Afan OromoNewsPolitics
Trending

Yaadannoo-haacaaluu

Haacaaluun akkamiin yaadatama?

Art. Haacaaluu Hundeessaa dhabanii haqa isaas dhabuun lama cabuudha jedhan weellistootaa fi kutaaleen hawaasaa garagaraa Torbee yaadannoo ajjeefamuu Haacaaluu Hundeessaa waggaa 5ffaa ilaalchisuun yaada OMNf erganiin.

Ripoortarri OMN Minisootaa Iliyaas Abubakar yaadota namoota walitti qabee jira.

Weellistuu Faayoo Mootii, “art. Haacaaluu Hundeessaa dhabne haqa isaa dhabuun lama cabuudha” jetti.

Dhaloonni ammaa kaayyoon inni biraa wareegame itti fufsiisun galmaan gahuun dirqama kan jettu weellistuu Faayoo Mooti, Haacaaluun anaaf weellisaa qofa osoo hin taane mana kitaabaati, seenaa gurraan dhagahe isa irratti qabatamaan arge” jechuun seenaa bara jireenya isaa keessatti Haacaaluun hojjate dubbatti.

Faayoon Goonni hin du’u, bara baraan jiraata jetti.

Gabaasota walqabatan;

Art. Haacaaluu Hundeessaa Mallattoo Gootummaati

Yaadannoo Ajjeefamuu Haacaaluu Hundeessaa Waggaa 5ffaa Minisootaa

Ajjeefamuu Haacaaluu Hundeessaa fi Biyyaa baafamuu OMN

Art. Dhaabaa Caalaa gama isaatiin “Art. Haacaaluu Hundeessaa Goota Mirga dhala namaatiif qabsaa’u fi dhalootaa dhalootatti seenaan isaa ummata Oromoo waliin jiraatuudha” jedha.

Ummanni Oromoo dhugaa fi gumaa isaa barbaaduu qaba kan jedhu weellisaa Dhaaba Caalaa, kaayyoo fi akeeka isaa itti fufsiisuu qabna jedhan.

Weellisaa Obsumaan Abarraa gama isaatin “torbeen kun torbee gootummaa, seenaa duudhaa fi leegaasii Haacaaluu Hundeessaa itti yaadannuudha” jedha.

Weellisaa Jamaal Godi ammoo, “Gootummaa fi seenaan Art. Haacaaluu Hundeessaa onnee ummata Oromoo keessa jira jedha.

Yaadannoo ajjeefamuu isaa waggaa 5ffaa yeroo taasifnu kaayyoo inni irratti wareegame galmaan gahuuf hojjachuu fi maatii isaa cinaa dhaabbachuun ta’uu qaba jedhe.

Yaadannoo ajjeefamuu Haacaaluu Huundeessaa waggaa 5ffaa ilaalchisuun namoota yaada kennan keessaa kan biraa Margituu yoo taatu, dhugaan isaa akka baatuuf ummanni Oromoo hojjachuu irraa akka duubatti hin deebinee jetti.

Maatii inni biraa wareegame too’achuu fi gaaddisa ta’uuni dirqama Oromoo akka ta’e dhaamtee jirti.

 

Show More

Related Articles

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

13 − four =

Back to top button
Copy link