PoliticsAfan OromoNewsNews Analysis

OMN: Paartiilee Sabaan qabsaa'an balleessuun Mirga sabootaa haquudha.

Eenyummaa haaraa Biltsiginnaan ijaaraa jiru

Seerri filannoo paartileen siyaasaa eenyummaa sabaa irratti hundaa’uun akka hin hundeeffamne jechuun gaaffiin irratti dhihaate gaafficha fudhatama dhabsiisuun raggaasifame.

Warri mirga saboonnii fi sablammoonni gonfatan morman halkanii guyyaa waan maqaa sabootaa fi sablammootaan jiru dhabamsiisuuf sochii erga jalqabanii waggootiin lakkaa’amanii jiru.

Warri kun waanti tokkollee maqaa sabaan moggaafamuu hin qabuu jedhu. 

Mirga sabootaa fi sablammootaa kan mirga garee jedhamu cichanii mormu.

Mirgi lammiileef kennamu mirga nama dhuunfaaf kennamu qofaa kan mirga Qeenxee jedhamuun beekkamu ta’uu qaba jechuun leellisu.

Heerri mootummaa Itoophiyaa immoo saboonnii fi sablammoonni biyyattii mirga eenyummaa isaanii barootaaf mulqaman deebisanii akka gonfatan akeeka godhachuun mirgoota garee fi dhuunfaatiif beekkamtii kennee leellisa.

Bu’uruma kanaan dhaabbileen fakkoommii sabootaa fi sablammootaa qaban hundeeffamaa jajjabaataas turan

Isaan kana keessa mirgi saboonnii fi sablammoonni akka sabaa fi sablammiitti dhaaba siyaasaa gurmeeffachuun isa tokko.

Mirga kana mulquufi saboonnii fi sablammoonni akka sabaa fi sablammiitti paartii siyaasaa akka hin hundeeffanne jechuun seera filannoo paarlaamaaf dhihaate irratti qaamoleen tokko tokko gaaffii kan dhiheessan.

Gaaffiin kun fudhatama akka dhabeedha odeeffannoon mana marichaa irraa bahe kan mul’ise.

Mirgi gurmaa’uu heera mootummaatiin kan mirkanaa’ee fi mirgi saboota fi sablammootaaf kenname ni jira, kanaaf fooyya’iinsi dhimma kanaa miidhaa kan geessisu fi biyyattiitti rakkoo biraa kan fidu jedhamuun gaaffichi fudhatama dhabuun ibsameera.

Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa walgahii ariifachiisaa lammaffaa kaleessa Kamisa Adoolessa 10, 2017 gaggeesse irratti Labsiin Fooyya’iinsa Filannoo, Galmee Paartii Siyaasaa fi Naamusa Filannoo wayita dhihaatu dhaabonni siyaasaa eenyummaa sabaa irratti hundaa’an akka haqaman warri kun kan gaafataman.

Dura taa’aan koree dhaabbii dhimma dimokiraasii mana marichaa obbo Iwunatuu Allanaa paartiileen siyaasaa maqaa sabootaa fi sablammootaan gurmaa’uu dhorkuun biyyattii irratti balaa biraa akka fidu hubachiisaniiru.

Garuu ammas taanaan mirgi sabootaa fi sablammootaa kun balaa keessa akka jiru wantoonni akeekan jiru.

Dura taa’ichi ammatti ta’uu baatus hojiin Komishinii Marii Biyyaalessaa erga xumuramee booda fi fooyya’iinsi heeraa yoo ta’e haalichi deebisee akka ilaalamu miseensota mana marichaatti himan.

Kanaanis fooyya’iinsa heera biyyattii booda paartiileen maqaa sabootaa fi sablammootaan hundeeffamuu dhorkamuu fi dhiisuun akka ilaalamuu danda’u akeekan.

Fooyya’iinsi amma taasifame filannoo bara dhufuu irratti wantoota gufuu ta’uu danda’an qofaa akka ilaalus dura taa’aan koree dhaabbii kanaa himaniiru.

Xinxaaltonni dhimma kana irratti yaada kennan gaaffiin mirga gurmaa’uu siyaasaa sabootaa fi sablammootaa mulquu dhihaate ammaaf fudhatama dhabus gara fuula duraatti akeekni mulquu akka jiru dubbiin dura taa’aa koree dhaabbii mana marichaa agarsiisaa jedhu.

Mirga paartii siyaasaa gurmeeffachuu sabootaa fi sablammootaa mulquuf yaaluun balaa guddaa akka qabu eeranii, mootummaan dhimma kana itti deebi’ee tuquu akka hin qabne hubachiisu.

Mirga kana saboonnii fi sablammoonni wareegama guddaan gonfatan kan jedhan xinxaaltonni, mirgi kun mirga jiraachuu fi jiraachuu dhabuu sabootaa fi sablammootaa waliin walitti hidhataa jedhu.

Saboonnii fi sablammoonni gurmaa’anii mirga isaanii akka hin kabajchiifanne dhorkamuun utubaa ijaarsa mirga isaanii ittiin kabachiifatanii jalaa jigsuu akka ta’e ibsu.

Show More

Related Articles

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

three + 18 =

Back to top button
Copy link