UncategorizedAfan OromoNewsPolitics

OMN: Seer-dhabdummaa Itoophiyaa keessatti hammatee.

Saamichaaf nama ukkaamsuu

Itoophiyaa keessatti kufaatiin olaantummaa seeraa fi dhabamuun wabii nageenyaa, gochoota seer-dhabdummaa biyyatti keessatti babal’isuun lammiilee biyyatti gatii kafalchiisaa jiraachuu ragaaleen mul’isan.

Waraana waliinii Itoophiyaan adeemsisaa turtee fi jirtutti fayyadamuun gareewwan hidhatan, hidhannoo argatanitti fayyadamani saamicha, uggura namaa fi baala sammuu namaa hadoochuu biyyatti keessa sochaasaa jiraachuu isaanii maddeen OMN himani jiru.

Hidhannootti dhimma bahuun mallaqaaf jecha nama ugguruun, halkan da’oo godhatani saamicha raawwachuu fi dubartoota dirqiin gudeeduun, Suuqiiwwan cabsuun qabeenya saamuun, horii ofachuu fi qalatani nyaatuun Oromiyaa, Amaaraa fi Tigraay keessatti bal’innaan raawwatamaa jira.

Addatti naannoo guddicha biyyatti Oromiyaa keessatti godinaaleen walwaraansi Waraanni Bilisummaa Oromoo fi mootummaa Itoopiyaa keessatti adeemsifamuu fi godinaalee naannoo Amaaraatiin wal daangeessan keessatti mallaqaaf jecha nama ugguruu fi lubbuu namaa balleessuu bal’innaa raawwatamaa jira.

Qaamonni gocha kana raawwatan humna Finxaaleessaa Amaaraa Faannoo fi gareewwan Oromiyaa keessatti saamichaaf wal ijaaranii bobba’an ta’uu ragaaleen OMN argate ni mul’isa.

Maddi saamichaa fi ukkaamsa lammiilee nagayaa kun dhabamuu olaantummaa seeraa, qaamoleen nageenya wabii nageenya biyyatti ta’uu dhiisuun sirna aangoo irra jiru tiiksuu, hidhannoo seer-maleessaa, waraana waliinii fi kufaatii caasaa nageenya biyyattiiti jedhu xiinxaltoonni. 

Waraanni kutaalee biyyatti garagaraa keessatti adeemsifamaa jiru ammoo saamtotaaf haala mijeessuu isaa kutaaleen hawaasaa gargaraa himaa jiru.

Gochi maallaqaaf jecha nama nagaa ukkaamsuu kun dhimma yakkaa qofa osoo hin taane, taatee kufaatii sirnaa kan calaqqisiisu fi qaamoleen seera kabachiisan rakkoo seer-dhabdummaa jiru furuu fi da’oo nageenyaa lammiilee ta’uuf fedhii kan hin qabne ta’uu agarsiisaa jedhu.

Lammiileen biyyatti miliyoona 120tti tilmaamaaman gochoota seer-dhabdummaa biyyatti keessatti babal’ataa dhufeen yaadda’uun bakka bakkatti socha’uuf danqamani jiru.

Wabiin nageenyaa fi olaantummaan seeraa lammiilee hundaaf da’oo ta’u dhabamuun yaaddoo olaanaa lammiilee biyyatti ta’ee jira.

Kun ammoo kufaatii sirna tika nageenyaa sadarkaa federaalaa fi naannoo gama nageenya lammiilee tiksuu irratti mudate kan agarsiisuudha.

Mootummaan Biltsiginnaa, Poolisii fi Raayyaa Ittisa Biyyaa dabalatee dameelee tika nageenyaa haaromsuufi ammayyeessuuf sochii taasisus, seer-dhabdummaa biyyatti keessatti babal’ate kana ittisuu hin dandeenye jedhu xiinxaltoonni.

Gabaasonni mallaqaaf jecha nama ukkaamsuu fi ajjeesuu hedduun bahanis mootummaan Itoophiyaa olaantummaa seeraa fi itti gaafatamummaa mirkaneessuuf yakkamtoota barbaadee yeroo seeratti dhiyeessuu hin mul’anne. 

Kana gochuu dhabuun mootummaa qaamoonni yakka kana irratti bobba’an akka baay’atani fi biyyatti guutuu wal gahu taasisee jira.

Yeroo ammaa rakkoon kun hanga daldaala namaatti diriiruun biyyoota ollaas dhaqqabee raawwatamaa kan jiru yoo ta’u, gandota caasaan mootummaa jiru hunda keessatti mallaqaaf jecha nama butuu fi hidhannootti fayyadamuun saamicha raawwachuun raawwatamaa jira.

Walwaraansi kutaalee biyyatti keessatti adeemsifamaa jiru rakkoo kana babal’isuu keessatti shora isaa qabaatus caasaan tikaa fi siyaasaa mootummaa Biltsiginnaa dhimmichaaf xiyyeefannoo kennuu dhabuun haalicha daran hammeessee jira jedhamuun dubbatama.

Itoophiyaan rakkoo kana furuuf tarkaanfii hatattamaa, hunda galeessaafi kallattii maraa barbaaddi kan jedhan xiinxaltoonni, jalqaba irratti qaamoleen seera kabachiisan sadarkaa federaalaas ta’e naannootti argaman namoonni yakka walxaxaa raawwatan jiraachuu hubachuun, akka rakkoo biyyaalessaatti ilaaluun tika nageenyaa cimsuu qabu. 

Gareen farra butii gahumsa qabu ijaaramuu qaba. Kana malees, bu’uurri seeraa gama kanaan ilaallatu cimu qaba. 

Lammaffaarratti, biyyattiin imaammata yakka kana dursanii ittisu irratti xiyyeeffachuu qabdi. Teekinoolojii ammayyaafi odeeffannoo yakka kana tilmaamuu, ittisuufi deebii laachuudhaaf hojiirra ooluu qabu. 

Kana malees, tumsi waloo dhaabbilee idil addunyaa waliin taasifamu gocha butuu daangaa ce’ee to’achuuf ni fayyada jedhu. 

Rakkoolee yakka kanaaf sababa ta’an kan akka hiyyummaa, hojii dhabdummaa, akkasuma rakkoo nageenyaa biyyattii mariiidhaan furuun barbaachisaa ta’uun isaa eerame jira.

Show More

Related Articles

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

thirteen + twelve =

Back to top button
Copy link