Afan OromoNewsPolitics

OMN: Kaabaa Itoophiyaatti Sochiin Waraana mul'atu, waliigaltee Pritooriyaa dukkaneesse!

Yaaddoo Kaabaa Waraana Itoophiyaa

Kaaba Itoophiyaa sosochiin waraanaa mumul’achuu fi darbee darbees walitti bu’iinsi jiraachuun nagaa wayyoo qabdu kan waliigaltee Priitooriyaa booda argamte dukkanneessuu akka danda’u miidiyaan Jarmanii DW gabaase. 

Waliigaltee Priitooriyaa dura lolli Tigraay lubbuu namoota 600,000 nyaachuu yaadachiisa gabaasni kun.

Jiraattotni magaalaa Maqalee DW’n  dubbises yaaddoo qaban ibsanii jiru.  Dubartiin magaalaa Maqalee takka  “Yeroo kanatti homaa karoorsuu hin dandeenyu. Waanuma jiraachuu qabnuuf as jirra. Waraanni bor ganama dhoowuu danda’a” jetti. 

Yaaddoon ishee kun yaaddoo olloota ishee hedduu ta’uu dubbatti. “Jireenyi daran nutti qaalayeera. Hojii keenyatti, jireenya keenyatti deebi’uu feena. Nuti furmaata karaa nagaa feena” jetti. 

Waraana asiin duraa keessatti Mootummaan Eertiraa mootummaa federaalaa Itoophiyaa tumsuun lolatti hirmaatee ture. Waliigaltee dhukaasa dhaabuu irratti garuu Eertiraan hirmaachuu malte kanneen jechaa turan jiru. Yoo san hin taane nagaa waaraa naannichatti fiduun shakkisiisaa akka ta’e qaamoleen kunneen ibsaa turan.

Amma, walitti bu’iinsa jiraachuu danda’utti Eeritiriyaan akka hirmaattu yaaddoo uumeera.  

Qoqqoodamiinsi humnoota Tigraay keessaa sababa bolola aangoo uumame, Eeritiryaan hiree kana fayyadamtee akka waraanatti hirmaattu kan haala mijeessu jedha gabaasi kun.

Preezdaantiin bulchiinsa yeroo Tigraay, Jeneraal Taaddasaa Warradaa,  yaaddoo waraanni ni uumama jedhu kanarratti yoo yaada kennan, “Waraanni hin jiraatu, gama Tigraayin wanni waraana kakaasus hin jiru jedhan” 

Dursaan TPLF Dabratsiyoon Gabramikaa’el hariiroo Eeritiraa faana tolfatan jedhamu haalanii jiru. Waliigalteen Priitooriyaa kan furmaata siyaasaaf karaa bane hojiirra akka oolus cimsanii hubachiisan.

“Mootummaan Itoophiyaa, caasaawwan isaa fi  michuuwwan isaa qophii waraanaarraa akka of qusatan hawaasni addunyaa akka dhiibbaa godhu waamicha goona” jedhan Dabratsiyoon.

Haasawwan waraanni akka hin jirre afaan qondaalotaarraa faca’u kanneeniin wal maddii garuu  uummatni nagaa sodaadhaan  liqimsameera.  

“Namoonni maallaqa baankii baafachaa jiru, qinxaaboowwan murteessoo akka zayitaa fi xaafii dabalatee midhaan garaagaraa gabaarraa bibbitachaa jiru” jedha jiraataan Maqalee kan biraammoo. 

Namni kun murnoonni TPLF dubbii qotuu dhiisanii akka mootummaa federaalaa waliin haasawuudhaan gaaga’amaa fi waraana dhufu hambisan waamicha godha.

Gabaasota walqabatan;

Muddamni mootummaa federaalaa fi humnoota Kaabaa garamitti deemaa jira?

Muddamni mootummaa federaalaa fi humnoota Kaabaa garamitti deemaa jira?

Ertiraan Itoophiyaa Tasgabbii dhoowwaa jirti. Gabaasa

Fedhiin Eertiraa maali kan jedhus gabaasni kun ni xiinxala. 

“Eeritiraa fi Itoophiyaa gidduu hireen waraanni fuullee jiraachuu xiqqaa ta’uu danda’a.  Garuu waraanni harka lafa jalaa (proxy) ni jiraata” jedha gabaasa kanarratti kan yaada kenne xiinxalaan dhimmoota Gaanfa Afrikaa Insititiyuutii dhimmoota idil-addunyaa fi nageenyaa Jarman  Geerit Kurtiz.

