Afan OromoNewsNews Analysis

OMN: Lubbu Biliqa Baate: Yaadannoo Haacaaluu Hundeessaa Waggaa 6ffaa

Yaadannoo Haacaaluu Hundeessaa Waggaa 6ffaa

Addunyaa kana irratti namoota baay’etu uumama. Garuu kan carroomee Asxaan kabajaa, Galmeen seenaa yaadate, siidaan yaadannoo dhaabbateef, Kan onnee ummata isaa keessatti galma Seenee ijaarrate muraasa. 

Qabsoo Oromoo keessatti Walleen rasaasaa, Weellisaan loltuudha. Lolli ammoo Aarsaa qaba. Aarsaan goota qaba. Yaadaa fi yedalloon tooftaa lolaati. Goonni Wallee warraaqsaa keessatti aarsaa ta’e Haacaaluu Hundeessaa tokkicha akka kumaa, gadaameessa Amboo keessaa baheedha.

Weellisaan Weellisee weellisiise, namni weeddisee weeddisiise, Goonni geeraree Geerarsiise ALA bara 1995 Karchallee Amboo Seene bara 2000 bahe. Nama bara 2001 Albamu “Sanyii mootii” jedhuun Ummata Oromootiin wal bare, bara 2013 “waa’ee keenyaan” bara 2015 sirba qeenxee gurra jabaa ittiin horate “Maalan jiraa?” bara 2017 “Jirraa” dhuma bara 2017 Geerraarsa, bara 2019 Geerrarsaa Adwaa, bara 2020 kan ajjeefame Haacaaluu Hundeessaati.

Haacaaluu Hundeessaa Goota. Saba Goota danuu oomishe irraa dhalate. Garuu Goonni gootatu du’e jedhee qabsoo hin dhaabuu. Kaayyoo galmaan gaha jedhee ifaajaa. Kaayyoon du’aa oli. Tokko du’aan dhokatu kan hafetu bakka bu’a.

Walleen Haacaaluu ulfaataadha diina lafee cabsee roorroo rigee baasa. Sirboonni Haacaaluu aayyaantummaa raagduun eebbifame. Seenaa kalee dhaloota barsiisa. Har’a hubachiisee, bor raagee agarsiisaa.

Sirboonni Haacaaluu gaafa Oromoo jila qabu sirnaa isaa dabaaluu, gaafa roorroo ammoo saba onnachiisu, kaleessa sabaa yaadachiisanii qananii Oromoon sirna gadaa keessatti qabu galmee seenaa irraa barsiisuu, kan har’aa ni himuu, kan bor dhufu ammoo dhalootaaf raagu.

Jechoota Wallee isaatiin daggala gabrummaa gubee, Yedelloo isaatin, daadhii bilisummaa saba unachiise.

Sagaleen warraaqsaa, sagaleen saba cunqurfamee, rasaasani qabsoo Oromoo, inni sagalee isaatiin diina raase  saba booqa bilisummaa obaasee, art. Haacaaluu Hundeessaa erga ajjeefamee guyyoonni wal lakkaa’ee ji’atti wal kennuun, jiini wal lakkaa’ee waggaa 6ffaan isaa ga’ee jira.

Duuti du’aa, hunduu du’a irraa hin oolu. Du’a gootaa, du’a seenaa qabdu du’uun garuu abbaa carraati. Hundi du’a gootaa, du’a seenaa qabdu hin du’u. Garuu inni jireenya isaa keessatti goodoo seenaa ijaaratee, sabaa fi ummata keessaa baheef olmaa gaarii oolee, du’a seenaan faayamte du’e, goota abad saba keessaan jiraatuudha.  

Haacaaluun ummata Oromootiif qabsaa’aa, gaachenaa, goota aanaa fi aantee,  abdii boruu, abbaa geerrarsaa fi dhuka qabsoo Oromoo,  Qabsaa’aa mirga dhala namaa, Qaroo saba kanaa ture.

Haacaaluu Hundeessaa goota rakkoo saba isaatiif hadoodu, qaroo gamnummaa fi gootummaan isaa diinaaf yaaddoo ta’edha. Inni goota qaarrifaa diinaa jidduu taa’ee gabrummaa sabni isaa keessaa jiru nama walleen sagalee ulfuudhe lallabeedha.

