Afan OromoNewsPolitics
Trending

OMN: Ulaa Galaanaa fi Muddama Jiru

Muddamni Itoophiyaa fi Eertiraa gidduutti jabaatee itti fufeera.

Ulaa Galaanaa fi Muddama Jiru

Muddamni Itoophiyaa fi Eertiraa gidduutti jabaatee itti fufeera.

Kanaan dura aangawoonni Itoophiyaa ulaan galaanaa Itoophiyaaf dhimma akkaan barbaachisaa ta’uu dinshaashumaan dubbataa turan.

Amma dubbiin kun jabaataa deemee aangawoonni Itoophiyaa ulaan galaanaa dirqama ta’uu, duraanuu seeraan ala Itoophiyaa irraa fudhatamee balballi itti cufamuu dubbataa jiru.

Ministirri muummee Abiy Ahimad walgahii paarlaamaa bara 2017 keessa taa’ame tokko irratti Itoophiyaan dhimma ulaa galaanaa waraanaan furuuf hin deemtu jedhanii turan.

Walgahii miilanaa irratti garuu dubbicha akka kanaan duraa ulaa galaanaa ni barbaadnaan bira hin darbine.

Akkaataan Itoophiyaan ulaa galaanaa yeroo mootummaa cehumsaa bara 1983 itti dhabde bu’uura seeraa wayiituu akka hin qabne dubbatan.

Itoophiyaan waan karaa seeraan alaa dhabde kana deebifachuun dirqama ta’uu eeranii jiru. Qondaalonni mootummaa Itoophiyaa biroonis ergasii waanuma walfakkaataa miidiyaalee mootummaatiin dubbataa jiru.

Qondaalonni waraanaa Itoophiyaas dhimma galaana diimaa irra deddeebiin dubbachuutti jiru.

Shuumii Itamaajoorii raayyaa Ittisa biyyaa Itoophiyaa Fiild Maarshaal Birhaanuu Juulaa fi qondaalonni waraanaa biyyattii biroon Raayyaan Ittisa Biyyaa dirqama kennamu kamuu bahuuf qophii ta’uu himatu.

Eertiraan gama isheetiin Itoophiyaan dubbii na barbaadaa jirti jettee himachuutti jirti.

Pirezidaantiin Eertiraa  Isaayyas Afawarqii ministirri muummee Abiy Ahimad paarlaamaa irratti dhaadatanii oolee otoo hin bulle gara Masrii kan faallaa Itoophiyaa jirtuutti qajeelan.

Erga pirezidaant Isaayyas garas imalanii booddee ministirri dhimma alaa Masrii Itoophiyaan waa’ee naannawaa galaana diimaa dubbachuuf mirga hin qabdu jedhan.

OMN: Siyaasa Paartii (Dhaabaa) fi Muuxannoo Itoophiyaa

Itoophiyaan Ertiraa, ABUT fi Hidhattoota kaan himatte

Ertiraan Itoophiyaa Tasgabbii dhoowwaa jirti. Gabaasa

Muddama Itoophiyaa fi Eertiraa gidduu jiru kana waliin walqabatee akkaataan hiriira biyyootii maal fakkaataa kan jedhu ilaaluunis gaarii akka ta’e xinxaaltonni dubbatu.

Itoophiyaan Gamtaa Emireetota Arabaa waliin hidhata cimaa qabaachuutu dubbatama.

Itoophiyaa qofaa otoo hin taane Gamtaan Emireetota Arabaa naannawaa galaana Diimaa kana akka barbaaddu xinxaaltonni ibsu.

Gamtaan Emireetota Arabaa waraana Sudaan keessatti deemaa jiruun garee Hamdaan Dagaloo akka deeggartus keessa keessa dubbatama.

Haleellaawwan diroonii jajjaboo garee Hamdaan Dagalootiin raawwatamu duuba Gamtaa Emireetota Arabaatu jiraan himama.

Eertiraan immoo garee Al Burahaan akka deeggartu himama.

Gara dhimma muddama Itoophiyaa fi Eertiraatti yeroo deebinu immoo Eertiraan Masrii kan dhimma laga Abbayaa waliin walqabatee Itoophiyaa waliin waldiddaa keessa jirtuu ofcinaa hiriirsuuf sochiitti jiraachuutu himama.

