Afan OromoNewsNews Analysis
Trending

OMN: Yaadannoo Ajjeechaa Abbootii Gadaa Karrayyuu

Waggaa 4ffaan ajjeechaa Abbootii Gadaa Karrayyuu har'a Muddee 1 bara 2025 akkaataa garagaraatiin yaadatamaa jira.

Waggaa 4ffaan ajjeechaa Abbootii Gadaa Karrayyuu har’a Muddee 1 bara 2025 akkaataa garagaraatiin yaadatamaa jira.

Namoonni ulfoon Oromoo biratti hundaa ol kabajaa fi ulfina qaban  kunneen jila isaanii waliin erga Mootummaa Bilxiginnaatiin ajjeefamanii Muddeen 1 waggaa 4ffaa isaaniiti. Dhugaan Yaa’a Abbootii Gadaa kanneenii hin galle.

Gumaan isaaniis hin baane. Murni isaan fixes anatu fixe jedhee maatii fi hawaasa kanaaf gumaa baasee araara hin buufne. Dhiigni isaanii ammallee iyyaa jira. Jila Abbootii gadaa Karrayyuu! 

Karrayyuun God-hambaa sirna gadaa Oromooti. Gadaan Oromoo qe’ee Oromoo heddutti gita bittootaan cabe Karrayyuu keessatti ititee har’a gaheen ragaa seenaati.

Karrayyuun sirnoota abbaa irree kan afaan alaagaa dubbatu danuu keessatti aadaa fi duudhaa, eenyummaa fi Oromummaa tiksee sirna Afaan Oromoo dubbatuun geggeessitoota isaa dhabe.

Qe’een sirna Gadaa, da’oon qaalluu fi waayyuu, ardaan jilaa fi jiidhaa Karrayyuun sirna Biltsiginnaatiin jila Abbootti gadaa ofii humna afaan Oromoo dubbatuu fi ani mootummaa Oromooti ofiin jedhuun dhabuun gadda guddaa ummata Oromootti ta’e. 

Oromoon Karraayyuu Oromoo sirna waanjoo didee bu’uraa diimookraasii ammaayyaa Sirna Gadaa kunuunsee dhaloota har’aa ummata dhaalchiseedha. 

Oromoon Karraayyuu madaala eenyummaa Oromoo, hafte sirna gadaa, hundee Sabboonummaa Oromoo ta’uu isaanii seenatu ragaa baha.

Oromoon Karrayyuu duudhaa, heera Ittiin bulmaata Oromoo ganamaa tiksee ummata  asiin gahe keessa isa tokko. 

Gaafa Alagaan Itoophiyaa dhiitee bulche Karraayyuun sirna ittin bulmaata Oromoo Sirna Gadaa gad hin dhiifne. 

Godina Shawaa Bahaa daangaa Aanaa Boosati fi Aanaa Fantaalee iddoo Kaarra ykn Mootoma jedhamu qubatanii kan turan Abbaa Gadaa Karrayyuu Kadiir Hawaas dabalatee, namoonni 14 humnoota mootummaa Oromiyaatiin Jumlaan ajjeefaman.

Bakki Ajjeechaa kanaa naannoo uummanni Karrayyuu sirna Gadaa itti gaggeeffatu bakka warri aangoo Gadaa harkaa qabu qubatanii jiranitti.

Abbaa Gadaa Kadiir Hawaas dabalatee tuutni abbootii Gadaa ajjeefaman miseensota Gadaa Michillee, kan Dullachaa yoo ta’an, waggaa afur dura Gadaaf godaananii bakka Kaarra jedhamu qubatanii turan.

Sadaasaa 30/2021 humni addaa Oromiyaa,  Poolisiin aanaa fi milishaan gandaa Shawaa Bahaa aanaa Fantaallee bakka Haroo Qarsaa jedhamutti ummataan “miseensa shanee baasaa” jechuun rakkisaa oolan. 

Dargaggoota shan humnoonni Poolisii addaa Oromiyaa “shakkinee qabnee deemna” jennaan ummanni didee walitti bu’iinsi uumamuu ragaalen bahan ni mul’isu.

