Afan OromoNewsPolitics
Trending

OMN: Oromiyaa nagaa argachuu qabdi

Nageenyi Oromiyaa bu'uura nageenya Itoophiyaa fi gaanfa Afrikaati

Mootummaa fi qaamoleen hidhatan maraammartoo siyaasaa Lolaan injifannoo argachuu jedhu keessaa bahani mariin furmaata siyaasaa barbaaduu qabuu jedhame.

Qooda fudhattoonni Waraana Oromiyaa mootummaa fi Waraanni Bilisummaa Oromoo marii araaraatiif kutannoo agarsiisuun waliigaltee nageenyaa dhugaafi haqaan masakameef of qopheessuu qabuu jechuun waamichi garagaraa karaa marsaalee hawaasummaatiin adeemsifamaa jira.

Riifoormii siyaas-diinagdee bara 2018 warraaqsa ummata Oromootiin Itoophiyaa keessatti dhufe hordofee paartileen siyaasaa waggoota kurnan lamaaf walakkaaf biyyattii irraa fagaatanii turan gara biyya deebi’uu danda’ani jiru.

Dhaabni guddichi Oromoo ABOn haasaa mootummaa Itoophiyaa wajjiin taasiseen gara biyyatti kan gale yoo ta’u, waadaan Asmaratti seename gara mootummaa Abiy Ahmad hoogganuun gufachuu hordofee Waraanni Bilisummaa Oromoo dhaaba isaa irra fottoquun qabsoo hidhannoo itti fufuu murteesse.

Gaafiin ummanni Oromoo barootaaf Itoophiyaatti gaafata ture adeemsa mootummaan Itoophiyaa ittiin deemaa jiru kanaan deebii hin argatu kan jedhe ABO-WBOn, mirga hiree murteeffaannaa ummattootaa fi mirga dimookraasii qabsoo hidhannootiin biyyattii keessatti fiduuf mootummaan wal waraanuu jalqabe.

Mootummaan Itoophiyaa ABO-WBOn farra jijjiiramaati jechuun bara 2019 keessa oppireeshinii sakatta’iinsa Waraana Bilisummaa Oromoo kibbaa fi lixa Oromiyaatti adeemsisaa ture.

Oppireeshinii adeemsisaa tureen namoota nagayaa hedduu ajjeessuu fi hidhuu akkasumas qaama hir’isuu isaa Amanistii Intarnaashinaal gabaasa bara 2019 keessa baaseen addeessuun isaa ni yaadatama.

Haalli Oromiyaa keessaa yeroo gara yerootti hammaatuun balaa guddaa naannicha keessatti dhaqqabsiisee jira.

Waraana qaamota lamaan jiddutti adeemsifamuun ummanni nagayaa miidhaa hamaaf saaxilamee jira. 

Qabeenyi qonnaan bultootaa, qaamota wal waraanani saamamee jira, manneen qonnaan bultoota maqaa dahoo Waraana Bilisummaa Oromoo taatan jedhuun gubamee jira.

Dargaggoonni danuu deeggartoota waraanichaati jedhamuun ajjeechaa murtee seeraa maleef saaxilamani jiru.

Qotee bulaan oomisha isaa dhiisuun eeggattummaaf yoo saaxilamu, kanneen sababa waraanatiin kibbaa fi lixa Oromiyaatti buqqa’aniif deeggarsa dhaqqabsiisuun hammaate ture.

Bu’uuraaleen tajaajila hawaasummaa naannoolee lolli keessatti adeemsifamaa jiru keessatti barbadeefamuun, kanneen hafan qubsuma loltoota mootummaa ta’ani jiru.

Daangaan Oromiyaa humnoota finxaaleyyii Amaaraa fi mootummaa naannoo Somaaleetiin sarbamuun miidhaan qabeenyaa, namaa fi lafaa dhaqqabee jira.

Rakkooleen sababa waraanaatiin naannicha keessatti mul’atan furmaata akka argatuuf qaamoleen garagaraa marii nagaatiif waamichaa taasisaa turani jiru.

Waamichi araaraa taasifamaa turee fi mariin araaraa marsaa lamaaf Taanzaaniyatti taasifamaa ture saffisaan hojjitti hiikkamuu dhabuun ammoo rakkooleen sababa waraanaatiin ummata dararaa jiran xumura akka hin arganne kan taasisu yoo ta’u,  araarri bu’uu dhabuun ammoo ummata yaaddoof saaxilee jira.  

Tibbana ammoo duulli dhukkaasni obbolaa jidduu haa dhaabbatu jedhu miidiyaa hawaasaa irratti adeemsifamaa jira.

Xiinxallaan siyaasaa Jawaar Mohaammadis dhukaasni obbolaa jidduu haa dhaabbatu jechuun garuu ammoo duulichi bu’aa buusuu qaba jedhe.

Naannoon Oromiyaa siyaasaafi dinagdee biyyaaf ‘’baay’ee barbaachisaa waan ta’ef’’ nagaan naannicha keessa jiraachuun biyyattiif murteessaa ta’uu qaamoleen garagaraa ni ibsu.

Nageenyi Oromiyaa bu’uura nageenya Itoophiyaa fi gaanfa Afrikaati jedhamee jira.

 

Show More

Related Articles

One Comment

  1. Dhugaadha Oromiyaa fi Oromoon waan hin malleef saxilaamaa jiru. Masoo heddutu qaalawa waliigaluu dhaba qaamolee dhimmamaniitiin nutti gaarrifataa jira. Haqa keenna (lafa, diinaggee, mirgoota, nama, kkf) saamamaa jirra. Kanaafuu hatantamaan walta’anii waliigalanii kan badee deebisuu, kan miidhamne waldhaanamuu … qabna!!!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

ten + five =

Back to top button
Copy link