Afan OromoNewsNews AnalysisPolitics
Trending

OMN: Rakkoo Godinaalee Wallaggaa Iyya Birmannaa Dhabe

Rakkoo Godinaalee Wallaggaa Iyya Birmannaa Dhabe

Mootummaan Oromiyaa rakkoo humnoota finxaaleyyii Faannootiin uummata irra gahu waaraan furuuf kutannoo hin qabuu jedhan godina Wallagga Bahaatti jiraattonni aanaa Kiiramuu.

Jiraattonni OMN’f yaada isaanii kennan keessattuu waggoota 7 darban gidiraa hamaa arguu himan.

Aanaan Kiiramuu gandoota magaalaatiin ala gandoota baadiyyaa maratti caasaan mootummaa Oromiyaa diigamuu dubbatan.

Caasaa mootummaa kan diige hidhattoota finxaaleyyii ta’uu eeranii, hojjattoonni caasaa gandaatti ramadaman hidhattoota finxaaleyyiin butamanii fudhatamanii gidiraa gaaf argan, caasaan mootummaa diigamee alaabaan Oromiyaa buufamee hidhattoonni finxaaleyyiin faajjii isaanii waajjira gandaa keessatti yeroo fannifatan mootummaan Oromiyaa otuma arguu callisee jedhan.

Hidhattoonni gandoota baadiyyaa mara keessaa caasaa mootummaa Oromiyaa diigan uummata Oromoo gandoota baadiyyaa keessa jiraatu irraa ofiif gibira funaannatuu jedhan.

Kana malees buusiiwwan garaagaraa humnaa olii hidhattoota Faannoo ittiin jabeessuuf oolu jedhan uummata irraa humnaan akka guuranis jiraattonni himaniiru.

Nama dide irratti hidhattoonni finxaaleyyiin kunneen tarkaanfiiwwan gara jabummaa irratti fudhatu kan jedhan jiraattonni, kanaanis namoonni hedduun qe’ee isaanii irraa buqqaafamanii qe’een isaanii humnoota kanaan dhaalamuu dubbataniiru.

Caasaan mootummaa Oromiyaa kan aanichaa magaalaa qofa ofharkaa qabu akka waan aanaa guutuun harka isaa jiruu fakkeessee, humnoota finxaaleyyii irra harka qabaa jedhan.

Bulchaa aanichaa obbo Birhaanuu Fiqaaduu dabalatee dabballoonni aanichaa hedduun fayidaawwan garaagaraa fi soddummaadhaan hidhattoota finxaaleyyii waliin harka walkeessa naqatanii haqa uummata Oromoo dhoksaa jiru jechuun jiraattonni himatan.

Tibba darbe oppireeshiniin aanaa ollaa sana jiru Giddaa Ayyaanaa irratti jalqabee jennaan, obbo Birhaanuun faati dafanii qabata araara jedhuun waltajjii qopheessanii oppireeshinichi aanichatti akka hin adeemsifamne gochaa akka turan jiraattonni dubbatan.

Kana immoo caasaan mootummaa godinaa hanga Oromiyaa sirriitti akka beekan eeranii, hooggansi naatoo uummataa hin qabne kana mara gaaf raawwatu callisaan bira darbuun qaama rakkoo kanaa ta’uu isaanii agarsiisa jedhu.

Iyyi keenya iyya birmannaa dhabe kan jedhan jiraattonni, obbo Shimallis Abdiisaa yeroo darbe Faannoo irratti tarkaanfii akka hin fudhanne kan nu dhorke  jedhanii qaama biraatti quba qabaa turanii jedhan.

Oppireeshinii jalqabame garuu obbo Shimallis Abdiisaadhuma faatu dhaabsise, amma booda qaamni quba itti qaban hin jiraatu jedhan jiraattonni.

Oppireeshinii jalqabame dhaabsisuu qofaa otoo hin taane, kan biraa haa hafu warra caasaa mootummaa Oromiyaa keessa taa’ee Faannoo ifatti deeggaraa jirullee nurraa kaasaa jennee kadhannee dadhabnee jedhan.

Kan biraa mitii caasaan mootummaa hanga gandaatti nuuf haa ijaaramu, namoonni naatoo uummataa qabanis nuuf haa ramadaman, humna nageenyaa waliin taanee nageenya keenya eegnu nuuf bobbaasaa jennee mootummaa Oromiyaatti iyyannaan, mootummaan yeroo kaan waajjira taa’ee Faannootti dhaadatu, harka humna finxaalessaa kanaatti harka duwwaa nu gatee gidiraa hamaa argaa jirraa jechuun himatu.

Badii aanaa Kiiramuutti humna finxaalessaa Faannootiin gahaa jiruuf amma booda obbo Shimallis Abdiisaa faa qaama kamittuu quba qabuu hin danda’an jedhan jiraattonni.

