OMN: Federeshiinii Ispoortii Ameerikaa Kaabaa (OSFNA)
Seenaa OSFNA fi Qophii Bara kanaa

Jila OSFNA baranaa kan yeroo kamii ol hawwataa gochuuf qophii barbaachisu gochaa akka jiru Koreen qophii kanaa hime.
Qophiin OSFNA baranaa Adoolessa 26 – Hagayya 2 bara 2025tti Magaalaa Siyaatilitti gaggeeffama.
Bara 1996 irraa kaasee magaalota Ameerikaa kaabaa garaagaraatti qophaawaa kan dhufe jilli Ispoortii fi aadaa kun barana yeroo 29ffaaf qophaawa.
Magaalaan Siyaatil kan bulchiinsa Waashingitan immoo kan baranaa dabalatee yeroo 3ffaaf jila OSFNA qopheessiti.
Siyaatil Minisootaatti aanuun magaalaa Ameerikaa Oromoon itti heddummatu lammeessoo dha. Koreen Qindeessituun Jila OSFNA Siyaatil qophii OSFNA baranaa kan asiin duraarra irruma caalaa hawwataa gochuuf qophii jabaa gochaa jiraachuu hime.
Gabaasota biroo;
Dubbii Afaan Oromoo Afaan Hojii Federaalaa Gochuu Waadaatti Hafe.
Ertiraan Itoophiyaa Tasgabbii dhoowwaa jirti. Gabaasa
Miseensotni Koree Qindeessituu OSFNA magaalaa Siyaatil, Obbo Abdulaziiz Daatuu, Aadde Ganamee Halakee, Obbo Gammadaa Alii, Obbo Shoolee Tafarraa fi Dargaggoo Jaafar Huseen OSFNA baranaa miidhagsuuf qophii guddaatti akka jiran OMN irratti ibsanii jiru.
OSFNA’n Sagantaa seena-qabeessa Oromoo garaagarummaa ilaalchaa, amantaa, kutaa fi siyaasaa malee walitti qabu jila walgeettii fi gamtaa Oromoo ti jedhu miseensonni koree tanaa.
Sagantaan duudhaa Ispoortiin masakamu kun riqicha jabaa Oromoota Ameerikaa Kaabaa waggoota kurna sadan darbanii ture jedhu.
OSFNA baranaaf taphoonni Ispoortii garaagaraa, agarsiisni uffataa fi nyaata aadaa, weelleewwan, akkasumas qophiileen bashannanaa hedduun akka qophaawan koreen himee jira.
Keessummoota dhufan simachuun jila OSFNA baranaa yaaddoo tokko malee milkii olaanaan goolabuuf koreen halkanii guyyaa hojjetaa jiraa jedhu miseensonni Koree Qindeessituu.
Jila seena-qabeessa kanarraa Oromoon Ameerikaa kaabaa akkanumas kutaa addunyaa biraa jiru, kanneen mijatuuf, hundi akka hin hafne koreen waamicha godhe.
Qophiin OSFNA baranaa ergaa “Egeree Ijaaruu (Building The Future)” jedhuun adeemsifama.






