Afan OromoNewsPoliticsWorld

OMN: Waraana US-Israa'el fi Iraan haleellaa misaa'elaan dabaalame

Waraanni Ameerikaa fi Israa'el waliin ta'uun Iraan irratti banan haleellaa meeshaalee waraanaa gurguddaan deeggaramee itti fufee jira.

Waraanni Ameerikaa fi Israa’el waliin ta’uun Iraan irratti banan haleellaa meeshaalee waraanaa gurguddaan deeggaramee itti fufee jira.

Iraan hoogganaa ishee olaanaa Ayaatollaa Alii Kameenii dabalatee qondaalota waraanaa hedduu erga dhabdee booda buufataalee waraana Ameerikaa baha giddugaleessaa keessa jiran biyyoota akka Iraaq, Bahreen, Gamta Emiratota Arabaa, Kuweet, Qaatar, Sa’ud Arabiyaa fi bakkoota biroo keessatti raawwataa jirti

Humni Eegdota Warraaqsaa Islaamaa Iraan “haleellaa addunyaan argitee hin beekne Ameerikaa fi Israa’el irratti raawwanna” jechuun yoo dhaadatu, halkan eda gama bariitti misaa’eloota gurguddaa gara Israa’el fi buufataawwan waraanaa Ameerikaatti darbachuu ibsee jira.

Waraana adeemsifamaa jiru kanaan Iraan iddoowwan Ameerikaa hunda irratti yoo xiyyeefattu, Embasii Ameerikaa magaalaa guddoo Sa’uudii Arabiyaa, Riyaad jiru dirooniiwwan lamaan haleeluu ibstee jirti.

Erga sanbata darbe Ameerikaa fi Israa’el qindoominnaan waraana Iraan irratti bananiin hooggantoota ishee fixanii booda Iraan haleellaa deebii buufataalee waraana Ameerkaa baha giddugaleessaa keessa jiran irratti raawwateen miidhaa guddaa dhaqqabsiisuu gabaasaaleen mul’isan.

Buufataalee waraana Ameerikaa miidhaman keessaa buufanni humna qilleensaa Ameerikaa Bahreen keessatti argamu tokko ta’uun ibsamee jira.

Viidiyoon miidiyaan Iraan Fars News agarsiise irraa akka mul’atutti, rokkeettiwwan buufata kana irratti qiyyaafatan jedhaman yeroo dhohan agarsiisa.

Humnoonni Eegumsaa Warraaqsaa Iraan (IRGC) misaa’elaafi dirooniin haleellaa gaggeessaniin wiirtuun ajaja buufata humna qilleensaa US Bahreen jiru haleelamuutu ibsame.

Iraan haleellaa Israa’el haaloo ba’uuf Misaa’ela balistikii fageenya giddu galeessaa Sajjil-2 jedhamu irra deddeebiin akka fayyadamte himteetti.

Haa ta’u malee, Israa’el waraanni ishee misaa’ela Sajjiil jedhamu kana addaan kutuun gargaarsa sirna ittisaa isheen miidhaa irra gahuu danda’u hanga tokko ofirraa ittisuu danda’uu ishee ibsitee jirti.

Akka Egdonni Warraaqsaa Iraan jedhanitti misaa’elli Sajjiil meeshaalee tarsiimoo Iraan ciccimoo fi sirrii ta’an keessaa tokko ta’uu fi bakka diinaa ijoo ta’e barbadeessuu fi fageenya giddu galeessaa hanga kiiloo meetira kuma 2 ga’uu furguggeefamuu kan danda’uudha.

Fageenya giddu galeessaa kana keessatti misaa’elli kun yoo Iraan irraa furguggifame Israa’el, kibba baha Awurooppaa fi kutaalee Giddugaleessa Eeshiyaa dabalatee guutummaa Baha Giddugaleessaa qaqqabuu danda’a jedham.

Magaalaa Iraan Naatanzi irraa yoo furguggifame ammoo daqiiqaa torba qofa keessatti Israa’el Tel Aviv gahuu akka danda’u himamaafi.

Iraan misaa’eloota ammayyaa haaypersoonikta’anii fi saffisa olaanaa qaban biroollee qabdi. Kana malees misaa’ela ‘Fatah’ jedhamu yeroo jalqabaaf misaa’ela haaypersoonikii gosa balistikii fi kiruuziin jedhaman oomishtetti.

Misaa’elli ‘Al-Fath’ haaypersoonikii fageenya kiiloo meetira 1,400 kan qabu yoo ta’u, sirna ittisa misaa’elaa hunda miliqee haleellaa raawwachuu kan danda’uudha.

Haleellaawwan hanga ammaa raawwatteen misaa’ela fataa jedhamu kana fayyadamuu ishee ragaan agarsiisu jiraachuu baatuus, misaa’eloota hedduu biyyoota baha giddugaleessaa keessatti furguggeessaa jirti.

