Afan OromoNews
Trending

OMN: Mootummaan Rakkoo Wallagga Bahaa fi Horroo Guduruu Wallaggaa furuu qaba

Hidhattoota Finxaaleyyii hidhannoo irraa hiikuun qofaan nagaan argama.

Rakkoo haleellaa hidhattoota finxaaleyyii Faannoo aanaalee godinaalee Wallagga Bahaa fi Horroo Guduruu Wallaggaa furuuf mootummaan tarkaanfii qindaa’aa fudhachuu akka qabu jiraattonni gaafatan.

Jiraattonni OMN’f yaada kennan, kan haleellaa raawwataa jiru hidhattoota finxaaleyyii nama nagaa fakkaatanii hawaasa naannoo Amaaraatii dhufee qubatee jiru keessa dahatanii jiranii fi humna dabalataa yeroo haleellaaf bobba’an jigii naannoo Amaaraatii waammatan ta’uu ibsaniiru.

Haleellaa bifa qindaa’een raawwatamu kana waaraan furuuf mootummaan yoo kutannoo qabaate tarkaanfii qindaa’aa fudhachuu akka qabu dubbatan.

Tarkaanfiin qindaa’aan hin fudhatamu taanaan hojiin hojjatamu hojiidhuma ibidda dhaamsuu malee furmaata waaraa fiduu akka hin dandeenye jiraattonni muuxannoo kanaan duraa eeruun dubbatu.

Kanaan dura waanti godhamaa turee jedhu, hidhattoonni finxaaleyyiin duraan achi turanii fi warri jigiin tibba haleellaa dhufan haleellaa raawwatanii badii guddaa uummata irraan geessisu, itti aansee otoo haqni uummataa hin mirkanaa’inii fi warri badii geessise seeratti hin dhihaatin qabata araara jedhuun uummata walitti yaasanii araarri bu’e jedhanii dubbiin ukkaamfamee hafaa ture jedhu.

Warra badii guddaa geessise eenyummaa isaanii otoo beeknuu, seeratti otoo hin dhiheessine numa waliin jiraatu jedhan.

Warruma kanatu haleellaan marsaa biraa yeroo jalqabame deebisee nu haleelaa jira kan jedhan jiraattonni, mootummaan dhugaatti kan nuuf quuqamu yoo ta’e tarkaanfii furmaata waaraa fiduu danda’u fudhachuu qaba jechuun dubbatan.

Warra hidhattoota finxaaleyyii dahachiisu seeratti dhiheessuu, qubattoota meeshaa waraanaa seeraan ala hidhatanii Faannoo waliin gamtaa tolfatanii socho’an irraa meeshaa hiikuu, humna guddaa bobbaasuun sakattaa gochuun naannicha hidhattoota Faannoo irraa qulqulleessuun dhimma murteessaa ta’uu himaniiru.

Kana malees caasaa aanaalee deeggartoota hidhattoota finxaaleyyii Faannootiin makame qulqulleessuun dhimma akkaan murteessaa ta’uu dubbataniiru. 

Caasaa mootummaa aanaalee kanneenii keessaa kan akeeka hidhattoota finxaaleyyii Faannoo deeggaran jiraachuu quba qabna kan jedhan jiraattonni, warra kana caasaa mootummaa keessaa qulqulleessuu akka barbaachisu dhaamaniiru.

Kanaan alatti uummanni gurmaa’ee naannoo isaa eeguu akka qabu kan dubbatan jiraattonni, uummanni gurmaa’ee akka qe’ee isaa tiksu mootummaa dabalatee qaamni dhimmi ilaallatu marti uummata humneessuuf deeggarsa barbaachisaa dhiheessuufii qaba jedhan.

Show More

Related Articles

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

18 + seventeen =

Back to top button
Copy link