Afan OromoNews

OMN: Federeshiinii Ispoortii Ameerikaa Kaabaa (OSFNA)

Seenaa OSFNA fi Qophii Bara kanaa

Jila OSFNA baranaa kan yeroo kamii ol hawwataa gochuuf qophii barbaachisu gochaa akka jiru Koreen qophii kanaa hime.

Qophiin OSFNA baranaa Adoolessa 26 – Hagayya 2 bara 2025tti Magaalaa Siyaatilitti gaggeeffama. 

Bara 1996  irraa kaasee magaalota Ameerikaa kaabaa garaagaraatti qophaawaa kan dhufe jilli Ispoortii fi aadaa kun barana yeroo 29ffaaf qophaawa. 

Magaalaan Siyaatil kan bulchiinsa Waashingitan immoo  kan baranaa dabalatee yeroo 3ffaaf jila OSFNA qopheessiti. 

Siyaatil Minisootaatti aanuun magaalaa Ameerikaa Oromoon itti  heddummatu lammeessoo dha. Koreen Qindeessituun Jila OSFNA Siyaatil qophii OSFNA baranaa kan asiin duraarra irruma caalaa hawwataa gochuuf qophii jabaa gochaa jiraachuu hime. 

Gabaasota biroo;

Dubbii Afaan Oromoo Afaan Hojii Federaalaa Gochuu Waadaatti Hafe.

Ertiraan Itoophiyaa Tasgabbii dhoowwaa jirti. Gabaasa

Waraana Iran fi Israa’el

Miseensotni Koree Qindeessituu OSFNA magaalaa Siyaatil, Obbo Abdulaziiz Daatuu, Aadde Ganamee Halakee, Obbo Gammadaa Alii, Obbo Shoolee Tafarraa fi Dargaggoo Jaafar Huseen OSFNA baranaa miidhagsuuf qophii guddaatti akka jiran OMN irratti ibsanii jiru.

OSFNA’n Sagantaa seena-qabeessa Oromoo garaagarummaa ilaalchaa, amantaa, kutaa fi siyaasaa malee walitti qabu jila walgeettii fi gamtaa Oromoo ti jedhu miseensonni koree tanaa.

Sagantaan duudhaa Ispoortiin masakamu kun riqicha jabaa Oromoota Ameerikaa Kaabaa waggoota kurna sadan darbanii ture jedhu.

OSFNA baranaaf taphoonni Ispoortii garaagaraa, agarsiisni uffataa fi nyaata aadaa, weelleewwan, akkasumas qophiileen bashannanaa hedduun akka qophaawan koreen himee jira. 

Keessummoota dhufan simachuun jila OSFNA  baranaa yaaddoo tokko malee milkii olaanaan goolabuuf koreen halkanii guyyaa hojjetaa jiraa jedhu miseensonni Koree Qindeessituu.

Jila seena-qabeessa kanarraa Oromoon Ameerikaa kaabaa akkanumas kutaa addunyaa biraa jiru,  kanneen mijatuuf,  hundi  akka hin hafne koreen waamicha godhe.

Qophiin OSFNA baranaa ergaa “Egeree Ijaaruu (Building The Future)” jedhuun adeemsifama.

Show More

Related Articles

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

7 − 4 =

Back to top button
Copy link