Wareegamni Haacaaluu dukkana roobaa, naasuu bakkakkaa saba bal’aa Oromootti buuse. Oromiyatu gaddaan liqinfame, gadda isaattu goddaannisa seenaa ta’e, tasatti nyaatamee kichuu muramuu isaattu saba mari’amaan gube. 

Waxabajjii 29/2020 Wiixata galgala ALI sa’atii 3:30 booda ture oduun aagaa dhaageetti gurra ummata Oromootiif hin tolle kan Handhuuraa Oromiyaa magaalaa Finfinnee kutaa bulchiinsa Aqaaqii bakka addaa Kondominiyeemii Galaan  jedhu irraa gurra ummata Oromoo buute.

Gooticha mallaattoo diddaa gabrummaa, Sagalee Warraaqsaa ummata Oromoo ilma dacheen Tuulumaa biqilchite art. Haacaaluu Hundeessaa Boonsaattu rasaasaan dhahame.

Xinnaa guddaan amanu dadhabe. Battalumatti Dachiin Oromiyaa hundii naasuun Shilim jette. Rasaasaan rukutamuu isaatiin osoo ummanni gadduu turtii daqiiqaa muraasaa booda gaddi gaddaa caaluu Oromiyaa dhuunfate. 

Oduu artist Haacaaluu Hundeessaa lubbuun darbe jettu guutummaa addunyaa labdee, xinnaa guddaa akka maraattu uffata baafachiiftee darbisiifte. Eee naasuu ummata Oromootti gaafa san buute. Yaa gaddaa dachii Oromiyaa liqimse. Mar’immaan saba guutuutu obsa dhabe. Gadaamessaa Haacaaluu baatetu dhiige. Garaa xinnaa guddaattu obsa dhabe. Haadha ilmoo ishii dhabdeetuu naasuun gaggabe. Abbaa ilmoo isaa dafqee guddisetu dhaabatatti goge hafe.

Yaa rabbii oduu tana soba godhi. Yaa waaq abjuu godhi. Lakki lakki dubbiin kuni soba. Amanuufin rakkadhe kan jedhee oduu du’a Art. Haacaaluu Hundeessa tokkicha qixxee kumaa dhagahuu balaalefate hamma hin qabu.  

Ummanni Oromoo didus duuti Haacee dhugaa taate. Dhugaan du’aa booqaa hin qabdu akkuma jedhamu Haacaaluun mucaan jalaalaan onnee Miliyoonotaa booji’e,   Qaroon ilmi Oromtichaa, qabsaa’an Ilmi Hundeessa rasaasa itti dhukaafameen daguun nyaatame. 

Duutii isaa saba isa jaalatuuf hundaaf dhugaa ta’u didde. Waaqaa uumaa waaqaa uumama, maaliif na uumtee gadda hammana ulfaatu na dhageesifte? Gamana galagalii keenya maaf booyicha ta’e kan jedhu lakkoofsi hin fixu.

Guyyaan gaddaa, guyyaan Haacaaluu Hundeessaa nyaatee Oromoo boochise, Aduun gaafa san lubbuu Haacaaluu Hundeessaatiin galte… Halkan dukkana gaddaa uffatee Oromiyaatti bu’e, Galgalli waamicha du’a Haacaaluu Hundeessaa lallabe erga darbee waggaan 6 naannna’ee dhufe.

Galgalli Haacaaluu Hundeessaa du’aan ummata Oromoo irraa fooye, dukkanni du’aa lubbuu Haacaaluu Hundeessaa nyaate, Halkan hadhaa du’aa Haacaaluu dhandhamsiisee ummata Oromoo fi Oromiyaa dhangaa gaddaa obaase darbus madaa fi madaamaan, gaddaa fi godaannisni inni dhiisee darbe har’as kunoo hin fayyine.

