Afan OromoNewsNews AnalysisPolitics
Trending

OMN: Dhumaatiin Ummata Wallaggaa Qumaara Siyaasaati.

Haleellaa Faannoon Godinaalee Wallagga bahaa fi Horroo Guduruu Wallaggaa keessatti raawwatu

Uummata godinaalee Wallagga Bahaa fi Horroo Guduruu Wallaggaa irraa haleellaan finxaaleyyii Faannoo akka hin qolamne kan taasise daba siyaasaati jedhan taajjabdoonni.

Qumaara siyaasatu lubbuu uummataan taphatamaa jira jedhu.

Humni finxaalessa Faannoo Wallaggatti bobba’ee jiru “Izzii Bizaamoo” jedhee ofwaamu hidhatni inni gartuulee siyaasaa garaagaraa waliin qabu walxaxaa akka ta’e himu.

Humni kun gariin isaa milishoota qubattoota keessaa mootummaan waltaanee WBO waraanna jedhee kanaan dura ijaaree fi ergasii warra naannawaadhuma sanaa itti makaman akka ta’e keessa beektonni himu.

Gariin immoo naannoo Amaaraatii Faannoo naannoo Amaaraa jiru irraa ergama fudhatanii dhufanii warra dursanii turanitti makaman jedhu.

Humni gamaa gamasii kun walitti dhufee “Izzii Bizaamoo” jedhamee maqaa moggaafate.

Humni finxaalessi kun dantaa lama qabaa jedhu keessa beektonni. 

Inni tokko aanaalee godina Horroo Guduruu Wallaggaa fi Wallagga Bahaa naannawaa sulula Angar fi Sulula Mormor jiran irraa uummata Oromoo buqqaasanii godina addaa tolfachuu wayita ta’u, inni kan biraa immoo kaayyoo Faannoon naannoo Amaaraa mootummaa fonqolchuuf qabate milkeessu dha jedhu.

Humni kun kaayyoowwan kana qabatee qaamota garaagaraa waliin hidhata walxaxaa tolfatee akka socho’u himan.

Dubbiin isaa walxaxaa ta’uu keessa beektonni himu. Gartuuleen siyaasaa garaagaraa kan kaayyoo walfakkaataa hin qabne dhimma ta’eef jecha dhimma walitti bahuutu jiraa jedhu.

Mootummaan humna finxaalessa Faannoo godinaalee Wallaggaa hunkuraa jiru kana guutuutti balleessuuf fedha hin qabu jedhu.

Maaliif jennaan 1ffaa kanaan  dura jara waliin ta’ee WBO irratti duuluuf fayyadamuu himu.

2ffaa irratti immoo yeroo ammaa kana humna kanaan uummata dorsisee ofcina hiriirsuu fedha, keessattuu yeroo humnoonni finxaaleyyiin naannoo Amaaraa garaagaraa gamtaa humnoota Tigraay fi mootummaa Eertiraa “Tsimdoo” jedhamu waliin hiriiruuf socho’an kana humni kun yoo aangoo qabate badii isin irraan gaha jedhee sodaachisuuf humni kun gochaa gara hammeenyaa uummata irratti wayita raawwatu callisee ilaalaa jedhu.

3ffaan immoo gartuun siyaasaa Oromoo tokko jara kana waliin hiriiree teessoo isaa akka hin tuqne taasisuuf gochaa gara jabeenyaa garee humna finxaalessaa kanaa hawaasatti agarsiisee gartuu siyaasaa jara waliin hiriire uummanni akka hadheeffatee jibbu gochuuf kan kaayyeffatee dha jedhu.

Gamtaan humnoota Tigraay fi mootummaa Eertiraa “Tsimdoo” jedhamu immoo kan gidduu kana mootummaan Itoophiyaa nu waraanuu danda’a jedhee sodaate humnoota finxaaleyyii naannoo Amaaraa fayyadamee xiyyeeffannaa mootummaa federaalaa bittimsuuf yaalaa jiraachuutu ibsame.

Tibbana mootummaan federaalaa loltoota isaa gara daangaa naannoo Tigraayitti sochoosuu hordofee bakkoota humnoonni mootummaa federaalaa gadhiisanitti Faannoon battala duula jalqabe.

Kibba Gondarii waraanni mootummaa federaalaa bahuu hordofee Faannoon duula magaalota to’achuu banuun waan yaadatamuu jedhu.

Kibba Gondaritti aansee iddoon humni finxaalessa Faannoo duula itti bane godinaalee Wallagga Bahaa fi Horroo Guduruu Wallaggaatii jedhu taajjabdoonni.

Haleellaa amma Wallaggatti humni finxaalessaa Faannoo raawwataa jiru duuba harkii dhokataan biraa jiraachuu agarsiisaa jedhu.

Haleellaa kana mootummaanis ta’ee warri “Tsimdoo” jedhu akkasumas “Tsimdoo” jalatti michuu quxusuu kan ta’e Faannoon akeeka siyaasa mataa isaaniitiif fayyadamaa jiru jedhu xinxaaltonni.

Lubbuu uummata Oromootiin qumaarri gamaa gamanaa taphatamaa akka jiru hubachiisu.

Dhimmi biraa gaaffii ta’e mootummaadhaan ala akkamiin qaamoleen siyaasaa Oromoo biroo uummata kanaaf birmachuu dadhabanii kan jedhuu dha. Bakki badiin amma humna finxaalessa Faannootiin uummata Oromoo irra gahaa jiru godinaalee Wallaggaa ta’uus eeru.

Gochaan suukkaneessaan hanga kana gahu raawwatamee qaamni birmatee uummata irra qoluuf yaale dhabamuun, kan biraa haa hafuu ibsa balaaleffannaatuu gartuuleen siyaasaa Oromoo baasuu dadhabuun  komii cima kaasisaa jira.

Dantaa siyaasaaf jecha warra itti hirmaatee fi dantaa siyaasaaf jecha warra sagalee dhokfate gidduu garaagarummaan jiru yakka raawwachuu fi yeroo yakki raawwatamu arganii dirqama ofii bahuu dhabuun walfakkaataa jedhu.

Lameenuu gaafatamummaa seenaa jalaa nama kan hin baafne ta’uu ibsan.

Show More

Related Articles

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

twenty − fourteen =

Back to top button
Copy link