Afan OromoNewsPoliticsReport
Trending

Dubbii Afaan Oromoo Afaan Hojii Federaalaa Gochuu Waadaatti Hafe.

Afaan Oromoo

Dubbii Afaan Oromoo Afaan Hojii Federaalaa Gochuu Waadaatti Hafe

Dhimmoota ijoo uummanni Oromoo barootaaf qabsaa’oo hadhaawaa taasisee keessaa tokko dhimma Afaan Oromoo afaan hojii mootummaa federaalaa, afaan hojii handhuura Oromiyaa magaalaa Finfinnee gochuuti.

Afaan Oromoo baay’ina dubbattootaatiin Afrikaa irratti sadarkaa arfaffaa, Itoophiyaa keessatti sadarkaa jalqabaa irra jiru cunqursaa airnoota dhufaa darbaan caasaa mootummaa keessaa dhiibamee ture.

Qabsoo jabaa qabsaa’onni Oromoo taasisaniin jijjiirama bara 1983 hordofee afaan hojii mootummaa naannoo Oromiyaa ta’e. Afaan Oromoo sanaa olitu malaaf. Afaan Oromoo sadarkaa isaaf malu sana hin arganne jedhamuun qabsoon Afaan Oromoo afaan mootummaa federaalaa gochuu jabaatee itti fufe. Gaaffiilee ijoo uummanni Oromoo irra deddeebiin kaasu keessaa isa tokko ta’e.

Maaliif jennaan sababii Afaan Oromoo otoo isaaf maluu afaan hojii mootummaa federaalaa irraa dhorkameef uummanni Oromoo bal’aan lakkoofsaan biyya Itoophiyaa keessatti naannawaa wayyabaa ta’e caasaa mootummaa federaalaa irraa moggeeffame. Hirmaannaan uummanni Oromoo caasaa mootummaa federaalaa keessatti qabu qixxee sablammoota bicuu(minority) ta’uuf dirqame.

Qe’ee isaa Finfinneetti Afaan hojii Afaan Amaaraa ta’ee keessummaa ta’uuf dirqame. Ragaan bulchiinsa humna namaa magaalaa Finfinnee irraa argame akka ibsutti hojjattoota mootummaa magaalattii keessaa dhibbeentaa 60 hanga 70 kan ta’an dhalattoota saba Amaaraati. Kun ta’uu kan danda’e afaan hojii magaalaa Finfinnee Afaan Amaaraa ta’uu isaatiini.

Adeemsi qabata afaan mootummaa federaalaa Afaan Amaaraa qofa akka ta’u godhamuu kun uummata Oromoo caasaa mootummaa irraa moggeessuu bira darbee qe’ee isaa irratti keessummaa taasise. Dinagdee irraa moggeesse. Ta’e jedhamee Afaan Oromoo kan cunqurfamuufis adeemsa kana itti fufsiisuufii jedhu xinxaaltonni dhimma kana itti dhiheenyaan hordofan.

Kanuma waliin walqabatee jijjiirama qabsoo uummataan bara 2018 dhufe hordofee mootummaan biltsiginnaa irra deddeebiin Afaan Oromoo afaan mootummaa federaalaa gochuuf waadaa seene. Waadaan erga galamee waggootiin torba darbanii jiru. Jijjiiramni gama kanaan dhufe garuu har’as hin jiru.

Inumaa Afaan Oromoo afaan hojii mootummaa Federaalaa akka hin taane sirni mootummaan Biltsiginnaa ijaaraa jiru danqaa ta’uu xiinxaltoota siyaasaa dabalatee rogeeyyiin miidiyaa hawaasaa dubbatu.

Afaan Oromoo afaan mootummaa federaalaa gochuuf lubbuun hedduun wareegamtee jirti. Barataan hedduun achi buuteen isaa dhabamee jira. Kuun barnoota isaa irraa aryatamee jira. Kuun qabeenyaa fi jireenya isaa itti dhabee biyyaa baafamee jira. Kuun hidhamee dararamee jira.

