Afan OromoCultureEditor's PicksNewsSocial

Gadaan Sikkoo-Mandoo Murtiiwwan garagaraa lallabe.

Yaa'a Gadaa Arsii Dhaddacha Guutaa

Gadaan Sikkoo-Mandoo Murtiiwwan garagaraa lallabe.

Sirni Yaa’aa fi wal argaa Gadaa Arsii (Sikkoo Mandoo) guyyoota lamaaf  Godina Arsii Lixaa Aanaa Nageellee Arsii, Hara Laangaanoo, Dhaddacha Gutaa irratti gaggeeffamaa ture murtiiwwan garagaraa lallabuun goolabame.

Yaa’iin Gadaa Sikkoo Mandoo, Dhaddacha Guutaa, Hara Laangaanootti geggeeffameen seeronni gurguddoon saafuufi duudhaa ganamaatti dhaloota qajeelchu lallabamee jira.

Gabaasota walqabatan;

Yaa’ii Gadaa Sikkoo-Mandoo

Haaluma kanaan;

  1. Murtii Dhaddacha deebisuu; Dhaddacha Odaa Roobaa jala jiran 20n hojii eegaluu akka qaban, dhaddachi hunduu wal qixa akka ta’eefi baalliin bakkatti deebi’ee darbuu akka qabu lallabameera.
  2. Murtii Fuudhaa fi heerumaa; Fuudhaa fi Heeruma keessatti gabbarri hafuu akka qabu lallabameera.

3. Murtii Godaansa seeraan alaa;  shamarran karaa seeraan alaa faddaalaan gowwomfamanii biyyaa bahaa jiru waan ta’eef yoo lubbuun darbe faddaalaan murtii kanaan kan itti gaafatamu ta’uun lallabameera.

4. Safuufi safeeffannaa; ragaa sobaa wal irratti bahuun baay’achaa waan jiruuf hafuu akka qabu, aadaa fi duudhaa ganamaatti deebi’amuu akka qabu akkasumas jaalli akka malee akka hafuu qabu lallabamee jira.

5. Nageenya; nagaan boorahuu hafee hunduu nagaaf dursa kennu akka qabuuf hunduu waamicha nagaa abbootii gadaa fi hawwan siinqee dhagahee gara nagaatti dhufuu akka qabu lallabamee jira.

6. Qabeenya uumamaa;  biqiltuun dhaabamuufi kunuunsuu akka qabu lallabamuun yaa’ichi xumuramee jira.

Abbaan Gadaa Arsii (Sikkoo-Mandoo) Aliyyii Mohaammad Suruur Arsiin duudhaa isaa Ganamaatti akka deebi’u, ilmi haadhaa fi abbaaf akka ergamu, gabbarri garmalee akka dhaabbatu, kadhachuun akka hafuu fi nama rakkate gosti akka gargaartu, saamichi Arsii keessaa akka badu, biyyaa baqachuun akka hafu jechuun yaa’a kana irratti dhaamani jiru.

‎Calaqqee Sirna dimookraasii fi guddummaa ummata Oromoo keessaa tokko kan ta’e sirni Gadaa baroota dheeraadhaaf sirnoota cunqursitootaan dhiibbaa irratti godhamaa tureen laaffatus qabsoo ummatichaatiin deebi’ee lalisaa jira.

Show More

Related Articles

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

sixteen − 8 =

Back to top button
Copy link