyaasaa Oromoo kan mootummaa keessa jiranii fi kan mootummaan ala jiranis dhimma waloo Oromoo fi Oromiyaa irratti ejjannoo walfakkaatu dhabuun kufaatii guddaa sabicha muudataa jiruudha jedha.

Mooraan qabsoo Oromoo ilaalchaa fi akeeka mirga ummata Oromoo kabachiisuu fi walqixxummaa fi olaantummaa siyaasaa sabicha gaanfa Afrikaa keessatti horachiisuu danda’u yoo hin goonfatin kufaatiin ummanni kun sababa tokkummaa dhabuu mooraa qabsoo Oromootiin muudatu guddaa ta’u ibsa.

Rakkoo tokkummaa dhabuu mooraan qabsoo Oromoo sabicha irraan gahee fi rakkoo sababa kanaan gara fuuladuraatti muudachuu malu dandamachuuf mooraan qabsoo Oromoo ilaalcha Oromummaa fi ummatummaa qofaan walitti dhufanii mari’achuu akka qaban kan dhaamu Raabaa Dooriin, Oromoon hooggansa tokkoon qajeelfamuu qaba jedha.

Gabaasota biroo;

Mooraan Siyaasaa Oromoo Burjaajjii keessaa bahu qaba.

Biiroo Mootummaa Naannoo Oromiyaatti Afaan Oromoo du’aa jira. Hayyoota

Dubbii Afaan Oromoo Afaan Hojii Federaalaa Gochuu Waadaatti Hafe.

Namni biraa kan maqaan isaa akka dhahamu hin barbaanne, kufaatii ummanni Oromoo keessa jiruuf gaafatama jalqabaa kan fudhatu warra mooraa qabsoo Oromoo hoogganani jedhe.

Bara 1974, 1991 fi 2018 jijjiirama dhiigaa fi lafee ummata Oromootiin dhufe hooggansi siyaasaa Oromoo tiksuu dadhabuun dabarsee qaamota ummata Oromoo cunqursanitti kenne jedha.

Ammas burjaajji hamaa ummata Oromootti uumaa kan jiru tokkummaa dhabuu mooraa qabsoo Oromootii fi wal baqachuu hayyoota Oromooti jedha.

Hayyuun Oromoo kamuu mooraa qabsoo Oromoo keessatti walhubannoo fi gaaddisa tokkummaa osoo hin uumin qaama biraa wajjiin waliigaltee uumu yoo jiraate amannee fudhachuuf rakkanna kan jedhu namni kun fedhiin keenya dura mooraan qabsoo Oromoo itituun akeekaa fi kaayyoo tokko irratti deebi’uudha jedha.

Ummanni Oromoo yoo tokkoome Itoophiyaa miti gaanfa Afrikaatiifu nagaa kennuu danda’a jechuun gahee tokkummaan Oromoo tasgabbii Gaanfa Afrikaa keessatti qabu ibse.

Ummanni Oromoo mooraa qabsoo isaa akka isaaf bu’aa buusuu dandeessutti taaliguu akka qabu dhaamee jira.

Show More

Related Articles

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

17 + thirteen =

Back to top button
Copy link