Afan OromoOpinionPolitics
Trending

OMN: Siyaasa Paartii (Dhaabaa) fi Muuxannoo Itoophiyaa

"Siyaasa Dhaabaa" Itoophiyaa Keessatti: Warraaqsa Duraaf Booda

Proofeesar Mararaa Guddinaatiin

Dhaamsa Gulaalaa: Proofeesar Mararaa Guddinaa barreeffama seenaa-qabeessa kana kan dhiyeessan qophii walgahii gareen leellisaa sirna dimokiraasii ABUGIDA Democracy Congress jedhamuun Sadaasa 1994 qopheesse irratti ture. Kana jechuun yeroo heerri FDRE amma jiru raggaasifamaa tureetti jechuu dha. Hanga quba qabnutti, ABUGIDA Democracy Congress, jaarmiyaan amma hin jirre (defunct) kuni, Itoophiyaa keessatti dhaabbata siviiki dimokraasii leellisu isa jalqabaa ture.

Proofeesarichi haala raaga-raagoo milkii qabu fakkaatuun, dhimmoota dhaaba siyaasa biyyattii ilaalchisee Itoophiyaanoonni yeroo dheeraaf xurree seenaa dogoggoraa irra hiriira akka turan agarsiisaniiru. Barreeffamichi har’aafillee baay’ee waytaawaa waan ta’eef, hayyama Proofeesar Mararaatiin qabiyyee barruu kanaa guutuun isaa Afaan Amaaraa irraa akka hiikameen dhiheessineerra.

Siyaasa Paartii (Dhaabaa) fi Muuxannoo Itoophiyaa

*Mararaa Guddinaa,

*Barsiisaa fi Hoogganaa Kutaa Saayinsii Siyaasaa fi Hariiroo Idil-addunyaa, Yuunivarsiitii Finfinnee [Sadaasa 1987 ALI].

Waraqaan qorannoo kora Kongiresii ABUGIDAn Dimokiraasii mata-duree “Gahee fi Hojii Dhaabbilee Siyaasaa Dimokiraasii Keessatti” jedhuun qopheesserratti kan dhiyaate.

Sadaasa 1987 ALI (1994 ALA), Finfinnee

 

  1. Seensa

Seenaa dheeraa Itoophiyaa keessatti yakki waraanaa gahee olaanaa qabaachuusaa hubachuuf, barreeffamoota waa’ee biyyattii hanga ammaatti barreeffaman gamaaggamuun gahaadha. Waraanni irra caalaan sababa waldhabdee aangootiin kan jalqabame ta’uun isaas waan hin mormamnedha. Haalli akkasii kun dhugaa siyaasa biyyattii gara dhugaa waraanaatti jijjiiruun isaas waan hin haalamnedha.

Heerri mootummaa Itoophiyaa bara mootummaa Waaqaan akka shuumame himatu sanaa, aadaa keenya kan waraanaa hin fooyyessine, inumaayyuu daran hammeesse. Dhaabbileen siyaasaa aadaa waraanaa kana keessaa bahan tapha waraanaa barame sana bira darbuu hin dandeenye. Dhugaa dubbachuuf Itiyoophiyaa har’aa bakka dibbeen dimokiraasii paartilee danuu (multi-party democracy) dhahamaa jiru keessatti sochiin paartilee siyaasaa gurmaa’insaa fi hojii irratti jijjiirama bu’uuraa tokkollee agarsiisuu dhabuun isaa baay’ee nama gaddisiisa. Hooggantoonni biyya hoogganan seenaa keenya darberraa waan baratan hin fakkaatu. Bu’aan waliigalaa Itoophiyaa fi ummanni Itoophiyaa daandii seenaa dogoggoraa akka hordofan taasiseera.

Kaayyoon barreeffama kanaa inni guddaan tapha siyaasaa walxaxaa biyyattiin waggoota jalqabaa jaarraa digdamaffaa irraa eegalee keessa turte gabaabinaan qorachuun, mootummaa fi jaarmiyaaleen siyaasaa biyyattii keessatti socho’an haala siyaasaa jeequmsaa biyyi keenya keessa jirtu keessaa bahuun sirna dimokiraasii ijaaruuf akkamitti gargaaruu akka danda’an agarsiisuudha.

  1. Walitti dhufeenya aadaa siyaasaa fi dhaabbilee siyaasaa

Siyaasni dhaaba biyya tokkoo aadaa siyaasaa tokkoo tokkoon biyyaa irraa kan maddu yoo ta’u, kunis calaqqee aadaa siyaasaa isheeti. Aaadaan siyaasaa yoo jijjiiramu siyaasni dhaabaas waliin jijjiirama. Aadaan siyaasaa bal’inaafi gad-fageenya gahee siyaasaa paartilee murteessa. Kana jechuun paartileen siyaasaa aadaa siyaasaa biyya tokkoo irratti, gaariis ta’e hamaas dhiibbaa hin qaban jechuu miti. Kana jechuun sochiin paartilee siyaasaa aadaa siyaasaa biyya tokkoo guutummaatti ykn gartokkeen jijjiiruu danda’a. Gaheen paartilee akka Boolshevik Gamtaa Sooviyeet keessatti qaban, gaheen Paartii Koominiistii Chaayinaa, gaheen Paartii Naazii bara jalqabaa kkf hangam dhaabbileen siyaasaa aadaa siyaasaa biyya isaanii jijjiiruu akka danda’an fakkeenya gaarii dha. Muuxannoon keenyas diyaalektikii kana agarsiisa. Malli gurmaa’insaa sobaa Deergiin itti fayyadame illee walitti dhufeenya lamaan gidduu jiruuf hanga har’aatti ragaa gahaa ta’ee mul’ata.

Qabxiin inni biraa biyyoota sirna mootummaa mootota cunqursoo fi sirnoota siyaasaa abbaa irree biroo qaban keessatti dorgommiin siyaasaa bilisaa waan hin jirreef, paartileen jiraatanis jiraachuu baatanis hirmaannaan siyaasaa hiika qabu hin jiru. Biyyoota addunyaa sadaffaa keessatti haaluma akkanaatu bal’inaan mul’ata. Muuxannoon amma Itoophiyaa keessatti qabnu dhugaadhuma kana mirkaneessa. Kana yaada keessa galchinee gara maalummaa fi gahee paartileen siyaasaa Itoophiyaa keessa jiran ilaaluutti haa ceenu.

