OpinionAfan OromoNews Analysis

Weerarri daangaa haa dhaabbatu!

Yaada uummataa

Daangaa Oromiyaa tiksuun egeree uummata Oromoof dhimma murteessaa akka ta’e kutaaleen hawaasaa garaagaraa naannoo Oromiyaa himan.

Lafti uummata tokkoof dhimma jiraachuu  fi jiraachuu dhabuuti jedhu kutaaleen hawaasaa garaagaraa weerara daangaa irratti OMN’f yaada  kennan.

Uummanni tokko lafa isaa kan eenyummaa, aadaa, seenaa fi jireenyi isaa irratti calaqqisu yeroo dhabu kana maratu isa waliin laficha irraa godaanaa jedhu.

Bakka uummanni sun eenyummaa isaa waliin irraa buqqaafame uummanni biraa eenyummaa biraa waliin akka qubatu dubbatan.

Waanti daangaa Oromiyaa bakkeewwan hedduu irratti ta’es kanumaa kan jedhan namoonni yaada kennan, lafti Oromiyaa humnoota hidhachiifamanii naannolee ollaa irraa bifa qindaa’een bobbaafamaniin weeraramuu himan.

Warri hidhatee bobbaafame kun kiilomeetiroota hedduun daangaa Oromiyaa seenee uummata buqqaasuu eeranii, ergasii lafa uummata irraa buqqaasan kana dhuunfachuu dubbatu.

Hidhattoota naannolee ollaatii dhufanii lafa Oromiyaa humnaan qabatan duuba uummata naannolee ollaatii fidanii qubsiisuun bakka hedduutti raawwatamuu warri yaada kennan himan.

Maqaa bakkaa jijjiiruun maqaa biraa itti moggaasuunfaa bal’inaan raawwatamuu ibsan.

Haala kanaan lafoonni hedduun naannolee Amaaraa fi Somaaleetiin qabamuu kan eeran warri yaada kennan, naannoon Somaalee lafoota refereendamiin naannoo Oromiyaa ta’uun isaanii mirkanaa’eyyuu bira darbee lafa dabalataa qabachuu itti fufee tibbana hanga lafa Oromoo mana marii naannoo Somaaleetiin kooti jedhee labsuutti gahee jedhu.

Wallagga Bahaatii ka’ee Horroo Guduruun Fulla’ee hanga Shawaa Kaabaa fi Shawaa Bahaatti humnoota naannoo Amaaraatiin gandoota dhibbootaan lakkaa’amantu qabame.

Aanaalee Giddaa Ayyaanaa, Jaardagaa Jaartee, Amuruu, Kiiramuu qofaatti gandoota heddutti humnoonni finxaaleyyii naannoo Amaaraa jiraattota irraa buqqaasanii namoota naannoo Amaaraatii fidanii qubsiisan.

Godina Salaalee aanaa Dharraatti immoo gartokkeen aanaa humnoota kanaan qabamee, namoota naannoo Amaaraatii fidanii qubsiisuu bira darbanii caasaa mootummaallee gartokkeen dhuunfachuu jiraattonni himatu.

Godina Shawaa Bahaa aanaalee Boosatii fi Fantaallee walakkaa humnoonni finxaaleyyii uummata irraa buqqaasanii namoonni naannoo Amaaraatii dhufanii akka qubatan taasifame.

Aanaa Boosat araddaawwan akka Siiquu, Koysoo, Mindaa, Gaardaa Qal’aa, Handoodee, Garba Adii, Seera’ee, Boorticha, Maqidallaa fi Qaawwa Bubbisaa yookaanuu Qarsaa Abbaa Bunee faan lafoota bulchiinsa mootummaa naannoo Amaaraan dhuunfataman tahuu jiraattonni OMNtti himan.

Dabalataan aanaa Boosat irraa lafoonni Dudda Daalachaa, Fossoo, Gabaa Raadaa, Calalaqaa, Qilee Arbaa faan bulchiinsa naannoo Amaaraan erga dhuunfatamanii turaniiru jedhu jiraattonni.