Guyyaan aartist Haacaaluu Hundeessaa nyaate, Guyyaan lubbuu Qeerroo Oromoo nyaachuuf ilkaan Biltsiginnaa qaree, Guyyaan baaburrii ceehumsa Itoophiyaa daandii ceehumsaa irraa maqee qilee seene, guyyaan Ibiddii siyaasaa Itoophiyatti qabate waxabajjiin 29 waggaan 6ffaan isaa naanna’ee dhufee jira.

Seenaa ceehumsa Itoophiyaa bara 2018 keessatti Baatiin waxabajjii Itoophiyaa keessatti taateewwan jajjaboo galmeessuun beekkamti. 

Waxabajjii bara 2018 haleellaa bombii addaababaayii warraaqsaa, waxabajjii bara 2019 ajjeechaa Hoogganoota waraanaa Itoophiyaa fi bulchiitootaa naannoo Amaaraa, waxabajji bara 2020 ammoo gaaza qabsoo Oromoo, Mallaattoo Warraaqsaa, Gaachana qabsoo ummata Oromoo, Abbaa Wallee Warraaqsaa, qabsaa’aa mirga cuqurfamtootaa, falma mirga namoomaa jettee kan addunyaan ragaa baateef artisti Haacaaluu kan itti dhabne ture.

Duuti Haacaaluu Hundeessaa du’a gootaa du’a seenaa qabdudha. Eee gaafa inni du’e dhakaa mukatu socha’e. Dachii Oromiyaa kan Haacaaluu biqilchetu gadda uffate. Samii Oromtichaattu fuula guure. 

Akkuma Oduun ajjeefamuu Haacaaluu Hundeessaa dhagahamteen naannawaa ajjeechaa isaa san qeerroon qaroon sabaa cambal jedhee guute. Xinnaa guddaan gadheen harka nu murte jedhee quba of nyaataa fiiga. Haaceen garuu boqatee jira. Reeffi Haacaaluu Hundeessaa Hospitaala Phaawuloos akkuma seeneen fuuldurri hospitaalichaa Qeerroo kumaa kitilaan guute.

Oromia Media Networkis tamsaasa kallattiitiin halkan guutuu magaalaa Finfinnee irraa haala ajjeechaa Haacaaluu Hundeessaa fi dallansuu ummata Oromoo addunyaa daawwachiisaa bule.

Gaazexeessaan OMN Yihun Ingidaa fi ogeessoonni miidiyaa OMN rasaasa qixxisu keessa dhaabbattanii xiiqii dargaggoo Oromoo kutaalee Oromiyaa hundaaf tamsaasaa bulani.

Miidiyaa sabaati. Gaazeexeessaanis Gaazexeessaa sabaati. Kanaaf rakkoo sabatti galte addunyaa dhageesisiisuuf aarsaa kafaluun tamsaasa kallatti rasaasa jidduu dhaabate dabarsaa ture.

Halkan gaafasii gadda Haacaaluu uffate, bari’uuf yeroon isaa dheerate. Oromoon alaa keessaan uuu uuu uu jedhee booya. Hunduu gaddaan liqinfame. Guyyaan sun darbuuf rarre’e. Duuti isaa saba garaa raase. Ija sabaattu bade. Gaaratu jige. Abbaa aartii Oromoottu kufe.  Qabsoo sabaatiif kufe. Lubbuun dhiiraa takkattima. Gaafa dhalattu duuti.  Qeerron halkan guutuu balbala hospitaalichaa dura dhaabbatee  “Haacee as jirra” jechaa bule. 

Garuu Hacaaluun dubbatee akka duraa  “jirra” jechuu hin dandeenye. Sagalee isaa kan wayta lubbuun jiruu qofatu gurra ummataa irraa qillisa. Haacaaluun seenaa hojjatee ofirraa hobbaafate. Haacaaluun ifaan kan ajjeefameef dhimma qabsoo Oromoo keessaa dhimmaa Sidaa Miniliikin wal qabatee falmaa taasisaa jirun itti yaadamee galaafatame.

Gaafa Haacaluun wareegame, gaafa guyyaa galtee, gaafa dhiiga isaa  dhangalaasan, gaafa dhiigni danuun yaa’e laga lola’e, guyyaa reeffi dirree guutee mormii namaa badhee kolfe, dheengadda Gaafa aduu galgala-tiin dukkantii du’aa Finfinnee weerarte, Oromoo guutuutu afaan guutee Haacaaluu biqiltuu Amboo, faajjii Oromoo Finfinneetti awwaallee siida isaa birbirsa goorootti dhaabna jedhee.