  1. “Siyaasa Dhaabaa” Itoophiyaa Keessatti: Warraaqsa Duraaf Booda

Dhaabbileen siyaasaa Itoophiyaa keessatti ijaaramuun seenaa qabsoo hayyoota biyyattii jijjiirama barbaadanii dheeraa waliin walitti hidhata guddaa waan qabuuf, jalqaba qabsoo hayyootaa kana gabaabinaan haa ilaallu.

Barbaachisummaan barnoota ammayyaa Itoophiyaa keessatti hubatamuu kan jalqabe yeroo mootonni Habashaa yeroo sanaa hariiroo hooggantoota Awurooppaa waliin qabaniif hiiktota baay’ee barbaadanitti ture. Keessattuu erga Injifannoo Aduwaatiin booda hariiroon bal’aan biyyoota Awurooppaa hedduu waliin uumame, afaan hiiktotaan alatti, namoota afaan Faranjii baratanii mootummaa isaanii bakka bu’uudhaan mari’achuu fi socho’uu danda’an baay’ee barbaadamoo ta’uu jalqaban. Waggoota dhumaa mooticha Minilik keessatti biirookraasiin uumamuu akkuma jalqabeen bulchiinsi haaraan kun barreessitoota, hojjattoota herregaa fi kkf hanga tokko barbaachisuu jalqabe. Bara 1908 Mana Barumsaa Minilik kan mooticha Hayilasillaaseen itti eebbifame banamuun isaa guddina barnoota ammayyaatiif tarkaanfii fuulduraa ture. Waggoota jalqabaa jaarraa digdamaffaa keessa hayyoonni duubatti hafummaa Itoophiyaa hubatanii, jijjiiramni barbaachisaa ta’uu amananii, jijjiiramaaf cimsanii falman mul’achuu jalqaban. Afeworq G/Yesuus, Gabrahiwoot Baaykadaany, Bajroond Taklee fi kkf dhaloota jalqabaa hayyoota jijjiirama barbaadan keessaa adda duree turan.

Hayyoonni kunneen jaarmiyaa yaada isaanii hojiirra oolchu dhabuu fi kabajaa fi galata elitoota fiwudaalaa yeroo sana olaantummaa qaban argachuu baatanis, bara keessa jiraatan keessatti hambaa seenaa mataa isaanii dhiisuu qofa osoo hin taane, dhaloota isaan hordofeef bu’uura yaada haaraa dhiisaniiru. Moodeelli dhaloota kanaa Jaappaan qaroomina ishee osoo hin balleessin qaroomaa waan turteef, hojiin isaanii inni guddaan dargaggoota kabajamoo akka Lij Iyyasuu fi Raas Teferi ofitti harkisuu ture. Yeroo sanatti waan guddaa galmeessuu baatanis, carraaqqii isaaniitiif seenaa siyaasaa Itoophiyaa keessatti bakka kabajaa argachuu danda’aniiru.

Hayyoonni yaada haaromsaa qaban dhaloonni lammaffaan weerara Xaaliyaanii booda uumame. Weerara booda Hayilasillaaseen birokraasii siiviilii fi waraanaa leenjii isaanii cimsee, haala isaaf amanamaa ta’e uumuu irratti xiyyeeffate. Bulchiinsa siiviilii haaraa fi waraana ammayyaa uumuunis humna hojjetaa ogummaa qabu kan barbaadu yoo ta’u, biyya keessaa fi biyya alaa keessatti barattoota baay’inaan leenjisuu jalqaban.

Garuu abjuun mootichaa dhugoomsuun salphaa hin turre. Mee bal’inaan haa ilaallu. Hayilasillaaseen yeroo weerara sanatti lubbuu isaa dirree waraanaa irraa baraaruuf gara biyya ormaatti baqachuun isaa seenaa mootota Habashaatiin baay’ee kan nama rifachiisu yoo ta’u, sabboontotni beekamoon tokko tokko namichi kun gargaarsa Ingilizii irratti hundaa’ee gara aangootti akka deebi’an hin barbaanne ture. Dhugaa kana kan hubate HayilaSillaaseen ogummaa siyaassa dabeessaa (Machiavellian politics) isaa hojiitti hiikuu eegale. Kana hojiitti yommuu hiiku, sabboontota biyyaaf dhiiga isaanii dhangalaasaniif osoo hin taane, warra biyya alaa dhokataniif kannen biyya isaanii gananii mootummaa Xaaliyaaniif bulaniif dursa kennuu eegale. Sabboontota beekamoo hojii HaileSillassee hin hordofne keessaa, Balaay Zallaqaa kan bara 1943 fannifame, Bitwaddad Nagaash kan bara 1951 hidhamee mooticha ajjeesuuf shira xaxe jedhamee himatamee mana hidhaa keessatti du’e, Dejazmach Taakkalaa kan bara 1969 mooticha kuffisuuf yaaluun himatamee lubbuu isaa dhabe fakkeenyummaan ilaalamuu danda’u.

Itoophiyaa biyya Koo taliilee

Yaa biyya Koo gowwaa

Isa siif du’e dhiiftee

Kan si ajjeese soortee….

Jedhamee rakkoo jabaa siyaasaa biyya keenyaarratti kan walaleeffame yeroo sana ture. Haala kamiinuu yoo ta’e, shira mooticha irratti xaxame yeroodhaaf fashaleessanis, injifannoon isaanii waanuma yeroo gabaabaa ture. Mormiin guddachuu fi cimuu itti fufe.

Weerara Xaaliyaanii booda, yeroo barnoota isaanii biyya alaa irraa deebi’an garee kana keessaa gariin biyyattiin waggaa kuma sadii ta’uu fi siree seenaa irra ciiftee akka jirtu hubatanii sochii Sabboonummaa Afriikaa (Pan-Africanism) irratti hirmaachuu jalqaban. Boodarra, bara 1960tti, yaalii fonqolcha mootummaa keessatti nama siyaasaa adda duree kan ta’e Girmaamee Nawaay, garee kana keessas ture. Girmaamee Nawaay dabalatee warri yaaliin fonqolcha mootummaa ga’ee olaanaa taphatan hundi ajjeefamanis; sochiin barattootaa habashaa kan mooticha Hayilesillaasee fi sirna isaa awwaaluuf shoora ol’aanaa taphate akka dhalatu gumaachan. Asirratti wanti tokko hubatamuu qaba. Hanga yaalii fonqolcha mootummaa sanaatti qabsoon mootummaa farra Hayilasillaasee namoota dhuunfaan gaggeeffamaa ture; akkasumas shira masaraa irraa fagoo hin taane hedduutu ture. Haa ta’u malee, yaalii sana booda kallattiin qabsoo tarkaanfii tokko tarkaanfate. Bifa jaarmiyaa qabaachuu jalqabe. Kanuma waliin walqabatee, gama tokkoon Sochiin Barattoota Itoophiyaa ijaarame; gama biraatiin ammoo sochiin sabaa fi naannoo uumame.