Gama biraan ammoo humni Eegdota Warraaqsaa Islaamaa Iraan hulaa boba’aan addunyaa dhibbeentaan 20ni ittiin darbu hula Hormuz cufuu beeksisee jira.

Hulaa kanaan Guyyatti boba’aa baarmeela miliyoona 20tu darba jedhan dhaabbanni Odeefannoo Anniisaa Ameerikaa. 

Hulaan Hormuz Iraan fi Omaan jiddutti yoo argamu, Iraan dhiibbaa Addunyaa irratti mul’isuu dandeessuu agarsiisuuf hulaa kana ciftee jirti.

Israa’el gama isheetiin haleellaa Iraan irratti raawwattu meeshaa misaa’ela qolatu Iron Dom fayyadamuun qolachaa jiraachuu fi isheenis dabareen Tehraan haleelaa jiraachuu ibsite.

Mootummaan Ameerikaa gama isaatiin haleellaa Iraan irratti raawwateen itti fufuu ibsee jira.

Pireezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp haleellaan Iraan irratti jalqabe itti fufaa jedhe. 

Akka CNN gabaasetti Ameerikaan haleellaa kana booda Iraan irratti raawwachuuf jirti. Tiraamp waraana cimaa addunyaa kanaa qabna waan ta’eef haleellaa cima amma booda raawwanna jechuun kaleessa bilbila CNNtti himee jira.

Ministirri dhimma alaa US Maarkoo Ruubiyoo humni waraanaa US ”ammaan booda haleellaa cimaa” Iraan irratti raawwata jedhan. Qondaalli kun erga Tiraamp ”yaaddoo Tehraan keessa jiru balleessuuf”’ haleellaan Sambataa ”carraa dhumaa fi akkaan filatamaa ta’edha,” jechuun dubbatee booda akeekkachiisa kana kennan.

Gama biraatiin Seenetaroonni Ameerikaa loltoonni Ameerikaa waraana seeraan alaa Doonaald Tiraamp baha giddugaleessaa keessatti jalqabeen dhumaa jiru jechuun qeeqaa jiru.

Ministirri waraanaa Ameerikaa Piitar Biriyaan Hegseet dubbii kaleessa dubbateen, haleellaa Iraan irratti ajaja Donaald Tiraampin godhamaa jiru, Isa hamaa, wal xaxaa fi seenaa keessatti oppireeshinii qilleensaa ilaamaa isaa kan rukute addaa jedhe.

“Waraana kana nuti hin eegalle, garuu ajaja Pireezdaant Donaald Tiraampiin, xumuruuf jenna,” jedhe.

Hegseet, Ameerikaan “turtii waraana kanaa jalqabaa hanga xumuraa murteessitee itti seente” jechuun ”Ummanni Iraan hiree ajaa’ibaa argate kana akka fayyadamu abdiin qaba” jedhe.

Siyaasa baha giddugaleessaa keesssatti Ameerikaan waraana addunyaa 2ffaa irraa kaasee hanga ammatti gidduseentummaa akka qabdu qorattoonni ibsani jiru.

Akka BBCn gabaasetti Barreessaan lammummaa Libaanos fi Ameerikaa qabu Fawaz Gergez bara 1940oota gara xumuraa irraa eegalee Ameerikaan dhimma Baha Giddugaleessaa keessa seenuurraa duubatti jettee hin beektu jedhe.

”Haleellaan tibbana US qilleensarraan Iraan irratti raawwatte imaammati kun ammallee cimee itti fufuu kan agarsiisudha,” jedha barreessaan kitaaba mata duree What Really Went Wrong: The West and the Failure of Democracy in the Middle East jedhuu Fawaz Gergez.

Gareen Libaanos keessa madheefatee fi Iraaniin deeggaramu Hezbollahn hooggantoonni Iraan ajjeefamuunhordofee waraana Israa’el irratti kan banae yemmuu ta’u, Israa’el haleellaa cimaa irratti banuu ibsitee jirti.

Ministirri Muummee Israa’el Beeniyaamiin Netaaniyaahuu loltoonni biyyattii daangaa Libaanos iddoowwan tarsiimawaa ta’an akka qabatan ajajuun himame.

Haleellaa Hezboollatiin uummanni daangarra jiraatu akka hin miidhamne gochuuf loltoonni biyyattii Kibba Libaanos iddoowwan murteessoo ta’an akka qabataniif ajaji darbuu Minsitirri Ittisa Israa’el Kaatz beeksiseera.

“Humni Waraanaa Israa’el Libaanoos keessatti Hezbollaa haleeluu itti fufa. Dhaabbanni shororkeessaa Israa’elitti dhukaasuu isaaf gatii baasaa jira, gatii baasuu itti fufa,” jedhe Ministiirri Ittisaa Israa’el.

Gamam biraatiin hidhattoonni huutii dooniwwan Ameerikaa fi Israa’el galaana diimaa irra imalan irratti xiyyeefachuun haleellaa akka raawwachuu jalqabu ibsee jira.

Show More

Related Articles

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

16 + 13 =

Back to top button
Copy link