Art. Haacaaluun Finfiinnee gubbaa dhaabbatee, “Oromoo yaa abbaa shaanqoo, yaa abbaa daamaa, abbaa daalee, Farda kee kaafadhuu loli arat kiloof situ aanee” jedhee sirbus carrroomee Fnfinnee keessatti hin awwaalamne.

Fedhiin ummata Oromoo Haacaaluun geggeessaan gootaa godhameefi Finfinnee keessatti akka awwaalamuudha. Garuu hin taane. Ajjeechaan Siyaasaa art.  Haacaaluu Hundeessaa galaafate sansalata siyaasaa biraa baatee dhufe.

Reeffa Haacaaluu Hundeessaa bakka dhaloota isaa Amboo tti awwaalla jechuun ganamaa Reeffa isaa Hoospitaala Phaawuloos baasuun imala miliyoonotaan dabaalameen gara Amboo lafa dhaloota Haacaaluu Hundeessaa imalli jalqabe.

Ummanni Oromoo qaroo isaa dhabe, gaddaa naasuun dabaalamee Reeffa Haacaaluu Hundeessa duuka gara Amboo qajeele.

Burraayyuu yoo gahu Reeffi Haacaaluu Hundeessaa akka of duuba deebi’u taasifame. Sabni Haacaaluun Finfinneetti awwaalamuu heda jedhee abjootus kan sabni yaade hin taane.

Gameessa Siyaasaa Jawaar Mohaammad, Obbo Baqqalaa Garbaa, Hamzaa Booranaa dabalatee namoonni siyaasaa Oromoo keessatti bakka jajjaba qaban humna tikaatiin To’ataman. Reeffii Haacaaluu ammoo giddu gala Aadaa Oromooti bahe gara Ambo ergame.

Du’a isaattu biyyoota addunyaa hunda keessatti mormii kaase. Wareegama Haacaaluu Hundeessaattu Daandii Guddicha minisootaa cufe. Aarsaa Haacaalun kafaletu  Uk keessaa siidaa Hayla sillaasee, Harar keessaa siidaa Raas Mokkannan  barbaadesse.  

Gooticha duutii isaa addunyaa guutuutti dukkana buufte awwaalcha isaa balleessani. Awwaalchi gootaa gootummaa fi kabajaan biyyaalessaa osoo maluuf, fedhaa fi hayyama ummata Oromoo malee, Reeffii Haacaaluu Hundeessaa Handhuura Oromiyaa Finfinnee lafa qabsaa’aafi turee irraa fageefamee Magaalaa Amboo keessatti bakka namni qubaan lakka’amu argamutti raawwatame. 

Ajjeechaan siyaasaa Haacaaluu irratti raawwatame, awwaala isaa balleessee godaannisa seenaa sabatti hambise. 

Awwaalchii Haacaaluu Hundeessaa osoo sabni lafa inni qabsaa’eef Finfinnee keessatti, lafa inni wareegameef Shaggar keessatti haa awwaalamu jedhu, bulchiinsi Abiy Ahmad Alii saba keessaa bahetti garaa jabaate, hooganoota hidhaan gaadi’ee, Interneetii cufee, midiyaalee walabaa ukkamsee, waraanaan lubbuu qeerroo Oromoo akka baala mukaa harcaasaa humnaan Ambotti raawwate. 

Awwaalcha Gooticha sabaa, abbaa wallee warraqsaa, falmaa haqa fi mirga Oromoo osoo sabni kabajaan hooganoota isaa waliin, sadarkaa biyyaaleessatti gadda labsee Finfinnee lafa Tufaa munaa, araddaa Qajeelaa Dooyyoo keessatti awwaaluuf tattaafatuuf, afaan qawweettin ukkamsanii Amboo tti awwaalan. 