Sa’ud Arabiyaa Itoophiyaa waliin hariiroon diippiloomaasii ishee qabbanaa’ee fi Gamtaa Emireetota Arabaa waliin walmorkattu ofcinaa hiriirsuufis Eertiraan sochooti jedhama.

Dhimma ulaa galaanaa waliin walqabatee hiriirri humnoota siyaasaa biyya keessaa Itoophiyaa yeroo ilaallu immoo ijjannoowwan walmakaatu mul’ataa jira.

ABUT fi humnoonni Tigraay mootummaa federaalaa waliin waldhabdee cimaa keessa jiran Tsimdo jedhanii Eertiraa waliin gamtaa tolfatan jedhamee irra deddeebiin dubbatamaa jira.

Humnoonni siyaasaa naannoo Amaaraa ilaalcha walmakaa calaqqisiisaa jiru.

Faannoo fi finxaaleyyiin siyaasaa garicha deeggaranii fi mootummaa hadheeffatanii jibban garaagaraa Tsimdootti hidhata tolfachuuf yaalaa jiru jedhame.

Kanas ta’ee sana Itoophiyaa fi Eertiraa gidduutti waraanni uumamuu danda’aa fi hin danda’uu irratti yaadota lamatu ka’aa jira.

Gariin waraanni dhohuu danda’a wayita jedhan, gariin immoo carraan walwaraansatti cehuu gadi aanaa ta’uu himu.

Warri waraanni dhohuu mala jedhan dhaadannoo mootummaa Itoophiyaa, qophii waraanaa, meeshalee waraanaa ammayyaa’oo Itoophiyaan fayyadamuu dandeessu, michummaa Itoophiyaa fi Gamtaa Emireetota Arabaa akka agarsiiftuutti eeru.

Warri waraanni ammatti hin dhohu jedhan immoo Itoophiyaa fi Eertiraan karaa kamiin walwaraanuu danda’u jedhanii gaafatu.

Karaa naannoo Tigraayiin walwaraanuuf mootummaan federaalaa fi humnoonni Tigraay waldhabdeetti jiru jedhu.

Tarii walwaraanuun yoo danda’ame karaa naannoo Afaar akkasumas karaa lafa naannoleen Amaaraa fi Tigraay irratti waldhaban amma naannoon Amaaraa to’atee jiru karaa Walqaayitiitiin ta’uu danda’a jedhu.

Garuu carraan karaa sanaan biyyoonni lameen walwaraanuu isaanii gadi aanaa akka ta’e xinxaaltonni ibsu.

Kanaafis akka sababaatti kan dhiheessan gareen Tsimdoo jedhame waltumsuu danda’a kan jedhuu dha.

Kanaanis mootummaa Itoophiyaatti rakkoo ta’uu akka danda’u ibsu.

Kana irratti Itoophiyaa biyya keessa hunkurama guddaatu jira kan jedhan warri kun, hunkurama kana irratti Eertiraan walwaraanaa hunkurama biraa mootummaan Itoophiyaa ofitti fiduu hin fedhu jedhu.

Kanaanis carraan Itoophiyaa fi Eertiraan walwaraanuu  baay’ee xiqqaa ta’uu himu.

Warri ilaalcha kana faallaa jiran immoo ministirri muummee Abiy Ahimad nama tilmaamamu ta’uu dhabuu fi kanaan duras tarkaanfiiwwan hin eeggamne garaagaraa fudhachuu isaaniitiin tarkaanfiin ministirri muummichaa fudhatan hin beekamu jedhu.

Tarkaanfii kanaan dura ministirri muummichaa fudhatan irraa ka’uun ulaa galaanaa humnaan deebisuuf tarkaanfii hin fudhatan jechuun rakkisaa dha jedhu.

Adeemsi ministirri muummee Abiy tilmaamamuuf rakkisaa ta’uun, kanaan dura ministirri muummichaa tarkaanfiiwwan gurguddoo balaa guddaa qaban mata jabinaan fudhachuu isaanii kan eeran warri kun, ammas ulaanaa galaanaa argamsiisuuf ministirri muummichaa tarkaanfii ulfaataa fudhachuu ni danda’u jedhu.

Kanas ta’ee sana dhimmi ulaa galaanaa ijoo dubbii cinaa ta’ee itti fufee jira.

Show More

Related Articles

One Comment

  1. Ulaan galaanaa daldala siyaasaaf osoo hin taane rakkoo diinagdee furuuf ooluu qaba.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

seven + eleven =

Back to top button
Copy link