Afan OromoNewsNews AnalysisPolitics

OMN: Waraana Oromiyaa fi Dararama Ummataa

Mootummaan Waraana Oromiyaa dhaabuun dararama ummataa xumuruu qaba.

Bulchiinsi Biltsiginnaa erga olaantummaan Itoophiyaa bituu eegalee tooftaalee mormitootaa isaa ittiin dhabamsiisuu fi hidda bulchiinsa ittiin jabeefatu heddutti dhimma bahee jira. 

Kanneen keessaa tokko waraanaa fi namoota qaroo siyaasaa ta’an kaameeraa humna tikaatiin adamsee ajjeessuudha.

Waraanni ijibbaachisaa fi lubbuu qulqullootaa danuu nyaatee, Wallaggaa hamma Waldiyaatti, Moyyalee hamma Maqaleetti adeemisamee lubbuu namoota hedduun galaafatee jira.

Kaameeraan humna tikaa, namoota adamsaa ture keessaa Abduljabbaar Husseen, Haacaaluu Hundeessaa, Daadhii Galaan, Battee Urgeessaa, Moo’iboon Baqqalaa, Dargaggoota utubaa jijjiiramaa ta’an kumootaan lakkaa’aman nyaatee jira.

Mormitoota balleessuuf waarana Maakaanaayizdii fi diroonii fayyadamee lolee jira. hawaasni nagayaa haleellaa diroonii fi waraanaatiin miidhamee jira.

Oromiyaa keessatti dargaggoota maqaa shaneetiin hidhaa fi ajjeechaan hadoochee jira. Waraana Bilisummaa Oromoo dadhabsiisuuf humna farra rippee lolaa, Gaachana Sirnaa, Milishaa ijaaruun bobbaasee jira.

Miseensota Raayyaa Ittisa Biyyaa, Poolisii Federaalaa fi naannoo irraa tuuta ijaarame leenjisuun wiigii itti hidhee loltoota Waraana Bilisummaa Oromoo fakkeessuun bobbaasee jira.

Tooftaan kun ammoo maqaa Waraana Bilisummaa Oromootiin yakkoonni akka mallaqaaf jecha nama butuu, ajjeechaa jumlaa, saamicha qabeenyaa fi gudeddiin namoota nagayaa irratti akka raawwatamu taasisee jira.

Waraanni Waraana Bilisummaa Oromoo kan mirga hiree murteeffannaa ummata Oromoo mirkaneessuuf qabsaa’uu fi mootummaa Biltsiginnaa kan aangoo isaa tiksuuf socho’u waraana biyyatti keessatti labse jedhamuun komatamu jiddutti adeemsifamaa jiru dargaggoota jijjiirama fidan, maanguddoota, daldaltoota, barsiisota, barattootaa fi qaroowwan siyaasaa Oromoo danuu fixuu isaa dhaabbileen siiviilii fi mirga namoomaa irra deddeebiin ibsanii jiru.

Mootummaan Biltsiginnaa kan falaasama Ida’amuu yaadrimee bulchiinsa biyyattii taasisee Itoophiyaa bulchaa jiru Oromiyaa keessatti mormitoota isaa dhabamsiisuuf  “Gurmuu ajjeechaa dhoksaa” ijaaruu isaa Rooytarsi gabaasa gurraandhala 23 bara 2024 mata duree “In Ethiopia a secret committee orders killing and arrests to crush rebels” jechuun koreen ajaja ajjeechaa fi hidhaa kennu Itoophiyaa keessatti dhoksaan ijaarame jedhuun barreesseen hordoftoota isaa dubbisiisee jira.

Gurmuun ajjeechaa dhoksaan Oromiyaa keessatti ijaaramee maqaa “Koree Nageenyaa” jedhamuun waamamu kun qondaalota olaanoo mootummaa naannoo Oromiyaa kanneen akka Pirezidaantii Mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa, Itti Aanaa Pirezidaantii Mootummaa naannoo Oromiyaa Obbo Awwaluu Abdii, Hoogganaa waajjira Biltiginnaa Oromiyaa kan ture Fiqaaduu Tasammaa, Gaafatamaa Biiroo Bulchiinsaa fi Nageenya Oromiyaa Komishiinar Araarsaa Mardaasaa fi kanneen biroo of keessaa kan qabu yoo ta’u, ministirri muummee Itoophiyaa Abiy Ahmad ammoo hundeessaa fi ajaja mummichaa garee kanaa ta’uu isaa Rooytarsi eeree jira.

