Afan OromoNewsPolitics

OMN: Sarbama Mirga Namoomaa Oromiyaa

Oromiyaa keessatti mirgi namoomaa marfamaa fi shororkaa humnoota nageenya mootummaa jala jiraachuu ragaaleen OMN dhaqqaban akeekan. 

Oromiyaa keessatti mirgi namoomaa marfamaa fi shororkaa humnoota nageenya mootummaa jala jiraachuu ragaaleen OMN dhaqqaban akeekan. 

Sarbamni mirga namoomaa Oromiyaa godinaalee garagaraa keessatti loltoota mootummaatiin raawwatamu hammachuu maddeen himani jiru.

Gaaga’amni mamoomaa, ajjeechaan murtee seeraa malee, hidhaa fi reebichi, tooftaa jilchiisuu fi sodaachisuutiin bulchuu loltoonni mootummaa Itoophiyaa Oromiyaa keessatti raawwatan jiranidha.

Oromiyaa keessatti yeroo kamuu caalaa cabinsi mirga namoomaa, ajjeechaan seeraan alaa raawwatamuu, hidhaa seeraan alaa, haleellaa namoota nagaa irratti raawwatamu, bilisummaan yaada ofii ibsachuu daangeefamee jira.

Biyyatti keessatti haalli mirga namoomaa hammaataa ta’uu qofa osoo hin taane, sababoonni ka’umsa sarbama mirga namoomaa haaraan biyyatti keessatti mul’atani jiru.

Oromiyaa keessatti bulchitoonni fi milishoonni dararaa, ajjeechaa, saamicha, reebicha dargaggoota dabalatee namoota nagaa irratti raawwataa jiru. 

Badiiwwan raawwatan ammoo viidiyoo fi suuraan waraabaa miidiyaa hawaasa irratti maxxansuun loltoota mootummaa biratti baratamaa ta’aa dhufee jira.

Suuraan Amajjii 5 bara 2025 irraa jalqabee miidiyaa hawaasa irraa naanna’u kan dargaggoonni lama harkaa fi miilli isaani hidhamee mukatti rarrafaman ijoo dubbii ta’ee jira.

Taatee sarbama mirga namoomaa Oromiyaa mul’isu kun Godina Arsii, Aanaa Roobee Magaalaa Saddiiqa jedhamtu keessatti raawwatame. 

Dargaggoonni lamaan harkaa fi millii isaanii duubatti hidhamee mukatti fannifaman kun daldaaltoota meeshaalee dukkaanaa ta’uu kan himan maddeen OMN, maqaan isaanii Ahmad Billoo fi Tuujii Umar jedhamu. 

Loltoonni mootummaa WBO waliin hariiroo qabdan jedheenii shakkiidhaan qabee mukatti fannisuun halkan guutuu tumaa bulee ergasii gara Roobee dabarsani jedhu.

Haalli fayyaa dargaggoota kanaa yaadeessaa ta’uu kan himan maddeen OMN, Oromiyaa keessatti namoonni haala kanaan dararamaa jiranis hedduudha jedhu.

Fayyadamtoonni miidiyaa hawaasaa taatee kana hordofuun yaadota garagaraa barreessaa jiru.

Nama yakka raawwate jedhamee shakkame tokko qabanii seeratti dhiyeessun waanuma jiru. Yakki raawwatameefi hin raawwannee kan adda baasee murtii kennuu qabu mana murtiiti. Wanti saniin ala raawwatamu kamuu seeraan ala. Har’a gubbaadhaa abbaa feetan hidhuuf, ajjeesuuf, feetan tumuuf hayyama qabdu taha, boru garuu Abalutu kana raawwadhu naan jedheen gatii hin qabdu jedhu.

Ajjechaa fi hidhaan ilaalcha siyaasaa irratti hundaa’ee raawwatamu, dhiittaan mirga namoomaa eenyummaa bu’erefatee adeemsifamu sadarkaa hammeenyi sirni Itoophiyaa bulchaa jira irra gaheedha jechuun ibsu. 

Waraanaa waliinii Itoophiyaa keessatti adeemsifamaa turee fi jiruun yakkoonni waraanaa fi namoomaa raawwatamuu isaa dhaabbileen mirga namoomaaf falman Amnistii Intarnaashinaal, Human Right Watch, Komishiinii Mirga Namoomaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii dabalatee dhaabbileen biroo ibsaa turanii jiru.

Show More

Related Articles

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

four × three =

Back to top button
Copy link