Gara kaaba biyyattiitiin bara 1961 dhaabni qabsoo warra Eeritraa ELF kan jedhamu yoo hundeeffamu, Shaabiyaa (EPLF) dabalatee kanneen biroo hanga bara 1972tti ijaaramanii turan. Giddu galeessatti ammoo yeroo wal fakkaatutti Waldaan Maccaaf Tuulamaa ijaaramuun isaa, sochiin biyyoolessaa daangaarratti qofa osoo hin taane, funyaan masaraa mootummaa jalatti uumamuu akka danda’u agarsiise.

Dhaabbilee siyaasaa hedduu ijaaruu fi adda bilisummaa sabaa keessatti hoggansa harka caalu kan gumaache Sochii Barattoota Itoophiyaa ture. Sochiiwwan biroo kan akka MEISON fi EPRP, fuula biyyoolessaa, SHIBIA; TPLF, ONLF … fi kkf hayyoota jalqaba dammaqiinsa siyaasaa isaanii sochii barattootaa keessatti argatan irraa kaka’umsa argatan. Sochii barattootaa keessatti hidda gadi fageeffachuun kan jalqabe garaagarumaan siyaasaa  kun, dhiibbaa hanga har’aatti mul’ataa jiru kan fidee fi jeequmsa siyaasaa biyyattii keessatti amma arginuuf hundee kan uume ta’uusaa hubachuun barbaachisaadha.

Amalli sochii barattoota Itoophiyaa yeroo sanaa inni guddaan gaaffii jijjiirama suuta suutaan jedhu irraa gara jijjiirama hundee qabuutti saffisaan deemuu ture. Kanneen fonqolcha mootummaa deeggaran, fi jeequmsa siyaasaa fonqolcha mootummaa kana booda uumame keessatti kan jalqaba ka’an barattoota Kolleejjii Yunivarsiitii Finfinneeti. Waggaa tokko booda, caasaan kolleejjiiwwan akka yunivarsiitiitti, barattoonni bilisa ta’an biyyoota Afrikaa haaraa walaba ta’an irraa dhufanii fi miira jijjiirama haaraa qaban gara yunivarsiitichaatti yaa’uun, qabsoowwan farra impaayeraalistii yeroo sanatti Addunyaa Sadaffaa keessatti gaggeeffamaa turan, sochiin barattootaa akka uumamuu fi guddachuu qofa osoo hin taane, yaada hundee qabuuf gumaacheera. Barattoonni yunivarsiitiis suuta suutaan gaaffii hawaasa naannoo isaanii irraa gara gaaffii sabboonummaatti ce’an. Hiriira nagaa barattoonni yunivarsiitii bara 1965 ba’an yeroo paarlaamaan sirna lafaa irratti mari’achaa ture yoo ta’u, ejjennoon sochiin barattootaa gaaffii lafaa irraa gara gaaffii jijjiirama hundee qabuutti akka ce’u labseera. Yeroo sanaa kaasee sochiin barattootaa saffisaan gara manneen barnootaa sadarkaa lammaffaa Itoophiyaatti babal’achuu qofa osoo hin taane, ilaalchi sooshaalistii ilaalcha ijoo sochii barattootaa ta’ee mul’ate.

Gama gurmaa’insaan qabsoon farra fiwudaalaa bal’inaan adeemsifamuu kan eegale Waldaan Barattoota Yuunivarsiitii Finfinnee (USUAA) biyyattii keessatti ijaaramuu, akkasumas waldaa barattoota Itoophiyaa Awurooppaa fi Ameerikaa Kaabaa biyya alaa keessatti hundee jabeessuuni. Dhaadannoowwan ijoo sochiin barattootaa yeroo kanatti kaasan:

Lafti qotee bulaaf haa kennamu,

Kabaja walqixxummaa sabaa fi sablammootaa,

Mirgi ijaaramuu haa kabajuu…kkf.

Mootummaan Hayilasillaasees sochii barattootaa guddachaa dhufeen baay’ee sodaate. Sochii kana qoqqooduuf, yoo danda’ame humna mataa isaatiin balleessuuf socho’e. Sochii barattootaa naannootti ergamtoota bobbaasuun hanga hoggantoota barattootaa hidhuu fi ajjeesuutti deeme. Haa ta’u malee, sochii barattootaa caccabsuu hin dandeenye. Ammoo, ukkaamsaan kuni al-kallattiin qoqqoodinsa hamaa isa booda dhufeef shoora gumaacheera. Kun bu’uura marii keenya isa guddaa waan ta’eef, sirriitti haa ilaallu.

Jalqabarratti sababa addaan cituu barnootaatiin barattoota barnoota barbaadanii fi barattoota warraaqsa barbaadan gidduutti garaagarummaan uumamuu jalqabe. Kunis gareen barattootaa lamaan ‘Riivoo’ fi ‘Seboo’ (finciltootaafi duubatti-harkiftoota) jedhamuun beekaman akka ijaaraman taasiseera. Qoodinsi kuni mana keessatti hin dhaabbanne. Hoggantoonni barattootaa hedduun, butamuu jalaa baqatanii, addunyaan alaa waltajjii qabsoo fooyya’aa ta’a jedhanii amananii, baay’inaan biyya alaa deeman. Sababa barattoota warraaqsa kana fiduuf godaanan irraa kan ka’e, yeroo muraasa booda barattoota biyya alaa jiran gidduutti qaawwi bal’aan uumamuu jalqabe.