Ajaja Gurmuu kanaatiin ajjeechaan qaroowwan siyaasaa Oromoo, dargaggoota, maanguddoota, abbootii Gadaa, barsiisotaa fi aartistoota Oromoo irratti raawwatee jiraachuu eeree jira.

Erga mariin araaraa marsaa lamaan Taanzaaniyaatti Waraana Bilisummaa Oromoo fi Mootummaa Itoophiyaa jiddutti adeemsifamee waliigaltee malee xumuramee booda ajjeechaawwan suukaneessoon qabata Waraana Bilisummaa Oromoo deeggarta, soorta, daandii itti agarsiifta, ilma ykn fira keettu miseensa WBOti jedhuun kutaalee Oromiyaa garagaraa keessatti loltoota mootummaatiin raawwachuu ragaaleen mul’isu.

Kutaalee Oromiyaa kanneen akka Wallagga Bahaa, Horroo Guduruu Wallagga, Qeellam Wallaggaa, Wallagga Lixaa, Shawaa Kibba Lixaa, Shawaa Lixaa, Shawaa Bahaa, Shawaa Kaabaa, Gujii, Gujii Lixaa, Arsii, Arsii Lixaa, Harargee Bahaa fi Harargee Lixaa, Booranaa fi Baale keessatti ummanni ajjeechaa fi hidhaa dabalatee rakkoo nageenyaa olaanaaf saaxilamuu isaa ragaaleen ni mul’isu.

Mootummaan Biltsiginnaa rakkoo Oromiyaa karaa mariitiin osoo hin taane afaan qawweetiin furuuf yaalaa jiraachuun gaaga’ama namoomaa biroo dhaqqabsiisa jechuun kan akeekkachiisan xiinxaltoonni siyaasaa fi qorattoonni dhimma walitti bu’iinsaa, qaamolee Oromiyaa keessatti wal waraanaa jiran gara teessoo maritti deebi’uun dararama ummataa xumura itti godhuu qabu jechuun gorsu.

Waraanni Oromiyaa keessatti adeemsifamaa jiru waraana haadhaa fi abbaan sababa ilma isaaniitiif ajjeefaman, waraana sababa loltoonni Waraana Bilisummaa Oromoo ganda kana keessa qaxxaamuran jedhuun Raayyaa Ittisa Biyyaatiin gandi guutuun hidhamee manneen ummataa gubatu, odeeffannoo Waraana Bilisummaa Oromoo nuuf laatu didde jedhamee jaarsa biyyaa ajjeefamu, barataa Yuunivarsiitii irraa dhufu shanee biraa dhufta jedhamee ajjeefamu, nama mana hidhaa keessaa baafamee ajjeefamu, hawaasa da’oo waraana Bilisummaa Oromoo taatan jedhamani ajjeefamanidha.

Mootummaan Itoophiyaa akkuma biyyatti bulchuuf itti gaafatamummaa qabu nageenya biyyatti keessatti buusuu fi dararama ummata xumura itti godhuuf gaafatamummaa qaba kan jedhan qaamoleen garagaraa, mootummaan Waraana Bilisummaa Oromoo dabalatee qaamolee biyyatti keessatti wal waraansa irra jiran wajjiin mari’achuu qaba jedhu. 

Marii Waraana Bilisummaa Oromoo fi Mootummaa Itoophiyaa jiddutti Taanzaaniyaa keessatti adeemsifamaa ture kan gufachiisee mootummaa ta’uu eeruun dararama ummataa kan dheeressee mootummaadha jedhu.

Ammas dararmni ummataa kun akka goolabamuuf mootummaan balbala marii akka banuu jechuun ummanni Oromoo biyya keessaa fi biyya alaa gaafataa jira.

 

Show More

Related Articles

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

2 × 5 =

Back to top button
Copy link