Afan OromoNewsPolitics
Trending

OMN: Gaartuuleen Siyaasaa Oromoo Tokkoomuu qabu

Tokkummaa dhabuun gartuulee siyaasaa Oromoo diinni gamaa gamasii uummata Oromoo irratti akka roorrisu taasisuu kutaaleen hawaasaa garaagaraa naannoo Oromiyaa himan.

Tokkummaa dhabuun gartuulee siyaasaa Oromoo diinni gamaa gamasii uummata Oromoo irratti akka roorrisu taasisuu kutaaleen hawaasaa garaagaraa naannoo Oromiyaa himan.

Kutaaleen hawaasaa yaada isaanii OMN’f kennan, sabni guddaan kun waldhabdee fi waldiddaa gartuulee siyaasaa Oromootiin aarsaa guddaa kafalaa jira jedhan.

Sabni guddaan kun humna siyaasaa tokkoome otoo qabaate daangaan isaa sarbamuu, qe’een isaa manca’uu miti humni oljedheetu ilaalu hin turre jedhan.

Waan qe’ee Oromoo keessatti deemaa jiru ilaalanii humnoonni garaagaraa itti bobba’anii qe’ee Oromoo mancaasaa akka jiran eeranii, aggaammiin saba kanatti aggaamamee jiru aggaammii naannawaa daangaa qofaa akka hin taane himaniiti jiru.

Gamaa gamasii duulli jiru akeeka uummata Oromoo cabsuu akka qabu namuu hubachuu qabaa jedhan warri yaada kennan.

Balaa kan ammaa caalutu uummata kanatti asadeemaa jiraa kan jedhan namoonni yaada kennan, kan balaa as adeemaa jiruuf balbala banaa jiru gartiileen siyaasaa Oromoo ilaa fi ilaameedhaan rakkoo isaanii furachuu dhabuu akka ta’e dubbatan.

Mootummaan nuti ilmaan Abbaa Gadaati ofiin jedhu gartuulee siyaasaa Oromoo ofirraa qabuu caalaa ofitti qabee gaaddisa tokko jalatti waliin taa’ee maryachuu akka qabu eeranii, rakkoo isaa fi gartuulee siyaasaa Oromoo biroo gidduu jiru furuuf mootummaan itti gaafatamummaa guddaa fi gahee leencaa akka qabu himan.

Aangoo ofii tikfachuuf qofa hunda ofirraa faccisuun balaa guddaa mootummaa irrattis ta’ee uummata irratti fidaa jedhan.

Kanaafis aggaammiin humnoonni garaagaraa gama Kaabaa gamtaa tolfatanii gochaa jiran agarsiiftuu akka ta’e himaniiru.

Gartuuleen siyaasaa Oromoo mootummaa mormanis rakkoo mooraa siyaasaa Oromoo mudate furuuf gahee gama isaanii kutannoon akka bahuu qaban warri yaada kennan dubbatan.

Gamtaa humnoota kaabaa waliin tolfachuu caalaa rakkoo mooraa siyaasaa Oromoo keessa jiru furuutu uummata Oromoof furmaata waaraa fidaa jedhan.

Humnoonni kaabaa bilisummaan uummata Oromootiif fiduuf deeman hin jiru kan jedhan warri yaada kennan, akeeka qabsoo warra kanaa waggoota 150 sirna moofaa durii fi waggaa 27 sirna olaantummaa Adda Bilisummaa Uummata Tigraay arginee jirra jedhan.

Humnoonni kaabaa akeeka qe’ee Oromoo irratti olaantummaa gonfatanii, qabeenya Oromoo saamaa, uummata Oromoo cunqursuu qabatanii akka socho’anis namuu waan beeku akka ta’e dubbataniiru.

Show More

Related Articles

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

four + 9 =

Back to top button
Copy link