Afan OromoCultureNewsSocial
Trending

Yaa'ii Gadaa Sikkoo-Mandoo

Yaa'iin Gadaa Sikkoo-Mandoo Dhaddacha Guutaatti adeemsifamaa jira.

Yaa’iin Gadaa Sikkoo-Mandoo har’a irraa jalqabee Dhaddacha Guutaa Laangannootti gaggeeffamaa jira.

 Kora Gadaa Sikkoo-Mandoo Adoolessa 5 hanga 6 bara 2017 Godina Arsii Lixaa Aanaa Nageellee Arsii, Hara Laangaanootti adeemsifamu kana irratti murtiiwwan garagaraa ni  lallabamu jedhamee eeggama.

Hawaasni Sikkoo-Mandoo murtiiwwan kora kanaan darban waraabbachuun hojii irra akka oolchuu Abbootiin Gadaa Sikkoo Mandoo ibsani jiru.

Abbaan Gadaa Sikkoo Mandoo Obbo Aliyyii Muhammad Suruur yaa’iin Sikkoo Mandoo gaggeeffamu kun aadaafi duudhaa Oromoo jabeessuu, kunuunsuun dhaloota gara dhalootatti akka darbuuf kan gargaaru fi barmaatilee miidhaa geessan kanneen Sikkoo Mandoo keessatti mul’atan irratti murtii garagaraa dabarsuuf kan oolu ta’uu eeraniiru.

Dabalataanis yaa’ii gaggeeffamu kanaan Oromummaa jabeessuu, walbeekumsifi walhubannaan cimaan Oromoo Sikkoo Mandoo giddutti akka cimu taasisuun safuufi duudhaan sabichaa akka hin cabne kan ittiin taasifamuufi tokkummaafi waldhageettiin kan itti cimu ta’us ibsaniiru.

Yaa’iin Sikkoo-Mandoo aadaafi duudhaa saba Oromoo akka hin cabne eeguufi itti fufsiisuu keessatti gahe guddaa qaba jedhame jira.

Dhaddachi Guutaa kan yaa’iin Sikkoo Mandoo jalatti adeemsifamaa jiru, Dhaddachoota Sikkoo Mandoo 20n Baalee fi Arsitti argaman keessa isa tokko.

Wiirtuun Sirna Gadaa Oromoo Arsii Odaa Roobaa yoo ta’u, Odaan Roobaa Dhaddachoota Murtii 20 of jalaa kan qabuudha.

Dhaddachoota murtii kana Oromoon Arsii Sikkoo-Mandoo akka Wiirtuu Galma Qaalluutti fudhachuun dhaqanii Qumbii fudhatanii eebbifamanii kan galan Abbayoo Dalloo kan jedhamu Godina Baaleetti argama.

Dhaddachaalee Wiirtuu Sirna Gadaa kan Odaa Roobaa jalatti waamaman 20n keessaa 9 Godinaalee Arsii lamaanii keessatti kan argamu yoo ta’u, kana keessaa tokko kan akka wiirtuu Sirna Gadaa Oromoo Arsiitti tajaajilaa ture Dhaddacha Kixibee kan naannawa Doddotaatti argamu ta’uu Waajjirri Aadaa fi Turuziimii  Oromiyaa ibse.

Kana malees Dhaddachi Aanolee akka Wiirtuu Sirna Gadaa tokkotti fudhatama jedhama. Dhaddachaaleen Murtii 11 kan argaman Godina Baalee keessatti akka ta’e hayyoonni seenaa beekan ni ibsu.

Odaan Roobaa Odaalee angafoota wiirtuu Sirna Gadaa Oromoo keessaa isa tokkoofi Odaa Murtii jedhamuun beekama. 

Odaa Roobaa kan angafa isa taasise keessaa inni ijoon, haaroomsi Sirna Gadaa Oromoo Madda Walaabuutti erga godhameen booda yeroo jalqabaaf Sirna Gadaa kan itti adeemsifameefi Murtiileen ciccimoon Ummanni Oromoo hanga ammaa ittiin bulaa jiru waan itti lallabamee fi gadaan Oromoo isa jalatti itituu isaatiini.

Odaan Roobaa hanga Ummanni Oromoo sababa bal’ina lafaafi baayyinna namaatirraa kan ka’e Sirni Gadaa isaanii wiirtuu Odaalee godhachuun hin raawwataminitti wiirtuu Sirna Gadaa Oromoo hundaa ta’uun waggaa sadeetin bakka maraa achitti wal gahuun Abbootiin Gadaa Baallii (Aangoo) wal harkaa fuudhanii Heeraafi Seera ittiin wal bulchan waraabbachuun gara naannawa isaanitti akka deebi’aa turan seenaan ni ibsa.

Naannawa Odaa Roobaa Ardaalee Jilaa bebbeekamoo Sirna Gadaatiin walqabatan baay’een kan jiran yoo ta’u, isaan keessaa muraasni Ardaa Tarree, Malkaa Safaraa, Biyyoo Burraaqsaa, Gorsaa, Siree, Dabballee, Milqaa, Roobaa Dhudha’aa fi kanneen biroo akka ta’an Waajjirri Aadaa fi Turiiziimii Oromiyaa ibsee jira.

 

Show More

Related Articles

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

19 − fourteen =

Back to top button
Copy link