Hunduu mirqaana keessa ture; akka Ho Chi Miinii fi Chee Guveera waliin duuluuf sirbanillee afaan tokko akka hin dubbanne ifa ture. Garaagarummaan isaanii tooftaa fi tarsiimoo sochiin barattootaa tarkaanfachiisuuf, fi dhimma sabaa fi sablammootaa irratti kan maru ture. Walmorkii jaamaan aangoo siyaasaaf godhamu gara walballeessutt geesse. Ciminni humnoota Eeritiryaa guddachaa dhufes sochii barattootaa keessatti garaagarummaa araara hin qabneef gumaacheera. Haala siyaasaa kana keessatti ture MEISON fi EPRP kan kallattiin sochii barattootaa irraa dhalatan. Warraaqsi Itoophiyaa akka tasaa to’annoo humnoota hundaan ala kan dhohe seenaa keessatti yeroo dameewwan sochii barattootaa lamaan, MEISON fi EPRP sochii barattootaa keessa, keessumattuu biyya alaa keessatti ijaaramanii fi humnoonni Eeritiraa ajandaa siyaasaa mataa isaanii qaban deeggarsa isaaniitti fayyadamuuf waan danda’an hunda gochaa turan ta’uu isaa asirratti ifa gochuun barbaachisaadha.

Warraaqsi Itoophiyaa akka tasaa dhoohuun jaarmayoota siyaasaa burjaajii keessa galchee, gareewwan siyaasaa haalli kun daran akka walxaxu godhan uumamuu jalqaban. Haala jeequmsaa guddaa qabu kan uume, Darguun humnaan aangoo qabachuu, jaarmiyaalee siyaasaa tarkaanfataa jedhaman irraa qajeeltoowwan sooshaalistii saffisa ajaa’ibsiisaa ta’een baratee, isaanuma dhabamsiisuuf deebisee ittiin fayyadamuu danda’uu isaati. Daandiin of balleessuu (suicidal) irra caalaan jaarmiyaaleen siyaasaa, keessattuu kanneen haalaan walitti dhihaatan Meison fi EPRP hordofan, wal dhabamsiisaa dhaabbachuu hin dandeenye dhaabbilee siyaasaa Itoophiyaa marsaa jalqabaa ture. Dergiin waldhabbii kana fayyadamee dhaabbilee jiran mara nyaatee fixe; akkuma jedhamus EPRP ciree, Meison laaqana fi ICAAT dabalatee kanneen hafan ammo irbaata godhate.

Humnoonni Eertiraa ajandaa siyaasaa mataa isaanii qaban warreen michuu godhatan siyaasaan deeggaruu qofa osoo hin taane, rasaasaaf qawweenis deeggarsa godhaniifi. Yeroo sanatti biyyoonni sooshaalistii, keessattuu Dargiin akka moo’ataa akka ta’u ilaalamaa waan tureef, deeggarsa guutuu kennaniifiiru. Rakkoo siyaasaa itti aanee dhufe keessatti ijoolleen Itoophiyaa kumaatamaan lakkaa’aman ajjeefaman, mana hidhaatti guuramanii, biyyaas baqataniiru. Warraaqsichi loltoota Itoophiyaa hiikkaa dhaadannoo harkaa qabanuu hin beekne, kan hojii daangaa biyyaa tiksuu dhiisanii ogummaa isaan hin leenjifamneerratti bobba’aniin butame. Kunis biyyattii waraana hamaa fi suukaneessaa keessa galche.

Marii keenya ammaa xumurree gara isa itti aanutti osoo hin ce’iin dura wantoota bu’uuraa tokko tokko lafa kaa’a.

  1. Qabsoon siyaasaa gareewwan siyaasaa Itoophuyaa dhumarratti balaa biyya qoqqooduuf isaan saaxilee jira.
  2. Warraaqsi dhaloonni wareegameef bu’aa eegamu fiduu akka hin dandeenye haala nama gaddisiisuun kola’e.
  3. Marii keenya ammaa irraa akka hubannutti, garaagarummaan sochii barattoota Itoophiyaa waqtii warraaqsaan duraa mul’ate gara bara warraaqsa boodaatti ce’ee, gaaga’ama Darguu waggoota 17f bu’uura ta’eera.
  4. Jeequmsa siyaasaa ture keessaa injifannoon kan bahan EPRDF fi Shabiyaan Itiyoophiyaa fi Eertiraa fakkii ofiitiin bocaa jiru.
  5. Seenaa jaarmayoota siyaasaa Itoophiyaa darbanii irraa wanti barannu, jaarmiyaaleen maal gochuu akka qaban osoo hin taane, waan gochuu hin qabneedha.
  1. Mul’achuu Paartilee Siyaasaa Bara Ce’umsaa fi Adeemsa Ce’umsa Dimookiraasii

Seenaa keenya darberraa paartileen siyaasaas ta’e mootummaan maal baratan gaaffii bu’uuraa kaasuun, bifa paartilee siyaasaa bara EPRDF ilaaluun jalqabuu qabna.

Taateewwan siyaasaa ADWUIn aangootti ol bahuu waliin dhufan lama:

  1. Ol’aantummaa sochii sabaa fi sablammootaa fi mirga hiree murteeffannaa sabaa fi sablammootaa mirkanneessuun akka qajeelfama imaammata mootummaa isa ijoo ta’uu, fi
    1. Mootummaa ce’umsaatiin fudhatama argachuu dimokiraasii paartilee danuu, ti’ooriidhaanillee ta’u. Haa ta’u malee, dhimmoonni utubaawwan imaammataa mootummaa ce’umsaa gara hojiitti jijjiiruu kun salphaa waan hin taaneef, ce’umsi dimokiraasii keenya baay’ee falmisiisaa ta’e muddamaan kan guutame ture. Kanarraa kan ka’e ce’umsi dimokiraasii keenya, kan osoo hin guddifamin faarfamaa jiru, muddamaa tokko keessaa gara muddama biroo, karaa muddama keessaan kan ce’u ta’eera (from crisis to crisis through crisis). Dhugaa kana mirkaneessuuf taateewwan mootummaa ce’umsaa safartuu dimokiraasii irra kaa’uu caalaa wanti wayyu hin jiru. Mee muraasa haa ilaallu.

    ADWUIn bara 1991 chaartara isaa raggaasisee mootummaa ce’umsaa yeroo hundeessu, tarkaanfiiwwan sirna dimokiraasii Itoophiyaa keessatti diriirsuu irratti dhiibbaa hamaa geessisan hedduu fudhate. Akkuma beekamu ammas wanti namoota hedduudhaaf ifa ta’uu hin dandeenye deeggarsa ADWUIn Ertiraan cittuuf godhedha. Jalqaba irratti Eertiraa adda bahuun kan dhufe injifannoo waraanaa Addi Bilisa Baasaa Ummata Tigraay (ABUT) fi shaabiyaan qabsoo dirree qabsoo waraanaarratti injifannoo waloo waan argataniifi dha. Kana jechuun gamtaan waraanaa kun bu’aa waliigaltee dirree waraanaa akka ta’e shakkii hin qabu.

