Afan OromoNewsOpinionWorld

Waraana Iran fi Israa'el

Iraan misaa’ela ‘haypersonikii’ Fattaah-1 jedhamu Israa’el magaalaa Tel Aviivitti furguggeessuu himte.

Eegdoti Warraaqsaa Iraan (IRGC) akka jedhanitti, misaa’elli kuni kiibxata kaleessaa Waxabajjii 17, 2025 galgala dhukaafame.

Misaa’elli kuni jalqaba waggaa kana yeroo biyyoonni lamaan wal dhaban dhukaafameera. Erga dhihoo walitti bu’iinsi eegale garuu reefu dhukaafame.

Misaa’elli Fattaah jedhamu jalqaba bara 2023 kan ifa ta’e yoo ta’u maqaa isaas kan moggaasan hogganaa olaanaa biyyattii, Alii Kaameeniidha.

Eegdonni Warraaqsaa Iraan yeroo misaa’elichi ifa ta’e sanatti waa’ee misaa’elichaa yoo ibsan ‘’kan Israa’el haleelu’’ jedhaa turan.

Barjaan guddaa barreeffama Afaan Hibruun ‘’gara Tel Aviiv sakandii 400’’ jedhu irratti barraa’e magaalaa guddoo Iraan Tehiraan keessa dhaabatee ture.

Iraan misaa’elli kuni haalaan saffisaadha jettus, ekispartoonni waraanaa garuu shakkii irraa qabu.

Eegdoti Warraaqsaa Iraan jiraattonni magaalaa Israa’el, Teel Aviiv, akka gadhiisanii bahan akeekkachiisu miidiyaan Iraan gabaase.

Akeekkachiisni kuni Rayyaan Ittisaa Israa’el (IDF) dirooniiwwan lama gama bahaa dhufan ”qolachuu’’ erga ibse boodadha.

Yeroo dirooniin dhufe bakkeewwan Israa’el Deed Sii jedhamanitti sagaleen akeekkachiiftuu dhagahameera.

Gama biraatiin Iraan fi Israa’el walhaleelaa jiraan kanatti Pireezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp fi Hoogganaa Olaanaan Iraan Ayaatoolaah Alii Khoomeeni jechoota akeekkachiisa walitti darbataa jiru.

Kibxata Tiraamp miidiyaa hawaasaa isaanii Truth Social jedhamu irratti ”daangaa qilleensaa Iraan guutummaan,” to’atamuu himan.

”Namni ”Hogganaa Olaanaa” jedhan eessa akka dhokate beekna. Salphaatti itti qiyyaafachuu dandeenya, garuu ammaaf isa hin ajjeesnu, nagaa dha” jechuun dubbatan.

”Obsa keenya fixachaa jirra” jechuun Tiraamp akeekkachiisa dhumaa “haalduree tokko malee harka kenni” jedhu kennan.

Teehraan garuu akeekkachiisa kanaaf akka deebiitti mallattoon agarsiiste hin jiru.

Ergaa walitti fufinsaan X irratti barreessaniin Kaameeniin ”warra Tsiyooniif araara tokkollee hin qabaannu,” jedhan.

”Warra Tsiyooniif araara hin qabnu,” maxxansa biraa irratti ammoo ”waraanichi jalqabeera,” jedhan.

Gama biraatiin manni marii nageenyaa biyyaaleessa Ameerikaa Marii sa’atii 1 fi daqiiqaa 20 dhimma Waraana Israa’el fi Iraan irratti adeemsisee jira.

Akka CBS gabaasetti dhimmi ijoo marii kanaa Ameerikaan haleellaa Israa’el buufatawwan niwukilaraa Iraan irratti eegalteetti makamuufi makamuu dhiisuu kan jedhu irraattidha.

Akka gabaasichi jedhutti, gorsitoota ijoo Tiraamp gidduutti dhimma kana irratti waliigalteeerra hin gahamne.

Warri Iraan mariif akka taa’an erga dhiibbaa gochaa turan booda Pirezidanti Tiraamp lola kana keessa seenuumoo seenuu hin qabu waan jedhu itti yaadaa jiru.

Walgahii Mana Maree Nageenyaa US kaleessaarratti, Tiraamp fi gorsitoonni isaanii buufatawwan niwukilaraa Iraan haleeluuf akka yaadan dubbataa turan.

Bakki haleeluuf yaadan immoo bakka Iraan yuraaniyeemii gabbistu, Fordoo, jedhamudha. Bakki gaara jalatti argama.

Bakkee kana dhoosuuf bombii humna qabu kan qaban warra Ameerikaa qofaadha.

Akka gabaasa CBS’tti, gorsitoonni pirezidantichaa akkaataa itti fufuu danda’anirratti yaada garagaraa qabu.

Guyyoota sadan darban xiyyaaronni waraanaa US jeettiiwwan waraanaaf boba’aa guutan gara Awurooppaa imalaniiru.

Haleellaa edaatiin magaaloonni biyyoota lachuu miidhamuu gabaasaaleen mul’isani jiru.

Show More

Related Articles

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

18 − 10 =

Back to top button
Copy link