Afan OromoNewsOpinion
Trending

OMN Midiiyaa Dantaa fi Mirga Oromoo Kabachiisuuf hundaa’eedha”

OMN Gartu-maleessaa..............

Hayyoonni Oromoo Ameerikaa Kutaa Bulchiinsa Minisootaa sagantaa tumsa OMN irratti argaman, ummata Oromootiif miidiyaa qabaachuun filannoo osoo hin taane dirqamaa jedhan.

Miidiyaan meeshaa jabanaa ummata fi biyya tokkoof barbaachisu ta’u kan eeran hayyoonni kunniin, ummata Oromoo rakkoo siyaasaa fi diinagdee bal’aa qabuuf miidiyaa qabaachuun filannoo miti jedhan.

OMN seenaa qabsoo Oromoo keessatti miidiyaa boqonnaa haaraa uumuu danda’eedha jechuun, barbaachisummaan isaa ummata Oromootiif murteessaadha jedhan.

Miidiyaan tokko ummataaf aantummaa qabaannaan ummanni Oromoo burjajjii siyaasaa malee tokkummaan tumsuu qaba jedhan.

Mooraa qabsoo Oromoo keessatti OMN, miidiyaa tokkocha ummataan hundeeffamee fi waggoota 11 lakkoofsiseedha jechuun ummanni Oromoo miidiyaa ofii isaatii hundeeffatee ilaalcha siyaasaa tokko malee tumsuu qaba jedhan.

Qondaalaa siyaasaa Oromoo beekkamaa  obbo Baqqalaa Garbaa, Dr. Tafarii Nugusee fi Dr. Jamaal Heebanoo tumsa OMN Minisootaa irratti argamuun ummanni yeroo kamuu dhaabbilee hawaasaa tumsuu akka qabu dhaamani jiru.

Dr. Jamaal Heebanoo osoo mootummaan Biltsiginnaa mootummaa Diimookraatawaa ummata Oromoo ta’eeyyuu miidiyaan nu barbaachisaa, OMN nu barnaachisaa, OMN kan nama tokkooti miti, jaarmiyaa hawaasaati, jaarmiyaa hawaasaa ammoo kan deeggaru hawaasa jechuun ummanni tumsa dhaabbata kanaaf akka taasisuuf waamicha taasisan.

Dr. Tafarii Nugusee “jijjiiramni kamuu miidiyaan ala hin dhufuu, Pireezidaantiin Ameerikaa Toomaas Jafarsan  biyya miidiyaa qabdu moo biyyaa mootummaa qabdu filattaa jedhamee gaafatamnaan, biyya miidiyaa qabdu filadha jedhe, biyyi miidiyaa qabdu mootummaa qabdi, miidiyaan yoo hin jiraannee mootummaan gatii hin qabdu jedhe jechuun ummata ykn biyya tokkoof miidiyaan mootummaa caalaa barbaachisaa ta’un ibsan.

Miidiyaan mootummaa cimaa, diimookraasii gaarii ijaaruu keessaa gahee olaanaa qabaachuu kan eeran Dr. Tafarii Nugusee, OMN rakkoo siyaasaa, diinagdee, hawaasummaa, sarbama daangaa ummata Oromoo irraa gahu dursee gabaasaa jira jedhan.

OMN qophiilee biizinasii jajjabeessuu, hawaasummaa irratti hojjachuu, Aartii jajjabeessuu fi wantoota biroo irratti xiyyeefachuu hojjachuu qaba jedhan.

Qondaalli siyaasaa Oromoo beekkamaan obbo Baqqalaa Garbaa “OMN aadaa, afaan, Seenaa, Eenyummaa, dantaa  fi mirga Oromoo kabachiisuuf miidiyaa dhaabbate keessa tokko jedhan.

“Akka ani sagantaa kana irratti hirmaadhu kan taasise gartu-maleessummaa OMNti kan jedhan obbo Baqqalaa Garbaa, OMN dhaaba tokko, ganda tokko, godina tokko, amantii tokko osoo hin jedhin Oromoo akka Oromootti ilaalee dantaa Oromoo tarkaanfachiisaa jira” jedhan.

“Kanaaf OMN galateefachuu barbaadaa, diinni Oromoo guddaan kan Oromoo ajjeessuu, hidhu, dararu osoo hin taane, diinni Oromoo guddaan isa tokkummaa Oromoo diiguudha” jedhan.

OMN ammoo diina tokkummaa Oromoo diigu kana cabsaa jira jechuun ibsan.

Gaheen ummataa ammoo miidiyaa kana tumsuu fi dagaagsuu akkasuma waaressuudha jechuun dhaamani jiru.

 

Show More

Related Articles

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

19 − 5 =

Back to top button
Copy link