    Utuu rifarandamii fi murteewwan rifarandamiin booda murtaa’an tokko tokko haala tasgabbaa’aa ta’een, gama waliigalteewwan dirree hojiirra oolchuutiin osoo hin taane, karaa dantaa biyyoolessaa ummatoota lameenii eeguun hojiirra oolan ta’ee, adeemsa dimokraasii keessatti gama gaariin isaanii ni caala ture. Rifarandamiin sun silaa boombii durana dhoohuuf yeroo eeggatu ta’ee hin darbu ture. Gareewwan siyaasa Oromoo fi Ogaaden kan akka Adda Bilisummaa Oromoo fi Ogaden, kan akka Ertiraa ta’uu barbaadan, waliin dhiiga waldhangalaasuun waraana biyya keessaa haaraaf karra hin banu ture. Haala kamiinuu Eertiraan siyaasa Itoophiyaa keessatti daa’ima rakkoon siyaasichaa dhale taatee itti fufteetti.

    Qabxiilee birootti yoo ceenu, mootummaan ce’umsaa ADWUI kan sirna dimokiraasii paartilee danuu hooggana jedhu yeroo ijaarame, hiriyyoota isaa jedhaman cidha dhuunfaa irratti affeerratee, mormitootaaf garuu balballi cufame. Gama biraatiin mootummaan ce’umsaa, ADWUI fi deeggartoota isaa yeroo sana irratti hundaa’e, karaa kamiinuu kan hunda qabatu waan hin turreef, kaayyoon isaas ADWUI gara mootummaa dhaabbataatti jijjiiruu ture. Asirratti, diraamaa gaddisiisaa warraaqsa Itoophiyaa sammuu keenya keessa jiru duubatti deebinee haa ilaallu. Warraaqsi kun baabura warraaqtota harcaasaa gara fuulduraatti tarkaanfachaa ture ta’uusaa ni yaadanna. Akkuma seenaan ofirra mara jedhan sana, har’a dimokraasiin Itoophiyaa gara fuulduraatti tarkaanfachaa, dimookraatota garuu ofirraa harcaasaa jira. Tokkoffaa, jaarmiyaaleen siyaasaa sabaa fi sablammoota hedduun jireenya siyaasaa biyyattii keessatti akka hin hirmaanne dhorkamaniiru, Addi Bilisummaa Oromoo ADWUI waliin waldhabee mootummaa ce’umsaa keessaa ba’uuf dirqamee, achiis Gamtaan Kibbaa ba’uun…kkf. dhugaawwan diraamaa seenaa qoosaa walfakkaataa kana irra deddeebi’amuu agarsiisanidha.

    Dimookiraatummaan ADWUI inni lammaffaan kan ilaalame filannoo bara 1992 irratti ture. Filannoo kanarratti, taajjabdoota idil-addunyaa, ADWUIn ofumaa taphatas daanyaas ta’ee dhihaachuu isaatiifi, filannichis bilisaan kan adeemsifame akka hin taane gabaasa baasaniin addeessanii turan. Naannoo Affaari fi Soomaalee malee, ADWUIn ofumaan dorgomee bulchinsotaa ofii caaseffate. Bifa qoodinsa qircaa fakkaatuun, Tigray ABUTf, Oromiyaa DhDUOf, Amaara paartii Amaaraatiif, kibba ammo gareewwan kibbaatiif cicciree kenne. Tarsiimoo mootummaa hojiirra oolchaa kan jiru warraanni ADWUI, shoora seera tumuu kan fudhate manni maree, haqa eegsisuuf kan dhaabbate manni murtii hundi isaanii too’annoo ADWUI jalatti kufuun isaanii maqaa dimookraasiitiin sirni bittaa ADWUI biyyatti keessatti caaseffamuusaa kan mirkanneessu dha. Asitti diraamaan filannoo Afrikaa waggaa sadii duraa tokko kaasuun barbaada. Namni tokko filannoon ammaa filannoowwan darban waliin yoo walitti ilaala wanti adda isa godhu gaafatamee yoo deebisu, ‘filannoon ammaa kun ni wayyaa, sababuun amma yoo xinnaate dorgommiin kan godhame namaaf nama jidduutti malee raacha lama jidduutti miti’ jedhe. Kun seenaa filannoo keenyaa nuu yaadachiisa natti fakkaata.

    Seenaan filannoo keenyaa seenaa raacha Zaambiyaa irraa gadi natti hin fakkaatu. Dargii, HayileSillaasee fi kan ammaa yoo ilaalle guddinni diyaaleksii keenyas duubatti hafaa fakkaata. Mee waan hundi keenya beeknu haa ibsu. Filannoon sobaa mooticha Hayilasillaasee, akkan yaadadhutti, barattoonni poostara “na filadhaa” jedhu harree irra kaa’anii, gara araatkiilootti harree oofan, namoonni achiin darban immoo harree sana dhiibanii gara paarlaamaa mootichaatti galchan. Filannoo mooticha sobaan kan himate Darguun, miseensota hojii jaarmiyaatiin filates, fakkii arbaa qabachiisee dhiheesse. Ummanni hiyyeessa Itoophiyaas akka filatu gaafatame. Xumura diraamaa kanaa irratti, warri fakkii arbaan baatan sunniin ‘Gumii Biyyaalessaa’ godhatanii heera mootummaa labsuun, Mengistuu Haayilamaariyaam Pirezidaantii Rippabiliikaa gochuun gocha seena qabeessa raawwatan. Filannoo ADWUI keessattis warri mallattoo qawwee baatan moo’an. Tiyaatira heera mootummaa raggaasisuus waltajjii irratti agarsiisan.