Mootummaan Itoophiyaa Ilma Oromoof tokkichaa ofii ajjeessee ofumaa awwaale. Dachii Oromiyaa Hundatti dhiiga dhangalaasee lubbuu hobbaasee. Sabni gabrummaa hifate harka qullaa warra hidhannoon guutametti bahee akka baala mukaa harca’e.

Itoophiyaan Artistoota Oromoo Musxafaa Harawwee hamma Jireenyaa Ayyaanaa, Yoseef Gammachuu hamma Maaramee Harqaa, Eebbisaa Addunyaa hammaa Usmaayyoo Muussaa, Daadhii Galaanii hamma Haacaaluu Hundeessaa nyaachuun dhiiga isaanii irraa dhaabbatte… dhiigni Artistoota Oromoo turee dafee Itoophiyaa raasaa jira.

Artist Haacaaluu Hundeessaa Af-gaafii OMN waliin Dhaddacha Dubbii irratti taasiseen rakkoo bulchiinsi Abiy qabu qofa osoo hin taanee Bulchiinsi Abiy isa bitu akka hin dandeenye bareeche hime. Nama dabballeen mootummaa kaayyoo isii ittiin tarkaanfachiiftu akka hin taane “ani ummata kiyyaaf qaaliidha mootummaan Abiy Ahmad na bituu hin danda’u” jechuun abjuu dabballootaa dukkaneesse.

Bulchiinsa Abiy Ahmad jalatti manaa fi konkolataan bitamuun dantaa sabaa kanneen irraanfatan, firrii qabsoo kaleessaa, har’a diina qabsoo sabaa kanneen ta’an baay’eedha. Haacaaluu garaa hiruu dhabuu isaa gaafa mirkaneessu akkas jedhee…

“Gariin garaa Hiree Nooraa dhidheessaa, Ani yooman garaa hiree ani Haacaaluu Hundeessaa”

Itoophiyaa keessatti diinni ummata Oromoo naafxanyaa ta’u kan dubbate Haacaaluu Hundeessaa mooraa ilaalcha naafxanyummaan dheengi’amte ibidda siyaasaa itti qabe.

Sirni afaan qawweetiin biyya bitu ummata Oromootiif diina. Itoophiyaan afaan qawweetiin saboota Itoophiyaa cunqursitu ummata Oromootiif fira taatee hin beektu. Itoophiyaan qawween ijaaramte Oromoof diina. Oromoon gadaan qajeela, gadaan duulee, gadaan bulee bulchaa. Kanaafi fakkaata Ilmi Hundeessaa Boonsaa sirni naafxanyaa Oromoof kaleessas diina, har’as diina, gara fuulduraas diina kan jedhef .

Mootummaan Abiy Ahmad nama Oromoo cimaa tokko ykn hayyuu tokko akka ajjeessu naafxanyaan halkanii guyyaa hojjataa jirti jechuun kan raagee Haacaaluun, akkuma inni jedhe Bulchiinsi Abiy torbaan Haacaaluu Hundeessaa Af-gaafii taasisetti ajjeesse.

Kaayoon ajjeechaa art. Haacaaluu Hundeessaa guddaan falaasama Ida’amuu ummata Oromoo fudhachiisuu fi siyaasaa biltsiginnaa Ummata Oromootti gurugruu fi humnoota federaaliziimii dadhabsiisuudha jedhamee xinxalamaa ture.   

Akeekaa fi kayyoon art. Haacaaluu Hundeessaa ajjeefameef Sabboonummaa Oromoo dhahuu, ilaalcha sabummaa balleessuuf, Oromummaa Xureessuuf, Naafxanyummaa Fi Itoophiyummaa sabummaa olitti dagagaagsuuf ture.

Egaa wiixanni waxabajjiin 29/2020 guyyaa akeekaa fi kaayyoon mootummaa hojii irraa itti oolu ture. Ergamni kaayyoo kana galmaan gahuu qaamoota humnoota Tikaa irra jiran kanneen akka Hogganaa Tika Biyyoolessaa yerosii Dambalaash Gambra mikaa’el, Hoggana Tika Magaalaa Finfinnee Yohannis Mitikkuu, Laamroota kamaal fa’atti kennaamuun ajjeechaan naasisaan sun raawwatamuutu himama.