Haa ta’u malee sirni qabsoo ummata Oromootiin sirna bulchiinsa Itoophiyaa qabate gaafii ummanni Oromoo waggoota kurnan hedduuf qabsaa’aafii ture cinatti dhiisuun, sirna eenyummaa sabootaa dhiqee eenyummaa haaraa Itoophiyaa leellisu ijaaruu irratti fuullefate.

Gabaasota biroo;

Humnoota Kaabaa fi Mooraa Oromoo

Miidiyaan Hidhannoo Jabanaa Murteessaadha hayyoota

Jila olaanaa UN fi KFO'n dhimma filannoo mariyatan.

Adeemsa kanaan wantoota eenyummaa saboota jabeessaan kanneen akka afaani dadhabsiisuu, sirna barnoota keessatti silibasii barnoota utubaa afaan dhalootaa ta’an haquun, kan calaqqee eenyummaa Itoophiyaa haaraa qabuun bakka buusuu fi tarkaanfiiwwan biroo raawwatamaa turan.

Imaammata barnootaa waggaa lama dura hojii irra oole hordofee qormaanni biyyaaleessaa kutaa 10tti kennamu jijjiiramuun kutaa 12tti akka kennamu taasifame.

Yeroo qormaanni biyyaaleessaa kutaa 10tti kennamu Afaan Oromoo akka afaan dhalootaatti qormaanni biyyaaleessaa ni kennama. 

Erga akka kutaa 12tti kennamu imaammanni haaraan labsee booda garuu qormaanni afaan Oromoo kan kutaa 10ffaatti kennamaa ture kutaa 12tti akka kennamuuf eeggamus ministeerri barnootaa qabata sirna barnoota sadarkaa 2ffaa anatu hooggana jedhuun afaan Oromoo sirna qormaata biyyaaleessaa keessaa baase.

Kun ammoo tooftaa afaanicha dadhabsiisuu fi xiyyeefannaa dhabsiisuuti jedhu hayyoonni fi qaamoleen garagaraa.

Tibbana ammoo ajaja ministeera barnoota Itoophiyaa hordofee Biiroon Barnoota Oromiyaa godinaalee fi magaalota Oromiyaa 44f xalayaa barreesseen daree barnootaa sagantaa Afaan Oromoo torbaanitti 2 ture gara 1tti deebise. 

Afaan Amaaraa garuu Oromiyaa keessatti torbaanitti yeroo lama baratama. Kun adeemsa afaan Oromoo dhabamsiisuu fi afaan Amaaraa dhaloota Oromoo irratti fe’uu akka ta’e ibsamaa jira.

Mootummaan amma Afaan Oromoo afaan hojii mootummaa federaalaa gochuu dhiisee uummata Oromoo Afaan Amaaraa barsiisuutti fuulleffatee jiraa jedhu xinxaaltonni. 

Kunis mootummaan Afaan Amaaraa qofaa afaan mootummaa federaalaa taasisee itti fufsiisuu ijjannoo akka qabu agarsiisaa jedhu warri dhimma kana itti siqeenyaan hordofan.

Dhimmi afaan Oromoo fi adeemsi mootummaan itti jiru kun tibbana ijoo dubbii miidiyaa hawaasaa ta’ee jira.

Xalayaa ministeerri barnootaa biiroo barnootaaf barreessee fi biiroon barnootaa oromiyaa godinaalee fi aanaaleetti barreesse hordofee hayyoota afaanii dabalatee qaamoleen garaagaraa mufii qaban jabeessanii ibsaa jiru.

Dr. Sulxaan Abdaa “tooftaan Afaan Oromoo qormaata biyyaaleessaa sirna barnootaa sadarkaa 2ffaa keessaa haquun gara ministiritti gadi buusaniif, ummanni Oromoo Afaan Amaaraa dirqiin akka baratu taasisuu fi Afaan Oromoo Afaan hojii mootummaa Federaalaa akka hin taane sakaaluufi” jedhan.

Itti dabaluun kanaan dura hanga bara 1994tti Afaan Oromoo Maatrikii kutaa 12ffaatti kennama ture, gaafa matrikiin kutaa 10tti eegalu Afaan Oromoo kutaa 12tti kennamu akka kutaa 10 qormaanni isaa kennamu taasifame jedhan.