    Adeemsa heera mootummaa tolchuu keessattis seenaa keenya darberraa barumsi arganna. Haala siyaasaa Yaa’ii Heera Mootummaa marsee jiru yommuu ilaallu, seenaan heera Itoophiyaa darbanii irra deddeebi’amee waan mul’atu fakkaata. Heera mootummaa Itoophiyaa keessatti hanga ammaatti mata dureewwan qoosaa irra deddeebi’anii mul’atan sadii. Isaanis:

    1. Heerri yeroo hunda kan barreeffamu injifattootaan ta’uu.
    2. Aangoo argame booda akka qabeenya dhuunfaa dhaabbataatti kunuunsuuf kan barreeffamu ta’uu, fi
    3. Akkaataa haala gabaa yeroo sanaatiin addunyaa alaaf dhiyeessuu dha.

    Akka ifa ta’uuf, jalqaba heera mootummaa Hayilasillaasee fi Darguu haa ilaallu. Heerri mootummaa Hayilasillaasee bara 1931 ummata isa jaallatuuf kenne jedhame adeemsa baayyee walxaxaa keessa darbee bahe; bara 1916 hanga 1930tti mootummaa Iyyaasuu kuffisuu irraa eegalee, erga hiriyyoota abbaa isaa aangoo irra turan tokko tokkoon buqqisee booda, dhuma irrattis Giiftitti Zawdituu isasf teessoo aangoo gidduutti hafte mala Machiavellian jedhamuun erga buqqisee booda injifannoo mirkanneeffate heera sana baafate. Qajeeltoowwan bu’uuraa heera isaa keessatti bulchiinsi abbaa irree isaa karaa addaatiin caaseffame ofii isaatiif qofaaf osoo hin taane ijoollee fi ilmaan ilmaan isaatiif bara baraan akka darbu gochuu, akkasumas Itiyoophiyaan akka biyya qaroomeettifii heera mootummaatiin bulfamtu ta’uu ishee addunyaatti agarsiisuu ture. Heerri mootummaa bara 1955 fooyya’e, Eertiraa akka federeeshinii Itoophiyaatti makamte keessummeessuuf dabalata tokko tokko godhuu irraa kan hafe, weerara Xaaliyaanii booda dammaqiinsa siyaasaa argameen sanuma cimsuuf kan yaadame ture.

    Sababa warraaqsa Itoophiyaa gara fuulduraatti tarkaanfatee, heerri mootichaa bara 1974 seenaadhaaf waan geenyeef, isa dhiifnee heera Darguu bara 1987 bahe yoo ilaalle, dhaadannoo muudama Waaqaa jedhu gara itti ‘gaafatamummaa seenaatti’ jijjiiruu malee kaayyoo biraa hin qabu ture. Bara 1974 irraa kaasee hanga walakkeessa bara 1980mootaatti jaallan isaa warraaqsa Itoophiyaa fidan keessaa waahellan isaa dabaleet warra ciccimoo ta’an ofbiraa fixee Mengistuu Haayilamaariyaam abbaa irree biyyattii falmii hin qabne ta’uun dhaaba siyaasaa kan inni Paartii Hojjetootaa jedhee waamu, bara 1984tti hundeessuun bara 1987 ammoo heera ofii baafate. Gama addunyaa alaatiin, akkuma Hayilasillaasee godhe Mangistuu Haayilamaariyaamis akka diyaaqoonii garee sooshaalistii ta’ee mul’achuuf jecha, Phaaphaasota sooshaalistii Awurooppaa Bahaa fi Gamtaa Sooviyeet keessa jiran gammachiisuuf waan danda’u godheera.

    Barreessitootni heera mootummaa kunniin akkas ta’uu baatanillee, hireen heera mootummootaa tokkuma ture. Akkuma hundi keenya beeknu heerri jalqabaa ijoollee mootichaaf akka darbu yaadamus, keewwatni ijoo heera sanii keessatti fudhatamummaan muudama Waaqayyoo fi dhiiga mootii irraa kan ka’e jaalatamummaan mootichaa kan hin tuqamnee ta’uu ibsus, mootichi teessoo isaa irraa harkifamee loltootuma isaatiin ajjeefame. Heerri Mangistuu Haayilamaariyaam bara 1987 bahees osoo waggaa shan illee hin guutin kosii seenaa keessatti darbatame.

    Heerri bara 1994 ragga’e heera kanaan duraa irraa haala adda ta’een akka hin taane beekuuf beekumsa saayinsii siyaasaa addaa kan barbaadu natti hin fakkaatu. Heerri garee ADWUItiin barreeffame kun ADWUI mootummaa ce’umsaa gara mootummaa dhaabbataatti jijjiiruuf akka ta’e amma ifoomeera. ADWUIn saboota Itoophiyaa 80 ol ta’aniif jaarmiyaalee tokko tokko uumeefii, diraamaa siyaasaa afaan adda addaatiin taphatamaa ture Itoophiyaan qajeeltoowwan dimokiraasii paartiilee danuutiin akka bultu addunyaatti agarsiisuuf akka ta’e shakkii hin qabu. Heerichi dandeettii gurmaa’insaa muda hin qabneen sagalee mormii lamaa fi kanneen sagalee hin kennine shaniin raggaasifameera. Wanti baay’ee nama dhibu barreeffamni mirga hiree murteeffannaa sabaaf sab-lammootaa, hanga foxoquu dabalatee, yeroo ragga’u, bakka bu’oonni lamaan ilaalcha finxaaleyyummaa calaqqisan jedhaman mormuun, marii guyyaa lamaa osoo hin taane, abaarsa fi arrabsoo guyyaa lama booda, namoonni finxaaleyyii lamaan akka ukkaamaman godhamee, galma paarlaamaa barameetti keessatti raggaasifame gara shubbisaatti adeemame. Xumurarrattis filannoo 1995tiin ADWUIn gara mootummaatti jijjiiramee dubbiinis “injifannoon” xumurame.

    Ce’umsa dimokiraasii keenya keessatti eessa geenyee fi garamitti akka deemnu gocha ADWUI madaaluun barbaachisaadha. Miiraan ala ta’anii madaallii siyaasaa akkasii uumuun rakkisaa ta’us, bu’uuraaleen siyaasaa bu’uuraa yaada miciree lama irratti akka naanna’an saayintistoonni siyaasaa hedduun walii galu. Isaan kun, Afaan Ingiliziitiin Political Liberalization fii Democratization Processes jedhamu.