Gama aanaa Fantaalletiin immoo humnoonni naannoo Amaaraa lafa Arroollee bal’aa keessa qaxxaamuranii walakkeessa aanichaa lafa ‘Haroo Huubaa’ jedhamtu dhaqqabanii jiru jechuun himatu.

Aanaa Fantaallerraa lafti Arroollee Bal’aa, Borbor, Doddotii Guddoo, Harooressa Bal’aa, Eddoo Guddoo, Dhiibuu Dammaa, Harooressa Qal’aa, Qonyee, Funyaan Booraa, Funyaan Waangayyoo, Malkaa Jiloo, Ulaagaa, Xininjii, Haroo Arbaa, Micci, Haroo Diidaa, Wanji, Irraan Buutee fi lafoonni biroo hedduun naannoo Amaaraan dhuunfatamanii jiraachuu jiraattonni himu.

Gama mootummaa naannoo Somaaleetiin immoo Mi’eessoo kaasee Dirree Dhawaan bahee Cinaaqsaniin darbee hanga naanna’ee Mooyaalee gahutti gandoota dhibbootaan lakkaa’aman uummata Oromoo irraa buqqaasuun humnoonni naannoo Somaalee mootummaa naannichaan bobbaafaman qabatanii uummanni naannoo Somaalee dhufee akka irra qubatu taasifamuu ragaaleen OMN argate mul’isan.

Gama godina Baaleetiin aanonni akka Gurra Dhaamolee, Sawweena, Raayituu, Madda Walaabuu, Barbaree, Daawwee Sarar fi kanneen biroo ta’e jedhamee mootummaan naannoo Somaalee hidhattoota bobbaasee uummata gandoota heddu irraa buqqisaa turuu jiraattonni himatu.

Karaa Harargeetiin immoo Mi’eessoo, Bordoddee, Maayyuu Mulluqqee, Gooroo Guutuu, Jaarsoo, Gursum, Baabbilee, Miidhagaa Tolaa, Cinaaksan haala hammaataa keessa jiraachuu jiraattonni himatu.

Aanaa Cinaaksan qofaatti araddaalee 20 ta’antu nu jalaa qabamee jedhu jirattonni.

Araddaaleen Hulluuqoo, Bilaalee, Araaraaf, Warraa Dodoo, Dhaweeyisaa, Qaligaa Warraa Sa’iyyoo, Darbilee, Tamaam, Caffee Baaduu, Elaa Agamsaa, Kululoo, Elaa Ahmaar, Hossoolee, Jirilee, Feraad, Dhuhlaaleyii, Gelboob jedhaman nurraa fudhataman jedhan jiraattonni.

Gama Booranaatiin  immoo Moyyalee, Liiban, Areero, Dhasii fi kanneen biroo irratti weerara cimaatu barootaaf gaggeeffamaa ture jedhu jiraattonni.

Akka kanaan qabiyyeen lafa Oromiyaa waggaadhaa waggaatti dhiphataa dhiphataa deemaa jiraachuu kan himan namoonni yaada kennan dhimmi daangaa uummata Oromoo biratti dhimma xiyyeeffannaa guddaa argachuu malu akka ta’e eeran.

Dhimmi daangaa Oromiyaa jiraattota naannawaa daangaa qofa kan ilaallatuu miti, dhimma waloo keenya, dhimma Oromiyaa tiksuu, dhimma egeree Oromoo murteessuuti jedhan.

Mootummaan Oromiyaa daangaan Oromiyaa akka kanaan wayita sarbamuu fi qe’een Oromoo wayita fudhatamu itti gaafatamummaa birmadummaa Oromiyaa tiksuu fi nageenya lammiilee mirkaneessuu qabu bahuu dhabuun seenaa keessatti isa gaafachiisas jedhan.

Show More

Related Articles

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

14 − seven =

Back to top button
Copy link