Halkan Kiibxataa jechuun sadaasa 30/2021 warri baallii gadaa harkaa qabu miseensonni Gadaa Michillee bakka Mootoma ykn Karra jedhamu kan ganna afur dura sirna Gadaaf jedhani qubatanitti jila kadhannaa Waaqaa irra bulan. 

Bakki Jilli abbootii Gadaa Michillee qubatee jiru kun bakka Haroo Qarsaa jedhamu kana irraa KM 60 fagaate argama. Sirna Kadhannaa waaqaa irratti sangaan qalamee abbaan Gadaa eebbisee, Qaalluun Qumbii biifee hammeenya balaaleefate. 

Jila sirna Gadaa keessatti nageenyi kadhatame, hammeenyi maganfatama. Toltuun hawwamee, badiin balaaleefatama. Abbaan Gadaa Karrayyuu Kadir Hawaas Boruus kanuma kadhate fakkaata.  Tuutni Gadaa Michillee Karrayyuus kanuma aamiin jedhe.

Muddee 1/2021 Roobiin ganama akka jilli miseensota Gadaa naanna’anii taa’aniin humni addaa poolisii Oromiyaa marse. 

Waraanni mootummaa kan sabboonummaa Oromoo fi eenyummaa Oromoo balleessee sabboonummaa fi eenyummaa Itoophiyaa biltsiginnaa ummata fudhachiisuuf qabsoo taasisaa jiru Galabaa YKN bakka Abbootii Gadaa qubatan erga too’atanii booda dhiirota 41 kophatti baasanii reebuu jalqaban.

Humni addaa Oromiyaa kan afaan Oromoo dubbatu, garuu kan Oromoo ajjeessu fi sabboonummaa Oromoo balaaleefatu reebbicha hamaa booda hunda isaanii fuudhe gaara meexxii bakka dhagaan gurraachi gurguddaan argamu Basaqaa Aanolee jedhamu geesse. Garri deemaniin gara du’aati. 

Sana booda gareen eenyummaa fi sabboonummaa Oromootti duule kun lubbuu abbootii Gadaa fi lubbuu miseensota Gadaa Michillee Karraayyuu ni ballleessina moo hin balleessinu kan jedhu irratti qondaalota mootummaa fi namoota garagaraa wajjiin bilbilaan mari’ataa turuu ragaaleen nu dhaqqaban ni mul’isu.

Marii dheeraa booda geggeessitoota sirna Gadaa Oromoo Karraayyuu keessaa 16 ni ajjeefnaa irratti walii galan. Achumatti namoota too’ataman bakka lamatti baasani namoota bebbeekkamoo fi geggeessitoota sirna gadaa ajjeessan. Kan ajjeesse loltuu mootummaa Biltsiginnaati.

Abbaa Gadaa Karraayyuu Kadiir Hawaas Boruu, Warra Kormaa Garaa hidhe Boruu Fantaallee fi Jiloo Diidoo dabalate namooonni 14 battalumatti ajjeefaman. 16 keessa lama harkaa miliqan. Warren hafan ammo achi buuteen isaanii hin argamne. 

Akka Karrayyuutti Warra Korma Garaa hidhe jechuun Gootota jechuudha. Moggaasni warra korma Garaa hidhe jedhamu kan kennaamuuf goota qofaafi. Goonni maqaa kana qabu lola keessatti duubatti hin deebi’u. Battala qabate dhukaasu hin ka’u. Yoo moo’atamanis ni wareegama malee hin ka’u. Kan isa achii kaasuu du’a qofa. Goota duuti qofti diina jalaa ooftu kanaan Korma Garaa hidhe jedhani waamu. Gootonni Karrayyuu Korma garaa hidhan Boruu Fantaallee fi Jiloo Diidoo Gootota Biltsiginnaan ajjeefamaniidha.

Ummanni Karraayyuu miseensota Gadaa isaanii barbaacha yeroo deeman reeffa allaattin ija keessa fudhattee fi qaama cinaan bineensaan nyaatame argan.  

Sanuu humni adda Poolisii Oromiyaa akka reeffi hin kaane dhoowwa ture. Humna addaa sirna Biltsiginnaa tiksuuf dhiiga abbootii Gadaa dhangalaase. Garee sirna mootii deebisuuf dhiiga ummataa jiigsu. 