    Safartuuleen Political Liberalization kanneen armaan gadiiti:

    1. Mootummaan akkuma sirna diinagdee sirna siyaasaas dorgommiif banuu,
    2. Lammiileen bilisaan sochii siyaasaa irratti akka bobba’an, caasaa ukkaamsaa mootummaa kaasuu,
    3. Taphoota siyaasaa irratti mootummaan olaantummaa qabu cabsuu.
    4. Yaadonni adda addaa hawaasa keessatti bilisaan akka faca’an hayyamuu,
    5. Dhiibbaa mootummaatiin ala gurmaa’uu fi socho’uu danda’uu dha.

    Kun ta’uu kan danda’u ammo mootummaan namoota dhuunfaa fi gareewwan kanaan dura dhorkaman maraaf mirga siiviilii fi siyaasaa daangaa tokko malee yoo kenne ta’uu hubachuun barbaachisaadha.

    Democratization garuu adeemsa bal’aa fi gadi fagoo caasaa siyaasaa haaraa dhugaa fi aadaa siyaasaa haaraa bu’uura ta’ee tajaajiluu fi kunuunsuu danda’u uumuu gaafatudha. Caasaaleen akkasitti uumaman haala dorgommii siyaasaa bilisaa, guddina sirna dimokiraasiitiif murteessaa ta’e uumuu qabu. Kana jechuun jijjiirama dimokiraasii milkaa’aa ta’eef yoo xiqqaate filannoon bilisaa fi haqa-qabeessa ta’e bira darbamuu hin danda’u. Qaamni haqaa walabaa fi qaamni seera tumu aangoo qaama raawwachiiftuu kan too’achuu danda’u qofa osoo hin taane, waraanni biyyaalessaa tapha paartilee siyaasaa irraa walaba ta’ee fi dantaa biyyoolessaa kabachiisus haalaan barbaachisaa dha.

    Safartuulee bu’uuraa ce’umsa dimokiraasii kanneenin yoo ilaalame, Itiyoophiyaan hanga ammaatti waan milkoofte hin fakkaatu. Gocha ADWUI waggoota shanan armaan olitti ibsame yommuu ilaallu, imalli dimokiraasii keenya sadarkaa bilisa ta’uu siyaasaatiin mirkanaa’uu dhabuu qofa osoo hin taane, bu’aa abdii nama kutachiisus akka argamsiise ifaadha. Keessattuu gaaffiin siyaasaa bu’uuraa seenaa siyaasa Itoophiyaa keessatti hanga ammaatti – aangoo filannoodhaan dabarsinu moo rasaasaan (ballot box or bullet)– jedhu deebii hin arganne.

    Gara qabxii itti aanutti osoo hin ce’iin dura waa’ee Political Liberalization qabxiilee tokko tokko hubachuun barbaachisaadha. Political Liberalization yeroo baay’ee kan uumamu sirni tokko haala kana booda akka duraanii itti fufuu hin dandeenye keessa galuu fi sirni haaraan tokko bahee of cimsuuf yeroo yaaludha. Kana jechuun tarkaanfii siyaasaa fedhii dhugaan jiru irraa kan madde osoo hin taane, aara galfachuuf jecha kan fudhatamuudha. Kana malees, yeroo baay’ee sirnichi guutummaatti akka diigamu ykn sirna cimaa fi abbaa irree akka hundeeffamu taasisa. Kanaaf imalli gara dimokiraasii karaa political liberalization taasifamu xurree baayyee dhiphoo kan qabu ta’uun isaa hubatamuu mala. Kana muxannoo Itoophiyaatiin yeroo hiiknu, ji’oota jahan dhumaa bulchiinsa mooticha Hayilasillaaseen; baroota jalqabaa sirna Darguu fi barri ammaa ADWUI guutummaatti jechuun ni danda’ama political liberalization calaqqisiisu. Haalli Hayilasillaasee fi Darguu ifa waan ta’eef bal’inaan itti deemuun barbaachisaa natti hin fakkaatu. Haa ta’u malee, akka seensaatti qabxiin itti dabalamuu qabu tokko jira. Miiraa fi dantaa yeroo bira dabarree siyaasa biyyattii qorannee dantaa waaraa hunda keenyaa wajjin walsimsiisuun yeroon isaa amma.

    1. Goolabbii (Conclusion)

    Kallattii Fuulduraa: Suuraa siyaasaa hanga ammaatti kaafne irratti hundaa’uun kallattii gara fuula duraa ibsuun waan rakkisaa natti hin fakkaatu.

    Hayyoonni tokko tokko seenaan suuraa socho’aa akka ta’e dubbatu. Seenaan dhuma jaarraa digdamaffaa fiilmii qoosaa dhaloonni dhufu dinqisiifannaa yookaan jibbaan ilaalu ta’uu baay’een keenya ni beekna. Fonqolcha mootummaa Garmaamee Niwaayfaan bara 1960 yaalan; fashalaa’uu yaalii fonqolcha sanaan booda reeffi Garmaamee aduu keessatti fannifamee, Hayilasillaaseen uffannaa ulfina isaa uffatee teessoo isaa irra taa’ee maanguddootaa fi bakka bu’oota ummata Itoophiyaa gocha Garmaamee fa’aa balaaleffatan yeroo simatu; Hayilasillaaseen urjiin ummata Afrikaaf guutummaa Itiyoophiyaa ta’ee biyyoota Afrikaa hedduu keessatti yoo guyyaan dhalootasaa ka umrii 80ffaan yoo kabajamu, waggaa muraasa booda ammoo, yeroo inni loltoota ofumaa guddiseen aangoorraa fonqolfamee ajjeefamuudhaan mana fincaanii jalatti awwaalamu; yeroo Mengistuu Haayilamaariyaam reeffa dargaggoota Itoophiyaa karaatti darbatee bineensa ittiin soore; gaafa harmee deessuun feeffa mucaa ishee irra dhaabbattee dhaadannoo warraaqsaa akka dhageessiftu dirqamtu; gaafa komunistoonni addunyaa Galma masaraa birrii miliyoonaan ijaarame keessatti wiiskii quufanii walitti facaasan; gaafa heerri mootummaa bara 1987 ragga’ee fi Mangistuun yoo Pirezidaantii Rippabiliika Haaraa Itoophiyaa ta’ee of filatu; gaafa Mengistuu Haayilamaariyaam, ijoollee Itoophiyaa qofa osoo hin taane hoggantoonni Afrikaa kan akka Kaundaa, “Biyya tokko, ummata tokko, hogganaa tokko” jedhee gurra isaatti hasaasu; gaafa dhiiga impaayeraalizimii dhangalaasuuf humna kan qabu Haayilamaariyaam Addabaabayii Warraaqsaatti ummata Finfinnee walitti qabee dhaadatu; yeroo muraasa booda, Mengistuu Haayilamaariyaam akka leencaa yuusaa ture sun haguma adurreellee gahuu dadhabee sagalee hantuutaallee osoo hin dhageessisin loltoota walakkaa miliyoonaa tokkoo ol ta’an dirreerratti facaasee baqatu; gaafa hiriyyoonni isaa akka Laggasaa Asfaawfaa jiran dhokatanii baduuf haarree oofaa osoo deemanuu qabaman; amma immoo ADWUIn injifatee waan barbaade raggaasisee bakka bu’oota ummata Itoophiyaa galmuma Shangoo sana keessatti innaa shubbisiisu…kkf hundi yoo walitti qabamee ilaalamu, warri fiilmii hojjetan hiika fiilmichaa osoo hin beekin illee fiilmiin seenaa kana caalu kan dhalootaaf darbu waan jiru natti hin fakkaatu.

