Afan OromoNewsPoliticsWorld

OMN: Waraanni US-Israa'el fi Iraan waliigalteen dhaabbate

Waraanni US-Israa'el fi Iraan waliigalteen dhaabbate

Gurraandhala 28 bara 2026 waraanni ijibbaachisaan Ameerikaa fi Israa’el Iraan irratti banan baha giddugaleessaa fi guutuu addunyaa kallattii fi al-kallattiin erga miidhee booda jaarsummaa Paakistaanii  waliigaltee dhukaasa dhaabuu torbaan lamaatiin xumuramee jira.

Waraanni Ameerikaa fi Israa’el qindoominnaan Iraan irratti banan dhumaatii hooggantoota olaanaa Iraan Ayaatolaa Alii Kameenii hamma Barreessaa Mana maree Nageenya Biyyaalessaa Iraan Alii Laarijaniitti, Hoogganaa mana maree ittisaa Alii Shaamkaani hamma Ajajaa Eegdota Warraaqsa Islaamummaa Iraan Mohaammad Paakpuuritti, Ministira Ittisaa Amiir Naasirzaadeeh hamma Ajajaa Waliigalaa Abdulrahim Musaavitti lubbuu balleessee.

Gama Ameerikaatiin buufataaleen waraanaa baha giddugaleessaa keessaa biyya  Kuweetitii kanneen argaman buufata sochii loltummaa fi Loojistiikii Arifjaan hamma Buufata Xiyyaara waraanaa Ali Al-Salamitti, Buufata Leenjii fi sochii lafoo Buhreeing hamma buufata loltoota bishaan irraa Moreellitt haleellaa Misaa’ela Iraaniin barbadaa’ani jiru.

Qaatar keessatti kan argamu buufata waraanaa fi humna qilleensaa Ameerikaa Al-Udeeyd hamma buufata mooraa loojistiikii fi kusaa meeshaa waraanaa As Sayliyahitti haleellaan irratti raawwatee jira.

Gamtaa Emireeetota Arabaa keessaa ammoo buufataaleen waraanaa Ameerikaan halleellaan irratti raawwatame buufata humna qilleensa Al-Dhafraa kan xiyyeerannoo Ameerikaa F-35 fi F-22 keessatti argaman akkasumas buufanni galaanaa humna waraanaa Jabal Alii haleellaa Baalistikii fi misaa’eela Iraan kanneen manca’anidha.

Baahreen magaalaa Manaamaa keessatti kan argamu buufanni humna galaana  Ameerikaa Naval Support activity Bahren jedhamu fi Buufanni humna qilleensa Isaa jedhamu haleellamani jiru.

Meeshaan ittisa humna qilleensaa Ameerikaa buufataalee kanneen keessatti argamu kan Thaad jedhamu barbadeefamee jira.

Sa’ud Arabiyaa keessatti Ameerikaan buufataalee waraana Sa’ud Arabiyaa keessa kanneen akka buufata humna qilleensaa Mootii Sultaan fi mooti Fahd akkasuma buufata humna galaanaa Mootii Feeysal keessa humna waraana ishee waan qubachiifteen haleellaan wal irraa hin cinne ji’a tokkoo oliif Iraan irratti raawwatamaa ture.

Joordaan keessatti buufataaleen waraana Ameerikaa kanneen akka buufata humna qilleensaa Muwwafaq Salt, buufata humna qilleensaa Mootii Feeysal, buufata jiddugala leenjii walinii irratti haleellaan gurguddaan raawwatamee jira.

Akkasumas buufataleen Omaan, Iraaq, Saaypiras fi bakkeewwan biroo jiran irratti haleellan raawwatmee jira.

Akkasumas dhaabbilee Teknoolojii Ameerikaa baha giddugaleessaa keessatti argaman irratti Iraan haleellaan raawwatamee jira

Misaa’eloota baalistikiitiin kan baadhaate Iraan ji’a 1 oliif walitti fufiinsaa Misaa’eloota Israa’el fi Biyyoota baha giddugaleessaatti dhukaasaaa turte.