Waggaa lama dura qormaanni biyyaaleessaa kutaa 10 hafee kutaa 12ffaa irratti akka kennamu tahe, waggoota lamaan dabran Afaan Oromoo kutaa 12 irratti wanni hin kennaminiif maali jedhamee gaafatamnaan barattoonni kunneen maatrikii 10 fudhataniiru waan taheef jedhame. Kanaafuu bara kana irraa eegalee maatrikii kutaa 12 irratti Afaan Oromoo ni jiraata jedhamee eegamaa ture jedhan Dr. Sulxaan Abdaa dhimma kana bal’innaan yoo ibsan.

Barana yeroo jalqabaatiif warri maatrikii kutaa 10ffaa hin fudhatintu kan 12 fudhate, garuu Afaan Oromoo keessa hin jiru kan jedhan Dr. Sulxaan Abdaa, Kana jechuun Afaan Oromoo sadarkaa ministirii qofatti akka kennamu tahe jechuudha” jedhan.

Kana jechuun barataan Oromoo maatrikii darbuu fi yuuniversiitii seenuuf afaan isaatti hin fayyadamu jechuudha. Yuuniversiitii keessattis damee barnoota Afaan Oromoo dorgomee seenuuf malli dandeettii Afaan Oromoo inni qabu qabxii maatrikii Afaani irratti barataan qabu madaaluun hin danda’amu jechuudha” jechuun danqaa jiru ibsu.

Adeemsi kuni guddina Afaan Oromoo irratti dhiibbaa qabaachuu eeruun, Afaan Oromoo Afaan Federaalaa gochuuf immoo sadarkaa mootummaatti tarsiimoo fi imaammata Afaanicha guddisaniifi dagaagsan baasuu fi hojirra oolchuun barbaachisaadha jedhan.

Xiinxallaa siyaasaa fi mootummaa Itoophiyaa qeequun kan beekkamu Jawaar Mohaammad gama isaatiin, “qormaata biyyoleessaa irraa haquufi daree torbanii hiri’isuu osoo hin taane, silaa wanti  Afaan reefu barnootaafi hojii mootummaaf tajaajiluu eegale tokko guddisuuf  barbaachisu, kutaa gadiirraa kaasee barsiisota gahuumsa qaban lakkoofsa  gahaa ramaduu, kitaabbilee idileefi tumsaa  dhiheessuun  fedhiifi dandeettiin barattootaa guddifachaa akka deeman taasisuudha jedhe.

Wiirtuu qu’annoofi qorannoo leeccalloo gahaan deeggaraman  dhaabuun, mal-barnoonni Afaanichaa yeroo yeroon akka fooyya’u taasisuu.

Hojii kitaabota maxxansuu, fiilmii hojjachuu kkf jajjabeessuun akaakuufi qulqullini hog-barruu akka dabalu tumsuudha jechuun afaan Oromoo dadhabsiisuu osoo hin taanee jabeessuti barbaachisaa jedhe.

Dr. Bayaan Asoobaa yaada dhimma kana irratti barreessaniin, “Afaan Oromoof gosoota barnootaa kennaman hunda keessaa xiyyaafannaa gadi aanaatu kennamaaf, Afaan Oromoo guddachuun, saba Oromoo guddisuudha, Afaan Oromoo bade jechuun, sabni Oromoo bade jechuudha, Saba Oromoo balleessuuf saganteeffamee hojjatama jiraachuu kun ragaadha jechuun barnoota sadarkaa 2ffaatti Afaan Oromoo torbaanitti sagantaa 1 qofaan barsiifamaa jira jedhan.

Walumaagalatti eenyummaan Oromoo Afaan keessan mul’ata waan ta’eef ummanni Oromoo dhiibbaa afaan isaa irratti taasifamuuf xiyyeefannaa kennuu qaba jedhan jiru.

Show More

Related Articles

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

2 × 5 =

Back to top button
Copy link