    Mee qabxii kanaan haa xumurru. Mootummaan aangoorra jiruus ta’ee dhaabbileen siyaasaa biyyattii keessa socho’an seenaa keenya darberraa barachuun, ofiifis ta’ee ummata Itoophiyaa guutuuf qe’ee waloo fooyya’aa uumuun kan danda’amu ilaalcha fi fedhii siyaasaa rakkoo furuu qabaachuudhaan qofa ta’uu hubachuu qabu. Akka yaada biyyattiin rakkoo amma qabdu keessaa bahuudhaaf:

    1. Itiyoophiyaan biyya gootota hedduu qabdu taatus, aadaan gootota waraanaa daangaa malee faarsuu, biyyattiin hiyyummaadhaan addunyaa irratti sadarkaa lammaffaa akka qabattu taasisuun isaa yeroo maraa dagatamuu hin qabdu.
    2. Garaagarummaa siyaasaa rasaasaan hiikuun safartuu kamiinuu mallattoo duubatti hafummaati malee, mallattoo qaroominaa akka hin taane qaamoleen dhimmi ilaallatu marti hubachuu qabu.
    3. Paartileen siyaasaa, abbaan injifatu kamuu haa ta’uu, sagantaa isaanii haala duudhaa fi sirna dimokraasii waliin walsimuun ummata Itoophiyaaf dhiheessuudhaan, murtee ummataaf dhiisuu caalaa filannoon gaariin akka hin jirre beekuu qabu. Qaamni martuu muddamni gowwaa ariitii jechuu akka hin taane qalbeeffachu qabu.
    4. Aangoon Waaqayyorraa nutti kenname jedhanii kijibuunis ta’ee, dirqama seenaatiin nu harka seente jedhanii walsobuun yeroo dheeraa keessatti eenyuun iyyuu akka hin fayyadne seenaa keenya darbe irraa barachuun barbaachisaadha.
    5. Ofuma waliin qofa waldorgomanii moo’uun sirna dimokiraasiirratti qoosuu malee faayidaa takka akka hin qabne hundi keenya hubachuu qabna.
    6. Hundaa ol kana booda mariif falammiin jaamaa namni hundi dantaa ofii qofa dhaggeeffatee itti gammadu jiraachuu hin qabu. Asirratti humnoonni biyyattii jijjiiramaaf carraaqan marti jijjiirama hawwuu qofa osoo hin taane, tokkummaadhaan sochii dimokiraasii addunyaawaatti makamuun biyyattii jeequmsa siyaasaa amma keessa jirtu keessaa akka baaftan cimsee isiniif dhaama.

    Haala qabatamaa Itoophiyaa irraa kaanee yoo ilaallu, jaarmayaaleen siyaasaa biyyattii qabxiilee kanniin akkuma Jechoota Ajaja Kurnan Kitaaba Qulqulluu sana osoo hordofuu danda’anii, Mootummaa Waaqaayyoo illee nu dhaalchisuu yoo baatan, gara sirna bulchiinsa dimokiraatawaatti nu dabarsuu hin dadhabani.

     

    References

    1. Addis Hiwot. 1975, ‘Ethiopia: From Autocracy to Revolution’, Review of African Political Economy. Ocasional Publication No.1, London.
    2. Bahru Zewde. 1991. A History of Modern Ethiopia፣ 1855-1974 London, Athens and Addis፡ James Currey, Ohio University Press and Addis Ababa University Press.
    3. Bahru Zewude 1994 ‘The Intellectual and the State in Twentieth Century Ethiopia’. In Harold, H. Marcus (ed.) Pacers of the 12th International Conference of Ethiopian Studies.
    4. Balsvik, Randi, 1985.’, Haile Selassie’s Students: The Intellectual and Social Background to Revolution, 1952-1977, East Lansing.
    5. Bratton, Michael. 1993, ‘Political Liberalization in Africa in the 1990s: Advances and Setbacks’. MBU Working Papers on Political Reform in Africa, number 2. East Lansing, MI Michigan State Unversity.
    6. Huntington, Samuel. 1999. The Third Wave: Democratization in The Late Twentieth Century. Norman and London University of Oklandina Press.
    7. Kiflu Tadesse, 1995. The Generation. Independent Publishers, Silver Spring: MD.
    8. Lyons, Terrence. 1992. ‘The Transnational Democracy in Ethiopia: Observations on the Elections in Wellega’, The Broocking Institution.
    9. Merara Gudina. 1994፣ ‘The New Directions of Ethiopian Politics: Democratizing a Multi-Ethnic Society‘, in Harold Marcus, Op. cit.
    10. Nyong’o P. Anyang, (ed) 1987. Popular Struggles For Democracy in Arrica. London and New Jersey፡ Zed Books.
    11. Ottaway: Marina, 1995. ‘The Ethiopian Transition: Democratization or New Authoritariansn?‘, in North East African Studies, vo. 2, No. 3.
    12. Vestal, Theodores 1994፣ ‘Deficits of Democracy in the Transitional Government of Ethiopia Since 1991‘. In Harold Marcus (ed), op-Clt.

     

     

Show More

Related Articles

One Comment

  1. Qaamni amma biyyan bulcha jecha jiru kun keessatti of ilaale hin sirratu yoo ta’e bool’atti waan fiigu natti fakkaata! Profesor Galatooma! Umuri dheeradha!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

1 × four =

Back to top button
Copy link