News AnalysisAfan OromoOpinion

“Tarsiimoo Unkuraa (Shock Doctrine)” Akka Tooftaa Bulchiinsaatti

Ayidiyoolojii 'Piraagmaatizimii' Badhaadhinni Himatu Madaaluu

Paartiin Badhaadhinaa “Tarsiimoo Unkuraa (Shock Doctrine)” akka tooftaa bulchiinsaatti fayyadamee bulcha jedha Qorataa fi Xiinxalaan siyaasaa Girmaa Guutamaa.

“Tarsiimoon Unkuraa” tarsiimoo bulchitoonni goolii (jeequmsa) uumamutti dhimma bahuu fi gooliiwwan (jeequmsawwan kan biroo) ofii uumuu akkasumas gooliidhaan uummata cinquu akka ta’e ibsa barruu isaa OMN irratti gumaacheen xiinxalaan.

Jechi “Tarsiimmoo Unkuraa (Shock Doctrine)” jedhamu kun barreessituu Kanaaadaa Naomi Klein jedhamtu kitaaba ishee ‘The Shock Doctrine: The Rise of Disaster Capitalism’ jedhuun jalqaba beekamuu jalqabe. Klein akka ibsitutti, tooftaan kun tooftaa qaamoleen siyaasaa aangoo mootummaa too’achaa jiran waraana, balaawwan, gaaga’ama hawaasummaa fa’itti dhimma bahuun gabaa to’annoo mootummaa harkaa itti baasan, Piraayiveetaayizeehsiniin itti jajjabeessan, aangoo ofii waalteeffatan (centralization) fi jijjiiramoota gaaga’umsaa hawaasummaa as dura mula’anii hin beekne fedha ofii kasaaraa lammiileetiin guuttachuuf jecha irree fayyadamanii lammiileerratti fe’ani dha.

Paartiin Bilxiginnaa ayidiyoolojii “pragmatism,” akka hordofu himatus garuu hojii lafarratti waggoota torban darban hojjechaa dhufeen yoo madaallu “Tarsiimoo Unkuraa” akka hordofu hubatama jedha Girmaan. Akka xiinxala isaatti Girmaan, hoggantoonni Paartii Badhaadhinaa tooftaa bulchiinsaa unkuruu hordofu jedha.

Waraanni Oromiyaa, Tigraayi fi Amaaraa—naannolee biyyattii uummata biyyattii 85% dhuunfataniifi lafa biyyattii 70% ta’an mul’atu agarsiiftuu kanaati jedha. Gochoonni oftuulummaa fi maal na dhibdeen guutaman kunneen, mancaatii qabeenyaa, dhumaatii namaa fi ulfina dhabuu ilmaan namaa waan barame godhanii jiru jedha. Maqaa misooma Kooridariitiin Finfinnee dabalatee magaalota akka Jimmaa Adaamaa, fi Bishooftuutti manneen, suuqiiwwan, fi bakkeewwan daldalaa beenyaa gahaa fi bakka buusa tokko malee diigamuun jiraattota buqqisanii jiru.

Xiinxalaa kun, sadarkaa unkuraa waraana Tigraayin hanga namoota miliyoona 1 olii dhumanii fi namoonni miliyoona 1.5 buqqa’anis ni eera. Gooliin bakka bakkaa ilmaan namaa dararaa jiru kun lammiileen akka hadoodan wana tolche dha jedha. Ajjeechaan Artiist Haacaaluu Hundeessaa hanga Battee Urgeessaa, reeffa namaallee ulfina dhoowwanii harreetti fe’anii addababaayiitti agarsiisuun fi gochaaleen safuumaleessa kkf marti hadooddiiwwan uumaman yayyaadachiisa. Taateewwan kunneen qaamuma hojii siyaasaa sodaa, burjaajjii fi abdii kutannaa uummatatti uumaniiti jedha. Kunneen lammiileen dhimmoota biraa dhiisanii lubbuuma ofii hambifachuu (survival) qofa irratti akka xiyyeeffatan godhanii jiru. Kun immoo kaayyoodhuma tarsiimoo unkuruu kanaati fi fedha warra aangoorra jiruuti jedha.

Tarsiimoon bulchiinsaa kun tarsiimoo bulchiinsaa abbaa Irree biyya Chiilii Jeneraal Awugustoo Pinoocheet bara 1970moota tureen wal fakkeessa. Abbaa Irree kana jalatti gareen ogeeyyii diinagdee “The Chicago Boys” jedhaman jijjiirama (riifoormii) niyooliberaalismii dhaabbilee akka IMF fi Baankii Addunyaan deeggaramu hojiirra oolchuuf imaammata hanga qawween dirqisiisuu deemameen wal akka fakkaatu dhiyeeessa. Immaammanni isaani sunneen humnaan hojiirra erga oolfamanii booda uummata biyyattii irratti gaaga’umsaa hawaasummaa fi diinaggee hamaa fidani.

“Chicago Boys” Chiilii bara sanaa sun shoora Ministira maallaqaa ammaa Ahmad Shideen, Deetaa ministeera maallaqaa Iyyoob Takkaaliny, bulchaa baankii biyyoolessaa Maammoo mihratuu fa’iin wal fakkeessuun ni danda’ama jedha.

Xiinxala isaatiin Girmaa Guutamaa Paartiin Badhaadhinaa tooftaa bulchiinsaa “Tarsiimoo unkuraa (Shock Doctrine)” finxaalawaa fi mancaasaa bakka bu’a jechuun guduunfa. Kun gaafa uummanni biyyattii keessummaa kanneen miidhamaa jiran gamtaawan xumura argata jechuun goolaba.

Show More

Related Articles

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

eight − four =

Back to top button
Copy link