Afan OromoNews
Trending

OMN Mootummaa Somaalee Cinaaksan irratti lola bane

Mootummaan naannoo Somaalee lola hamaa uummata Oromoo godina Harargee Bahaa aanaa Cinaaksan irratti bane.

Mootummaan naannoo Somaalee lola hamaa uummata Oromoo godina Harargee Bahaa aanaa Cinaaksan irratti bane.

Maddeen OMN’f achii yaada isaanii kennan, gandoonni aanaa Cinaaksan hedduun humna addaa mootummaa naannoo Somaalee garmalee hidhatee fi konkolaattota waraanaatiin socho’uun weeraramee uummata irratti haleellaa cimaan raawwatamaa jira jedhan.

Kanaanis namoonni nagaa hedduun lubbuu isaanii dhabuu fi madaa’uu himaniiru.

Humni addaa naannoo Somaalee namoota madaa’anii qabe irratti gochaa suukkaneessaa raawwataa akka jirus himaniiru.

Qe’een keenya qe’ee abbaa dhabe ta’e kan jedhan jiraattonni aanaa Cinaaksan, otoo ministirri muummee Abiy Ahimad fi pirezidaant Shimallis Abdiisaa nuti qabsoon aangootti fidne bantii aangoo gurguddaa biyyattii irra jiranii pirezidaantiin naannoo Somaalee Mustafee Umar humna addaa bobbaasee yakka hanga kana gahu nurratti raawwachuun garmalee nu mufachiisee jedhan.

Mootummaan naannoo Somaalee humna addaa bobbaasee waraana nutti banuun dura naannoo Somaalee jalatti bultu, sana yoo gootan isin hin tuqnu akka ittiin jedhe himaniiru.

Uummanni immoo lafti Cinaaksan lafa Oromooti, Oromoon tokko lafa tokko Oromiyaa waliin qaba naannoo Somaalee jalatti waanti nuti bulluuf hin jiru jedhee akka dide dubbataniiru.

Ergasii waraana bobbaasee lola banuu kan dubbatan jiraattonni, uummannii fi milishoonni aanaa quuqama sabaa qaban qofti humna kana hanga danda’e qolachuuf yaalanii humna isaaniitii ol akka itti ta’e ibsaniiru.

Bakki amma humni addaa naannoo Somaalee lola itti uummata Oromoo irratti bane magaalaa Jijjigaatti dhihoo ta’uu kan himan maddeen, mootummaan naannoo Somaalee shiraan magaalaa Jijjigaa bara wayyaanee fudhate hanga danda’e daangaa naannoo Oromiyaa magaalaa Jijjigaa irraa fageessuuf humna addaa bobbaasee uummata buqqaasaa lafa qabataa akka turee fi ammas itti jiru dubbatan.

Lafa uummata Oromoo irraa buqqaase immoo uummata naannoo Somaaleetii fidee irra qubsiisa jedhan.

Mootummaan Oromiyaa hanga kana mara daangaan Oromiyaa sarbamuu fi uummanni buqqaafamu deebii wayiituu otoo hin kennin akka jiru dhageenye.

Mootummaan naannoo Somaalee godina Harargee Lixaatii ka’ee hanga naanna’ee godina Booranaa gahutti daangaa Oromiyaa dhiibee lafa qabachuu tarsimoo godhatee irratti hojjataa jira

Show More

Related Articles

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

5 × one =

Back to top button
Copy link