Gama kaaniin Iraan hulaa boba’aan addunyaa dhibbeentaan 20ni keessa darbu hulaa Hormuz cufuun qaala’insi boba’aa addunyaa akka muudate goote. 

Waraana kana dhaabuu fi rakkoo boba’aa addunyaa muudataa jiru furuuf biyyoonni akka Paakistaan jaarsummaa taa’aa kan turan yoo ta’u eda walii galtee dhukaasa dhaabuu torbaan lamaa irra gahame.

Kuni erga Doonald Tiraamp Iraan irratti haleellaa Bombii gurguddaa raawwachuun bu’uuraalee misoomaa gurguddoo barbadeessee bara dukkanaatti isaan deebisa jechuun dhaadatee booda.

Akka Tiraamp jedhee ture kiibxata kaleessaa akka saa’atii Iraanitti saa’atii 21tti haleellaan Doonaald Tiraamp jedhe kan jalqabu yoo ta’u, ummanni Iraan xinnaa guddaa bakka bu’uraaleen misoomaa biyyatti jiran hundatti bahuun lubbuu isaa qaalii qabsiisee bombii du’aa baatee dhufu eegaa ture.

Ummanni biyyatti bu’uraalee misooma biyyatti dura nuti dhumuu qabna jechuun bakkeewwaan bu’uraaleen misoomaa jiranitti bahan addunyaa ajab jechisisani jiru.

Haa ta’u malee haleellaan jedhame osoo jin raawwatin waliigaltee irraa gahamuun addunyaa hara baafachiise.

Ministirri Muummee Paakistaan Shehbaaz Shariif kan jaarsummaan qaamota lamaan walitti fiduuf sosso’aa turan akka jedhanitti, waliigalteen dhukaasa dhaabuu battaluma hojiirra ooleera.

Pirezidant Tiraamp Iraan yoo Ulaa Hormuuz bante ”torban lamaaf Iraan bombiin haleeluu dhaabuuf” akka waliigalan dubbataniiru.

Yeroof dhukaasa dhaabuuf kan waliigalan sababa ”galma waraanaa keenya ijoo waan galmaan geenyeefi” jechuun Tiraamp Truth Social gubbaa barrreessan.

Iraan gama isheetiin waraana dhaabuun nagaan akka bu’uuf qabxiilee ijoo 10  akka ulaagaatti tarreessite. 

1.Ameerikaan weerara dabalataa akka hin raawwanneef waadaa akka galtu.

2.Iraan hulaa Hormuuz olaantummaan to’achuu akka itti fuftu.

3.Mirgi Iraan humna niwukilaaraa gabbisuuf qabdu akka itti fufu.

  1. Qoqqobbiiwwan gurguddoo Iraanirratti kaa’aman hundi akka kaafaman.

5.Qoqqobbiiwwan dabalataa  hundi akka haqaman.

  1. Murtiiwwan Manni Maree Nageenyaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii Iraanirratti dabarse hundi akka haqaman.

7.Murtiiwwan Boordii Bulchiinsaa Ejensiin Annisaa Atoomawaa Addunyaa Iraanirratti dabarse hundi akka haqaman.

8.Kisaaraa yeroo waraanaa ga’eef Iraaniif beenyaan akka kaffalamu.

9.Humnoonni waraanaa Ameerikaa naannoo sana keessaa akka bahan.

10.Liibaanon dabalatee  adda waraanaa hundarratti waraanni akka dhaabatu.

Akka miidiyaaleen gabaasanitti Ameerikaan haaldureewwan kana fudhatte jirti. 

Israa’el garuu waliigateen kun Libaanoos hin ilaallatu jechuun yoo ibsituu jaarsummaan gidduu kan jirtu Paakistaan waliigaltee qooda hunda ilaallata jette.

Haala kanaan waraanni baha giddugaleessa keessatti halleellaa misaa’elatiin dabalamee adeemsifamaa ture goolabamee jira.

Torbaan lamaan dhufuuf walitti fufiinsa hulaan Hormuuz banamuun rakkoo boba’aa adunyaa muudate furmaata argata.

Show More

Related Articles

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

three × 4 =

Back to top button
Copy link