Afaaniin waajjira taa’anii dhaadachuun sabboonaa nama hin taasisuu jedhan.

Akeekni finxaaleyyii Faannoo fi warreen caasaa mootummaa Oromiyaa keessa taa’anii isaan deeggaraa jiranii aanaalee godinaalee Wallagga Bahaa fi Horroo Guduruu Wallaggaa naannawaa sulula laga Abbayyaa fi Sulula Angar jiranii uummata Oromoo keessaa buqqaasuun godina addaa hundeeffachuu akka ta’e maddeen OMNtti himan.

Maddeen itti dhiheenyaan dhimmicha hordofaa jiran humnoonni finxaaleyyii Faannoo fi gartuuleen siyaasaa Amaaraa biroon godina Wallagga bahaa aanaalee Kiiramuu, Gidda Ayyaanaa fi Guutoo Giddaa akkasumas godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaalee Amuruu, Jaardagaa Jaartee fi Abee Dongorootti pirojaktii deemoogiraafii jijjiiruu baafatanii haleellaa fi tarsimoowwan gara erga fayyadamuu jalqabanii waggoota 30 darbuu himan.

Garee “Hundeeffama Godina Addaa Angar Guttin” jedhu kan warra caasaa mootummaa Oromiyaa keessa jiran, gartuulee finxaaleyyii siyaasaa naannoo Amaaraa, humna finxaalessa Faannoo fi biltsiginnaa naannoo Amaaraa ofkeessaa qabu ijaarratanii sochiitti jiraachuu maddeen himaniiru.

Kana mootummaan Oromiyaas akka beeku kan himan maddeen nageenyaa OMN’f yaada isaanii kennan, oppireeshinii tibba darbe jalqabame kan dhaabsisiise garee kana ta’uu himan.

Gareen kun bifa gurmaa’een hanga waajjira ministira muummee fi waajjira pirezidaantii Oromiyaatti dhaqee dhiibbaa godhee oppireeshinii uummata barootaaf nagaa dheebota afuura baafachiisa jedhamee abdatame gufachiisee jedhan.

Ajaja tokkoon oppireeshinichi akka dhaabbatu taasifamuu qondaalonni nageenyaa olaanoon fashalaa’uu oppireeshinii kanaatiin mufatan OMNtti himaniiru.

Qondaalli nageenyaa olaanaan nageenya isaaniif eenyummaan isaanii akka hin himamne barbaadan, “uummata kana afuura baafachiisuuf oppireeshinii cimaatu jalqabamee ture. Miseensonni humna farra riphee lolaa Oromiyaa naannichatti bobbaafamanii fi milishoonni naannichaa xiiqiidhaan oppireeshinichatti hirmaataa turan” jedhan. 

Garuu oppireeshiniin kun guyyoota muraasa keessatti ajaja gubbaadhaa dhufe jedhameen akka dhaabbatu taasifamuu dubbatan. 

Isa dursees caasaanumti mootummaa naannawaa sanaa oppireeshinicha irratti shira hojjataa akka turan eeranii, waajjira mootummaa keessaa humnoota finxaaleyyiif dursee odeeffannoon dhaqqaba jedhan. 

“Humni waloo farra riphee lolaa Oromiyaa fi milishoota naannichaa oppireeshiniif yeroo bahuuf jedhan dursee finxaaleyyiin akka miliqan odeeffannoon bira gaha. Bakka tokko tokkotti inumaa humnoonni finxaaleyyiin haxxee hidhanii humna waloo Oromiyaa kana akka haleelan taasifame. Miseensonni keenya sababa kanaan wareegamanillee jiru” jedhan qondaalli nageenyaa olaanaa kun.

Aanaa akka Kiiramutti immoo inumaa oppireeshinichi akka hin jalqabne taasisuuf bulchiinsi aanaa otoo oppireeshiniin aanaa ollaa sana jiru Giddaa Ayyaanatti adeemsifamaa jiruu uummata walitti araarsina jechuun waltajjii araaraa jedhee burjaajii uumuu himan. 

“Uummanni wal lole hin jiru. Kan qabatamaan jiru haleellaa himnoota finxaaleyyiiti. Bulchiinsi aanaa Kiiramuu dhugaa dalga dabarse” jedhan. 

“Aanaan keenya nagaa qabaa jedhe. Aanaan sun magaalaadhaan ala caasaa bulchiinsaa Oromiyaa hin qabu. Aanaa sadarkaa kana irra jiru bulchiinsi aanaa akka waan biyyi nagaa ta’eetti nagaa qabna jedhe” jedhan. 

“Bakka wal lolli uummataa hin jirretti araara jedhee dubbii miliqse”  jechuun OMNtti himan.

Show More

Related Articles

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

ten − 1 =

Back to top button
Copy link