Garee safuu safeeffata hin beekne. Warra sirna mootii deebisuuf daandii sirna gadaa cufee daandii Minilk dhoosee irra gulufaa jiru. Warra Oromoo qulqulluu ajjeessee reeffaa isaa bineensa nyaachise, Sirna Biltsiginna. 

Hunda caalaa kan nama gaddisiisuu Abbaan Gadaan Karrayyuu Kadir Hawaas Boruu namoota ajjeechaa kana raawwatan keessa kan beekan akka qabani fi “nagaa buusuuf waliin hojjataa hin turree, walgahii waliin ta’aa hin turree..” jedhanii maqaa waamani akka itti dubbataa turan himamaa ture. 

Ummanni Oromoo Karrayyuu reeffa abbootii Gadaa isaanii kaafachuuf lola hamaa geggeessan. 

Bineensi qaama isaanii walakkaa nyaatee jira, allaattiin ija isaanii keessaa guurteetti” jedhu haala wayita reeffa kaasan jiru yoo ibsan. 

Komiishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa Godina Shawaa Bahaa Aanaa Fantaalleetti bakka Gadaan Michillee Karrayyuu qubatee jirutti haleellaa irra ga’een namoonni hedduun du’uu fi kaan madaa’uu ibsee ture.

Komishiniin kun Muddee 7-12, 2014 bakka haleellaan itti mudatetti argamuun miidhamtoota, kanneen ijaan arganii fi maatii warra ajjeefamanii gaafachuun qorannoo gaggeessuu hime.

Sadaasa 21, 2014 qaamoleen nageenyaa gandootaa Aanaa Fantaallee daawwatanii osoo gara Finfinnee deebi’anii jiranii, bakka Haroo Qarsaa jedhamutti guyyaa keessaa sa’atii 8:00 irratti, qaamolee hidhatan kan eenyummaan isaanii hin beekamneen haleelamuu adda baasuu ibse komishiniin mirgoota namoomaa Itoophiyaa.

Haleellaa kanaan miseensonni poolisii 11 du’uu fi 17 kan caalan ammoo madaa’uu kan ibse komishiniin kun, dhumaatiin yaa’a Gadaa Karrayyuu kana hordofee mudate jedhe.

Sadaasa 22, 2014 qaamoleen nageenyaa madda rakkoo mudatee sakatta’uuf gara Karrayyuutti deebi’anii, guyyaa keessaa sa’atii 6:00 irratti bakka yaa’i gadaa Michillee qubatee jirutti miseensota gadaa Karraayyuu too’atani jedhe.

Komishiniin kun ibsa Amajjii 25, 2014 baase keessatti miseensota gadaa gara bosona Cabbii Aanolee geeffaman keessaa 14 rasaasaan akka ajjeefaman ibsee ture.

Namoonni ajjeefaman-Abbaa Gadaa Kadir Hawaas, Boruu Fantaallee, Fantaallee Boruu, Qumbii Gurraachaa(Qaalluu), Bulaa Fantaallee, Roobaa Hawaas, Boruu Godaanaa, Jiloo Daadi’oo, Bulgaa Boora’uu, Jiloo Diidoo fi Boruu Jiloo kanneen jedhaman dabalatee walumaagalatti namoota 14 ta’uu ibse.

Deetaa Ministiraa Ministeera Nagaa Itoophiyaa kan turani fi miseensi caffee Oromiyaa Obbo Taayyee Danda’aa fi miseensi Paarlaamaa Itoophiyaa Hangaasaa Ibraahiim ajjeechaan abbootii Gadaa Karrayyuu irratti raawwatame garee hooggansa mootummaa naannoo Oromiyaa keessa jiruun ta’uu himan.

Mootummaan Biltsiginnaa Itoophiyaa keessatti rasaasa ajjeechaa jalqaba ummata Oromootti dhukaasuun Oromiyaa dirree waraanaa fi dhiigaa taasisee jira. Mootummaan Biltsiginnaa falaasama Ida’amuu yaadrimee bulchiinsa biyyattii taasisee Itoophiyaa bitaa jiru Oromiyaa keessatti mormitoota isaa dhabamsiisuuf  “Gurmuu ajjeechaa” dhoksaa ijaaruun isaa Rooytarsi gabaasa gurraandhala 23 bara 2024 mata duree “In Ethiopia a secret committe orders killing and arreests to crush rebels” jechuun koreen dhoksaa ajaja ajjeechaa fi hidhaa kennu Itoophiyaa keessatti dhoksaan ijaarame jedhuun barreesseen hordoftoota isaa dubbisiisee jira.