Ajjeechaa art. Haacaaluu Hundeessaatiif kan Shakkamtuu Laamroot Kamaal yeroo arti. Haacaaluu Hundeessaa Ajjeefamu bira jirti. Haacaaluun rasaasaan kan dhahameen karaa Mirgaa, imaltuun taa’uuni. Karaa saniin kan taa’e Laamroot Kamaali. Gama Biraan ammoo artist Haacaaluun erga ajjeefamee Laamroot Kamaal hin iyyane. Birmannaa hin gaafanne. Hamma dhiigni keessaa dhumutti eegdee hiriyyoota isaatiif bilbiluu odeeffannoowwan taatee guyyaa sanaan wal qabatanii ba’aa turaniidha.

Art. Haacaaluu Hundeessaa Sabbonummaan Oromoo utubaa Itoophiyaa akka ta’e yeroo garagaraatti dubbataa ture. Garuu sirni Itoophiyaa Oromummaa nyaataa jiraatu, sirni Itoophiyaa seenaa Oromoo xurreessaa jiraatu  diinaa Haacaaluu Hundeessaa qofa osoo hin taane diina dhaloota qubeeti.

Ergamni itti aanuu kan mootummaan raawwate, ajjeefamuu artist Haacaaluu Hundeessaatiin Oromoo yakkuu dha. Abbaa Alangaa Federaalaa  yeroo sanii Adaanechi Abeebee yeroo miidiyaaf ibsa kennitu, Haacaaluu kan ajjeesse ABO dha jechuun ibsite.

Namoota ergama ABO shanee irraa fudhatani Haacaaluu ajjeessan jettee maqaa Waamte keessa Xilahuun Yaamii yeroo sadii dogongortee maqaa garagaraatiin waamte.

Abbaan Halangaa Federaalaa dhimmaa ajjeechaa kanaa itti dhiheenyaan qorataa jirtu akkamitti maqaa waamuu dadhabdi? Gaaffiidha. Qaamoleen haqaa Itoophiyaa qaama ajjeechaa Haacaaluu Hundeessatti dhiyoo jiru qorachuu dhiisuu namoota biroo qorataa turan.

Xilahuun waamii, Abdii Alamayyoo, Kabadaa Gamachuu yakkaa ajjeechaa kanaan shakkamanii hidhaan yoo itti murtaa’u, Laamroot Kamaal garuu manni murtii bilisa jechuun biyya sana haqni akka hin jirre mul’ise. 

Seerrii shakkamaa Abdii Alamaayyoo yeroo Haacaaluun ajjeefamu argitee poolisitti beeksisuu dhabdee jedhee himatu, Laamroot kamaal bu’uura kamiin dhiisa?

Wajjirri abbaa halangaa Fedeeraalaa  ibsa kennee keessatti ABO shaneen Haacaaluu kan ajjeesseef sababa OMN irratti arrabseefi jedhe. Af-gaafii Haacaaluun OMN wajjiin taasise keessaa daqiiqaa 47 darbee, daqiiqaan 11 keessaa ciramee hafe kan jedhu waajjirri abbaa alangaa federaalaa booda irra WBOtiif, bulchiinsi OMN erguu isaa ragaan nu bira jira jechuun yaada dhugaarraa fagaateen ummata burjaajessaa turuunsaa kan yaadatamuudha.

Haacaaluun Af-gaafii OMN waliin taasise keessatti diinni ummata Oromoo nafxanyaadha. Naafxanyaan kaleelle diina Oromooti. Har’as diina Oromooti, borus diina Oromooti jedhe malee ABOn diina Oromooti hin jenne. 

Manni murtii shakkamtuu ajjeechaa art. Haacaaluu Hundeessaa Laamroot Kamaal mirga wabiitiin akka baatuu  Sadaasa 18/2021 murteesse.

Namoota artist Haacaalu Hundeessaa ajjeessan jechuun Abbaan Alangaa himate keessaa Xilahuun Yaamii hidhaa Umrii guutuu, Kabbadaa Gammachuu hidhaa ganna 18, Abdii Alamayyoo hidhaa ji’aa jahaa fi Laamroot Kamaal mirga wabiitiin akka baatu murteefame.