“Fedhiin  Eeritiraa Itoophiyaa dadhabsiisuu dha. Itoophiyaa walitti bu’iinsaan qoqqoodamtee fi walitti bu’iinsa naannoon goolamtu arguun abjuu Eeritiryaati ” jedha Kurtiz.

Walitti bu’iinsa keessoo akkanaammoo waggoota darban arginneerra.  Walitti bu’iinsi akkanaa mootummaa Eeritiriyaatiin deggarama. Kun immoo fedhii tarsiimawaa Eertiraaf kan oolu jedha xiinxalaan kun.

Eeritiriyaan gareewwan hidhatanis Itoophiyaa keessatti leenjisuu gabaasni kun ni eera. Milishoota Faannoo Eertiriyaan akka leenjiftu dubbata.

Ji’a Bitootessaa darbe lola garee milishoota Faannoo fi loltoota mootummaa federaalaa gidduutti godhameen milishoonni Faannoo 300 dhumuu maddeen mootummaa wabeeffachuun gabaaseera.

Eeritiriyaa yeroo garaagaraatti Itoophiyaa waliin hariiroo masaanummaa akka qabaachaa turtes barreesse DW’n.

Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii  bara 2010 Eeritiriyaarratti qoqqobbii meeshaa waraanaa kaayee kan ture yoo ta’u,   ministirri muummee Abiy Ahmad aangootti dhufuu hordofee Itoophiyaa fi Eeritiriyaa gidduutti bara 2018  nagaan buunan qoqqobbiin sun Eertiriyaarraa ka’ee ture.

Eeritiriyaan waraana Tigraay keessatti hirmaachuun humna waraanaa ishee cimsachuu gabaasi dhaabbanni bu’uurri isaa Ameerikaa ta’e, The SENTRY, jedhamu baase mul’iseera. Saamicha yeroo waraana Tigraay gaggeessiteen waraana ofii cimsatte jedha The SENTRY.

Eeritriyaan Raashiyaarraas meeshaa waraanaa bibbitachuu eereera.  Ministeerri odeeffannoo biyyattii Yemaanee Gabremasqal garuu kun olola sobaa Eertiryaa maqaa balleessuun akka waan  dubbii barbaadduutti dhiyeessuf qophaayeti jedhan.

Waraanni Eeritiryaa daangaa Tigraay irratti of ijaaraa akka jirus gabaasi kun  ni mul’isa. Daangaa Tigraayirraa  hanga KM 10 lafa Itoophiyaa keessa loltoonni Eertiryaa seenuu ni ibsa The SENTRY.

Waliigalteen Priitooriyaa garuu humnoonni Eeritiriyaas ta’anii kan Tigraayis daangaa Idil-addunyaa Itoophiyaarraa akka hin qubanne ibsa.

Mootummaan Itoophiyaa garee Eertiryaa akkasumas Tigraay faana furmaata siyaasaa akka kaawu gorsa xiinxalaan dhimmoota Gaanfa Afrikaa Geerit Kurtiz.

“Tarsiimoon Abiyyi Ahmad gareelee biyya keessaa isa morman  hunda laamshessee  akka gamtaa uummatanii  isarratti hin qabsoofne godhuudha. Abiyyi ofii isaa garuu  al-tokko tokko murna isa tokko waliin ta’ee murna  isa kan biraa waraana.  Taphni siyaasaa  akkanaa garuu Abiyyi mataasaarratti   balaa ni qabaata”  jedha  Kurtiz.

Itoophiyaan bara dhufu filannoo biyyaalessaa qabdi. Ammas Abiyyi Itoophiyaa  ulaa galaanaa ishee barbaachisa erga jedhu irra deddeebiin ibsaa jira. Dhimmi kun baha Afrikaatti Somaaliyaa faanas  muddama dippilomasii uumee ture. 

Tarii carraa kanaan Abiyyi Eeritiryaa weeraruu danda’a kanneen jedhanii sodaatanis jiru jedha xiinxalli kun.

Abiy Ahmad garuu nagaaf kutannoo qabu dubbiidhaan mirkaneessaaa  jira jedha Xiinxalli miidiyaan Jarmanii haala yeroo kaabaa Itoophiyaarratti barreesse.

https://share.google/hZX3DYBKVnwft9lpZ

Show More

Related Articles

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

thirteen + one =

Back to top button
Copy link