Taphni Goobee fi Shinooyyee Taphatamaa Jira
Magaalaa Bishooftuutti Goobeen Kaleessa Jalqabde

Taphni Goobee fi Shinooyyee magaalota Oromiyaa garaagaraatti taphatamaa jira. Taphni Goobee magaalaa Bishooftuutti bifa hawwataa ta’een kaleessarraa eegalee taphatamaa jira.
Tapha Goobee dargaggoonni magaalaa ittiin miidhagsan kana Abbaan Gadaa Tuulamaa Goobana Hoolaa, Haawwan siiqqee, Yuubonni, Manguddoonni argamuun eebbisuun eegalchiisan.
Eebba isaaniitiin dargaggoota jila kanatti jiraniif oofkaltii hawwanii jiru. Bara eebbisanii jiru. Barri itti aanu kan nagaa, araarri fi tokkummaan itti dhugoomus akka ta’u eebba isaaniitiin hawwanii jiru.
Ayyaanonni yeroo birraan bari’u dargaggootaa fi shamarran Oromootiin bal’inaan ayyaaneffataman Goobee fi Shinooyyeen (Aseesaan) waggoota dhiyoo darban Finfinnee dabalatee magaalota Oromiyaa heddu keessatti karaa hawwataadhaan ayyaaneffatamaa dhufanii jiru.
Dargaggoo fi shamarran heddumminaan uuffata aadaan faayamanii Goobee fi Shinooyyee sirbuun aadeffatamaa dhufeera. Akka aadaatti dargaggoonni Goobee sirban irreessa ykn habaaboo qabachuun mana manarra naannawuun maatii, goota, loon, horataalee fi bara faarsu.
Shamarranis akkanuma qunnii qabachuun mana mana irra naannawuun maatii, goota, loon, horataalee fi bara faarsu. Maatiin isaan simatus mijuu fi maaddii dhiyeessee simachuun eebbisee gaggeessa.
Ayyaanonni Goobee fi Aseesaa asiin dura uummata keessatti bal’inaan kan beekaman ta’anis roorroo sabichi jala tureen ifatti bahanii waltajjii fi miidiyaatti hin mul’anne.
Yeroo ammaa sochii shamarranii fi dargaggoonni Oromoo jaalala aadaa fi eenyummaa isaanii qaban godhanii fi xiyyeeffannoo gama caasaalee aadaa fi tuurizimiitiin kennameen Goobee fi Aseesaan bahanii addabaabaayitti mul’ataa jiru. Miidhagina aadaa fi eenyummaa Oromoos mul’isaa jiru.
Ayyaanonni Goobee fi Aseesaa kunneen walakkeessa ji’a Hagayyaa kaasee magaalota Oromiyaa garaagaraatti kabajamaa jiru.
Goobeen magaalaa Bishooftuutti akka itti aanu kanaan ho’ee taphatamuu itti fufeera.