Murtee dabaati. Murtee iftoominna hin qabne. Murtee haqa art. Haacaaluu Hundeessa awwaalu jedhamuun murteen kun qeeqamaa ture.

Maatiin artist Haacaaluu Hundeessa haqni ilma isaanii karaa kanaan akka hin argamne irra deddeebiin ibsaa turan.  Dhugaan isaa intala san bira akka jirtu dubbatu.

Haacaaluu Hundeessaa waltajjii irratti geerraree dhaadaatuun abbaa doktoreetii kan jedhame, sirbaan lolee lolchiisee, gootummaa saba dhaalchiisuun kan booqa seena walleen nama habbuuqachiisee goota waltajjiin irraa bareedu ture.

Galma Barkumeeti hamma Addabaabaa’i warqqasaatti, Amboo hamma Washigitan DCtti geerraree dhaloota jaalalaan booji’e. Waa’ee Obsa Oromoo yoo geerrarru.

 “Yaalle hamma dandeenyu kana caalaa maal haa goonu, Xinnaas gabbarre guddaa akka wajjiin bubbulluuf”

Oromoon Itoophiyaa waliin buluuf, nageenya lallabe nagayaan bahee galuuf cunqursaa sirnoota hundaa dandaa’ee jiraataa  turuu isaa akeeke.

“Sa’a keenna ishee burree kan ribbiif kennine, Elmatan bara meeqa nuu galchuu didan malee”

Itoophiyaan Oromiyaa elmataa kabajaa fi galataa Oromiyaaf galchuu qabduu osoo hin galchiin barootaaf jiraataa jirti. Sirni Itoophiyaa Oromoo ajjeessaa qabeenya dachiin Oromiyaa biqilchiteen jiraattu artist Haacaaluu Hundeessaa akkas jechuun itti hime. Gaafa gabrummaan sabatti jabaattee ammoo 

“Haraargeen Mancaa qarraan, Tuulamni farda leenjisee, Roorroon daangaa dabarraan Qeerroon falma murteessee” jechuun Sirni Itoophiyaa Oromoo ajjeesu raase sirna Oromoo hin taane kaase.

“Riqichan raga waamaa Riqicha Adwa guddaa isa Finfinnee jiru… Namni seenaa yoo dabsees lafti seenaa hin jijjiiruu…. Ennuu akka isa irra cee’ee Xaaliyaanii Unkuree…. Eenyu akka Paastaan gowwomee biyya gurguree… Eenyu akka baandaa ta’ee dhiiga dhiiraa gad naqee… Har’a Falmee sirreessa seenaa karaa irraa maqee… ” jechuun seenaa Oromoo kan lallabee Haacaaluun sirni naafxayaa seenaa namaa jijjiruus lafti Oromoon itti dhiigee seenaa akka hin jijjirre handhuura Oromiyaa Finfinnee irraa dhaabbate geerrare.

Walleen Haacaaluu ulfaataadha diina lafee cabsee roorroo rigee baasa. Sirboonni Haacaaluu aayyaantummaa raagduun eebbifame. Seenaa kalee dhaloota barsiisa. Har’a hubachiisee, bor raagee agarsiisaa. Jechoota Wallee isaatiin daggala gabrummaa gubee, Yedelloo isaatin, daadhii bilisummaa saba unachiise.

Albama Sanyii mootii hamma, Waa’ee keenyaa, Sirboota qeenxee Maalan jiraa Hamma Jirraa tti gad dhiisuun gadadoo fi cunqursaa ummata Oromoo irratti raawwatamu dhaloota barsiise.

Haacaaluun Mallaattoodha. Mallaattoo diddaa gabrummaa, Mallattoo Bilisummaa fi Walabummaati. Cunqursaa Itoophiyaa keessatti ummata Oromoo irraa gahee Afaan artiitiin ibse saba booqa yoo unachiisu, diinaaf yaaddoo ta’e. 

Haacaaluun Seenaadha, Haacaaluu jiraataadha.

Waxabajjii 29 Guyyaa Haacaaluu Hundeessaa!!

Show More

Related Articles

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

17 − 10 =

Back to top button
Copy link