Afan OromoNews
Trending

OMN: Daangaan Oromiyaa wareegama kamiinuu Tikfamuu qaba. WMW

Caasseefama haaraa Mootummaa N/Somaalee Waldaan Madda Walaabuu balaaleefate.

Waldaan Madda Walaabuu biyya Masrii sarbama daangaa Oromiyaa mootummaan naannoo Somaalee godinaalee Baalee Booranaa, Harargee bahaa fi lixaa irratti taasisaa jiru irratti mootummaa naannoo Oromiyaa, Caffee Oromiyaa, Ummata Oromoo biyya keessaa fi diyaaspooraa Oromootiif waamicha taasise.

Waaldichi ibsa Hagayya 22, 2025 baaseen Labsii Mootummaa Naannoo Somaalee Baalee Aanaa Gurraa Dhaamolee, Boorana Moyyaalee fi Aanoota Harargee Humnaan fudhachuuf socha’aa jiru ni balaaleefannaa jedhe.

Waldaa Madda Walaabu Biyya Masrii, labsii seeraan alaa fi haqa-maleessa Mootummaan Naannoo Somaalee dabarse, kan Godina Baalee irraa Aanaa Gurra Dhaamole, Boorana irraa Magaalaa Moyyaalee fi Aanota biroo, Godinaalee Harargee irraa gandoota hedduu Naannoo Somaalee jalatti deebisuuf yaalu, cimsee kan balaaleffatu ta’uu ibse.

Mootummaan Naannoo Somaalee tibbana caasaa bulchiinsa haaraa “Gura Dhaamole Zone” jedhu labse kan jedhe Waldaan Madda Walaabuu, Kun gocha dabaa fi kaayyoo siyaasaa qabatee, maqaa fi eenyummaa sobaa uumuudhaan, uummata Oromoo Gurraa Dhaamole lafa akaakilee fi abaabilee isaanii irraa isaan buqqisuuf karoorfameedha jedhe.

Weerarri daangaa haa dhaabbatu!

OMN: Xiinxalla; Daangaa Oromiyaa akkamiin cabaa jira?

Mooraan Siyaasaa Oromoo Burjaajjii keessaa bahu qaba.

Mootummaan Naannoo Somaalee waggoota 30-40 jiddutti daangaa Oromiyaa fi Somaalee bakka Hagarsuu Hoglaa jedhamu cabsuun weeraraa fi qubannaa seeraan alaatiin hanga Magaalaa Haroo Dibbee imaluun Godina Gurradhaamolee naannoo Somaalee hundeessaa jira jechuun waldichi ibsee jira.

Akka Maanguddoonni jedhanitti bakka daangaa naannoolee lamaanii irraa hanga Magaalaa Haroo Dibbeetti 150km fagaata. Mootummaan N/S lafa kana hunda humnaan erga qabatee booda caasaa bulchiinsaa irratti diriirsaa jira jedha ibsi Waldaa Madda Walaabuu.

Gura Dhaamole Naannoo seeraan beekamee fi Godina Baalee keessatti argamtuu fi lafa Oromoo taatee osoo jirtuu, tattaaffiin maqaa jijjiiruu fi shirri siyaasaa kamiyyuu dhugaa kana jijjiiru hin danda’u jedha.

Akka beekkamu, Imbaasii Itophiyaa Naayiroobii jiru, murtee seera-maleessa Naannoon Somaalee dabarse akka deeggaru erga ibseen booda, ammas irra deebiin ibsi sirreefamaa kenne kan dogoggora of keessa qabuudha jechuun eeree jira.

Waldaan Madda Walaabuu ibsa sana akka shira siyaasaa fi hirmaannaa qindoomina Naannoo Somaalee deeggaru ta’utti fudhata kan jedhe waldichi, Labsiin akkasii uummata Gura Dhaamole irratti hacuuccaa, marfama gabaa, nageenya dhabuu fi buqqa’insa hammeessuuf sababa ta’a jedhee amana jedhe.

Haaluma walfakkaatuun balbala Oromiyaa jedhamuun kan beekkamtu magaalaa Moyyaalee daba siyaasaa fi hidhannootti fayyadamuun bulchiinsa isaa jala galchaa jira. Ummanni Booranaa daba kana dura dhaabbachuun falmii cimaa taasisaa jira. Magaalaan Moyyaalee lafa Oromoo jaarsummaa kamiifuu hin dhiyaanneedha jechuun ibse.

Godinaalee Harargee bahaa fi lixaa irraa Aanotaa fi gandoota hedduu irraa lafoota qabachuun caasaa bulchiinsaa haaraa irratti ijaaraa jira. Karaa Aanaa Baabbileetiin Kiiloomeetira hedduu qaxxaamuruun bakka hawwata Turiizimii Dhagaa Baabbilee ummata isaa erga qabsisee bubbuluu miidiyaaleen gabaasanii jiru. Kun lafa ummata Oromoo saamuu fi ummata Oromoo qe’ee malee hambisuudha akka ta’e Waldaan Madda Walaabuu ibsa isaatiin eeree jira.

Waldaa Madda Walaabuu waamicha qaamolee gargaaraatiif godhee jira.

  1. Naannoo Somaalee labsii seeraan alaa kana irraa akka of qusatuu fi murtee dabarse akka haqu, sochii daangaa babal’ifannaa fi humna buqqisuu akka dhaabu gaafanna.
  1. Hawaasa bal’aan Oromoo, miseensota diaspora Oromoo fi dhaabbilee mirga namoomaa gocha kana balaaleffachuuf fi uummata Baalee, Booranaa fi Harargee deeggaruun cinaa akka dhaabbatan waamicha goona jedhe.
  2. Mootummaa Naannoo Oromiyaa, labsii seeraan alaa kana ifaan akka balaaleffatuu fi uummata isaa deeggaree daangaa lafa isaas akka kabachiisan waamicha goona jedhe.
  3. Itti Gaafatamummaan mootummaa daangaa Oromiyaa tiksuu fi nageenya ummataa eeguu waan ta’eef Caffeen Oromiyaa dhimma kana irratti yaa’ii hatantamaa taasisuun murtee akka dabarsu waamicha taasise.

Lafti lafee Oromoo ti! Eenyummaan ummataa hin jijjiramu, seenaan lafa isaas hin haqamu, uummannis lafa bara baraan irra jiraata jechuun ibsee jira.

Show More

Related Articles

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

17 + three =

Back to top button
Copy link