Afan OromoNewsOpinion
Trending

Hayyoonni Itoophiyaa burjaajjii keessa jiru jedha xiinxalli Oromia Today

Qoqqoodamiinsa Hayyoota Itoophiyaa

Hayyootni Itoophiyaa burjaajjii keessa jiru jedha xiinxalli Oromia Today.  Hayyoota kanneen gidduu qoqqoodamiinsa, walshakkiitu jira. Fudhatamummaan isaaniis hoonga’eera jedha.

Hayyoonni biyyattii bu’uura (constituency) isaaniirraa citanii jiru jedha Xiinxalli kun. 

 Waamichi nagaa yoomillee waan eebbifamaa dha kan jedhu xiinxalli, kun  jalqaba ji’a Waxabajjiiti “Hiriira mormii Youtube” gubbaatti waamamee fi hayyoota hedduu hirmaachise irraa abdiin akka hin qabne ibsuun eegala. 

Hayyootni biyyattii yaada wal faallessan  lama oofu:

1ffaa Hundee rakkoo fi xaxaa dhibdee Itoophiyaa fi  hiika  garaagaraa “nagaaf” sabaa fi sablammoonni biyyattii kennan.

2ffaa Kuun olaantummaa humna waraanaaf yoo qophaawu, kuun waayee waldhaansoo karaa nagaayaa faarsa -qindoominni hin jiru, hamileen kufeera. Nuffiitti waan oofutu mul’ata jedhe xinxaalli kun.

Gaaga’amni hayyootaa Itoophiyaa ammaa  kun  fooyamuu fi shakkamuudhaan ibsama. Hayyoonni biyyattii tikfattoota – bu’uura (constituency) hin qabne fakkaatu. Warra bu’uura ofiirraa cite.  Bu’uura ofiirraa adda citanii alagoomuun akkanaa kun hayyoota Itoophiyaa dhaloota hedduu waan fudhatamaa fi dhangeettii dhabsiisaa  dhufe dha.

Itoophiyaatti barootni 1960 hanga 1980mootaa hayyoota biyyattiif  hiree biyyattii akka   tolchanii fi  hundee daba biyyattii keessaaf fala akka  kaayan carraa  seena-qabeessa uumeefii ture. Taateewwan 1974 fi 1991’s akkanuma hireen biyya ceesisuu uumamanii darban. Garuu ni maseenan.

Har’a modeelli hayyummaa aadaa ijaarsa biyyaa sun diigameera. Har’a qaamolee hedduudhaan ( actors) bakka bu’eera. Lammiilee miliyoonota abjuu garaagaraa qaban, qaamolee meeshaalee ammayyaa fi meeshaa qunnamtii saffisaa  hidhatantu uumame.   Haalonni kun olaantummaa kaleessa hayyoonni odeeffannoo fi dhageettiirratti qaban jijjiiree jira jedhe. 

Hayyoonni yeroo waliin hin deemne. Hiree uumameen biyya gara waliigaltee biyyaalessaatti hin fidne. Haalotni kunneen mul’ata biyyaa  bittinnaaye uume. Haalli kun kan Prof. Mararaa Guddinaa “Abjuu walitti hin araaramne”  jedhanii ibsanii dha. 

Gaaga’ama kana gidduutti seenessawwan lamatu deemaa jira. 1ffaa  seenessa  olaantummaa garee tokkoo seenaa siyaasa biyyattii keessa ture kan haaluu fi seenaa san itti fufsiisuuf abjootudha. Kan lammataa seenessa haala kaleessaa daba irratti ijaarame jijjiiruu fi wal qixxummaa uumuu jedha xinxaalichi. 

Qoqqoodamiinsi hayyootaa kun sadarkaa garaagaraatti mul’ata. Qoqqoodamiinsni  duraa hayyootuma saba tokkoo mataa isaanii gidduu jira.  Siyaasi har’a mul’atu  bibbiqiluu murnootaanis ifa. Murnummaan kun warra  hidhatanii fi warra qabsoo karaa nagaa keessattis ni jira.  Wanni sirriitti ifee beekamu hayyuun tokko kan Itoophiyaa mitii garee keessaa bahe keessattiu guutuutti dhageettii qabu hin jiru. 

Jaarmiyaa keessattis naannodhaa naannotti dhaabota siyaasaa keessatti, garee hidhate keessatti qoodaminsi jiru wal fakkaata. Naannoo Oromiyaatti, Amaaraatti,  Tigraayitti faffacaatii walfakkaataatu  jira jedhe. 

Hayyoonni akkamiin, barbaachisummaa isaanii deebisanii dhuunfachuu danda’u? Maalirraa eegaluu qabu? 

Hayyoonni Itoophiyaa marii biyyaalessaa qopheessuu dura bu’uura isaaniirratti hojjechuu qabu. Amanamummaa hawaasa keessaa bahaniif qaban mirkaneessuu qabu jedhan xinxaalli kun. 

Karaan amansiisaan furmaatatti geessu: 

1ffaa Waliigalteen dhaabota karaa nagaa fi hidhannoon  saba tokkoof  qabsaawan  jidduutti uumamuu qaba.Tarsiimoo siyaasaa waloo keesssoo qopheeffachuu. 

2ffaa Boqonnaan waliigaltee hayyoota  saba tokkoo keessatti uumamee booda hayyoonni saboota  (naannolee biyyattii) walitti dhufuu qabu.   Garaagartee ayidiyoolojii siyaasaa isaanii walitti araarsuu qabu. 

Itoophiyaa fi Ertiraan wal himatan

Waldorgommiin meeshaa waraanaa niwukilarii addunyaa garam geessa?

Itoophiyaatti sarbamiinsi mirga namomaa bal'aan raawwataamaa jira OSG

As keessatti karaan qaxxaamuraa (gatanii darbuu) cufamuu qaba.  Carraaqqii (xaarii) qofaan siyaasni dalagamuu qaba.. 

Kanaan ala, korri nagaa fafakkeessaa, dhaadannoon tokkummaa tokkummaa jedhu, tiyaatirri siyaasaa caaseffama qabatamaa lafaraa hin qabne hin milkaawu.  Caaalatti garaagarummaa bal’isaa deema.

Itoophiyaan gara hin malletti deemaa jirti. Hayyoonni abjuu dhiisanii  hojii qabatamaatti seenuu qabu. Rakkoo siyaasaa Itoophiyaa furuuf, waliigaltee fi hoggansa mul’ata barbaachisa jedha Xiinxalli Oromiatoday.

https://oromia.today/ethiopias-elites-crisis/?cn-reloaded=1

Show More

Related Articles

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

eleven + 3 =

Back to top button
Copy link