Naannoo Guddicha Oromiyaa keessatti mormitoota dhabamsiisuuf, Gurmuun dhoksaa qondaalota mootummaa Itoophiyaa of keessaa qabu ajaja ajjeechaa jumlaa (extra-judicial Killings) fi hidhaa murtee seeraa malee kennu jiraachuu qorannoon agarsiise.

Gurmuun ajjeechaa dhoksaan Oromiyaa keessatti ijaaramee maqaa “Koree Nageenyaa” jedhamuun waamamu kun qondaalota olaanoo mootummaa naannoo Oromiyaa kanneen akka Pirezidaantii Mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa, Itti Aanaa Pirezidaantii Mootummaa naannoo Oromiyaa Obbo Awwaluu Abdii, Hoogganaa waajjira Biltiginnaa Oromiyaa kan turan Fiqaaduu Tasammaa, Gaafatamaa Biiroo Bulchiinsaa fi Nageenya Oromiyaa Komishiinar Araarsaa Mardaasaa fi kanneen biroo of keessaa kan qabu yoo ta’u, ministirri muummee Itoophiyaa Abiy Ahmad ammoo hundeessaa fi ajaja mummichaa garee kanaa ta’uu isaa Rooytarsi eeree jira.

Sadaasa 30 bara 2021 lola Aanaa Fantaalee keessatti adeemsifameen poolisoota 11 ajjeefamuu fi 17 madaa’uu kan yaadachiisuun gabaasni kun, taatee kana hordofee guyyaa itti aanu Komishiinar Araarsaa Mardaasaa, Itti aanaan Pirizidaantii Mootummaa naannoo Oromiyaa Awwaluu Abdii, bulchaa godina Shawaa Bahaa Abbaabbuu Waaqoo dabalatee miseensonni Gurmuu ajjeechaa Koree nageenyaa gara Aanaa Fantaallee imaluun waajjira bulchiinsa Aanichaa qubatani jedha.

Qondaala naannichaa yeroo san bakka san jiru irraa odeefadhee jechuun akka Rooytarsi barreessetti, Komaandara waraanaa maqaan isaa Gizaachow Mekuriyaa jedhamu kan abbootii gadaa 16 ukkamsee naannoo haroo Basaqaatti to’atee jiru irraa bilbilli irra deddeebiin bulchaa godina Shawaa Bahaa obbo Abaabbuu Waaqootti bilbilamaa ture jedha.

Kumaandar Gizaachow Abbaabbuu Waaqootti bilbiluu abbootii gadaa kana maal godha” jedhee yeroo inni gaafatu dhagahee jira jechuun qondaalli naannichaa kun Rooytarsitti hime.

Obbo Abbaabuu Waaqoo ammoo “obbo Araarsaa Mardaasaa fi Awwaluu Abdii” akka ajjeefaman murteessanii jiru waan ta’eef hunda isaaniiti fixi. Namni tokko lubbuun akka hin baane itti dhukkaasi jechuun ajaja miseensota Koree Nageenyaa gara Komaandara Gizaachoowtti darbarse” jechuun ibse.

Komaandar Gizaachoo ajajni ajjeechaa abbootii gadaa akka isa dhaqqabeen namoota 14 rasaasaan tumsiisee ajjeesisiise.

Namni maqaan isaa Boruu jedhamuu fi namni biraa tokko gangalachuun boolla bu’ani lubbuun hafan.

Oduun ajjeefamuu abbootii gadaa saffisaan tamsa’e. Mootummaan naannoo Oromiyaa ajjeechaa ajaja isaatiin loltoonni isaa raawwatan Waraana Bilisummaa Oromooti jechuun yakke.

Abbootiin Gadaa Karrayyuu ajaja Gurmuu ajjeechaa dhoksaa Oromiyaatii erga ajjeefamani haqni isaanii awwaalamee har’a waggaa 4 gahani jiru.

Show More

Related Articles

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

5 + 4 =

Back to top button
Copy link