Afan OromoNewsNews AnalysisPolitics
Trending

OMN: Xiinxalla; Kaayyoon Qabsoo Oromoo Oromiyaa Walabaa ijaaruudha.

“Kaayyoon Qabsoo Oromoo Impaayera Dimiikraatessuu osoo hin taane, Oromiyaa Walabaa ijaaruudha” Hayyoota Oromoo

Hayyoonni siyaasaa kaayyoon qabsoo Oromoo “Oromiyaa Walabaa ijaaruudha jedhan.

Hayyoonni OMN wajjiin turtii taasisan Piroofeesar Asaffaa Jaallataa, Tsaggaayee Araarsaa (PHD) fi Injinar Jamaal Ganamoo “Kaayyoon qabsoo Oromoo Oromiyaa Walaabaa fi Birmadummaa qabdu ijaaruudha” jedhan.

Piroofeesar Asaffaa Jaallataa “Sagantaan qabsoo Oromoo Oromiyaa Ripaablikaa kan qaamni kamuu dhiibbaa irratti taasisuu hin dandeenye ijaaruudha, kun ammoo waan haaraa uumuu osoo hin taane, biyya Oromiyaa osoo kolonii habashoota jalatti hin kufin dura turte deebisanii ijaaruudha” jechuun ibsan.

Sirna gita bittaa habashoota dura Oromoon abbaa biyyaa ture, biyya qabaachaa turee, biyya Oromoo jedhee waamaa turee jedhan.

Erga kolonii sirna gita bittaa jalatti kufee ammoo biyya walabaa, biyya birmadummaa qabdu ijaaruuf akkasuma qabeenyaa fi biyya isaa irratti abboomuuf qabsoo taasisaa turee jedhan.

Mootummoonni Itoophiyaa bulchan Minilik 2ffaa irraa kaasee hanga sirna Biltsiginnaatti ummata Oromoo ajjeessuu, Saamuu, Roorrisuu, buqqaasuu, lafa isaa irraa fudhachuu raawwataa turan kan jedhan Piroofeesar Asaffaa Jaallataa, yeroo ammaa jiraachuun ummata Oromoo gaafii keessa galee jira jechuun ibsu.

Kanaaf ummanni Oromoo jiraachuuf walabummaa isaa deeffachuun dirqama itti ta’ee jira jechuun kan Piroofeesar Asaffaan, gartuun Oromoo balleessuu barbaadu, olola Oromoon bakka dhufee hin beekkamuu jedhuun Oromiyaa cabsanii diiguu barbaaduu jedhan.

Gartuuwwan kun aadaa, seenaa, afaan, eenyummaa fi lafa Oromoo balleessuuf hojjataa jiru jechuun ummanni Oromoo kana baree badiinsa irraa of baraaruuf wal duuka socha’uu qabu jechuun ibsan.

Gabaasota walqabatan;

Burjajjii Mooraa qabsoo Oromoo fi gaafii ummataa

OMN: Biltsiginnaa: Ganamuu Sirna Federaalziimii fi Kaayyoo Oromoo

OMN: Gaartuuleen Siyaasaa Oromoo Tokkoomuu qabu

Tsaggaayee Araarsaa (PHD) “maddi qabsoo Oromoo Impaayeraan koloneefatamuu irraa maddaa”  jedhan.

Loojikiin Kolonii wantoota gurguddoo lama irraa madda kan jedhan Tsaggaayee Araarsaa, Saamichaa fi Buqqaasuudha jedhan.

Saamicha yoo ibsan, “saamicha lafaa, saamicha beekumsaa, saamicha qabeenyaa, saamicha seenaati” jedhan.

Buqqaasuun ammoo buqqa’insa ummata, aadaa, seenaa, eenyummaa fi sirna ummataati” jechuun eenyummaa ummataa buqqinsaanii eenyummaa haaraa, aadaa haaraa akka fudhatu taasisuudha jedhan. 

Eessa dhufe kan jedhu seenaa isaa balleessanii lafa isaa irraa adda baasuudhaafi kan jedhan Tsaggaayee Araarsaa (PHD) sirni koloneefataa Itoophiyaa keessatti saboota biyya, daangaa, afaan, aadaa, seenaa, eenyummaa mataa isaanii qaban cabsuun balleessan jedhan.

Kun ammoo ummanni tokko akka sabaattii akka hin dhaabbanne taasisa, akka sabaatti akka hin falmanne taasisaa jira jedhan.

“Galmi sirna koloneefataa ummata buqqisuu fi ajjeessuun lafaa fi daangaa san of jalatti deebisuudha, walabummaa cabsuun ummanni tokkoo akka sabaatti dhaabbate akka of hin ibsine taasisuudha” jechuun ibsan.

Tsaggaayee Araarsaa (PHD) itti fufuun “kaayyoon qabsoo Oromoo Itoophiyaa dimookraatessuu osoon hin taanee Oromiyaa walabaa ijaaruudha” jedhan.

“Kaayyoon qabsoo Oromoo walabummaa biyyaalessa Oromiyaa deebisuuf godhama”

“Bara 1971 ABOn hundeeffamuun dura hayyoonni Oromoo barruu ummanni Oromoo imaapyera kolooneefataa jala jira, amma kan qabsaa’uufi qabnu walabummaa biyyaalessa Oromootifi jedhu barreessanii turani, kanaaf kaayyoon qabsoo Oromoo Itoophiyaa fayyisuu miti, Itoophiyaa fayyisuun kaayyoo qabsoo Oromooti miti, Itoophiyaa diimookraatessuunis kaayyoo qabsoo Oromooti miti, Imaapyeera ijaaruus miti, kaayyoon qabsoo Oromoo walabummaa fi mirga haree ofii mirkaneefachuudha” jedhan.

Injinar Jamaal Ganamoo gama isaaniitiin “kaayyoon qabsoo Oromoo waan dhabe hunda kan alagaan ummata Oromoo irraa fudhate hunda deefachuudha” jedhan.

Ummanni Oromoo sirna kolonii jalatti osoo hin kufin dura “Bilisummaa, Walabummaa fi Birmadummaa qabaa kan jedhan Inj. Jamaal Ganamoo, kaayyoon qabsoo isaa ammas Bilisummmaa, biyya walabaa fi mootummaa mataa isaa kan birmadummaan isaa ummata Oromoof ta’e ijaarachuudha jechuun ibsani jiru.

 

Show More

Related Articles

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

two + 12 =

Back to top button
Copy link