Afan OromoNewsNews Analysis

OMN: Furmaanni siyaasaa Itoophiyaa hundi mari'achuudha.

Furmaatni siyaasaa keenyaa mootummaa fi humnoonni siyaasaa hundi  taa’anii mari’achuun karoora waloo biyya ceesisuu qopheessuu dha jedhu dura taa’aan KFO Prof. Mararaa Guddinaa.

Tibbana imala Ameerikaarra kan jiran Prof.  Mararaan hawaasa waliin mari’achuuf akka jira himan.  Gara Ameerikaa kan imalanis waa lamaaf  akka ta’e dubbatu. Kan jalqabaa uummata keenya biyya Ameerikaa jiraatu faana hiree gara fuulduraa biyyaa fi uummata keenyaa mari’achuu yoo ta’u, kan lammataa hojii dippilomasiif akka gara Ameerikaa imala himan.

Haala biyyi keessa jirturratti OMN irratti yaada kan kennan Prof Mararaan, haalli Itoophiyaan keessa jirtu waa sadi guguddaadhaan ibsama jedha.  Kan jalqabaa boora’uu nagaa  fi mancaatii sana hordofee dhufe, bahanii  galuu dadhabuu lammiileeti jedhan

Rakkoon biyyattii harkaa qabu kan lammataa rakkoo  dimookraasii fi bulchiinsa gaarii ti jedhan.

Sadaffaan rakkoo diinagee ti. Deega!  Namni nyaatee buluu dadhabeera. Kanneen mindaa qaban hojjettoonni mootummaallee har’a  Itoophiyaa keessatti nyaatanii buluuf rakkachuun ibsituu haala qabatamaa kan biraati jedhu. 

Furmaatni siyaasaa keenyaa mootummaa fi humnoonni siyaasaa hundi  taa’anii mari’achuun karoora waloo biyya ceesisuu qopheessuu dha jedhu dura taa’aan KFO Prof. Mararaa Guddinaa.

Humnoonni siyaasaa Itoophiyaa abjuu isaanii walitti araarsuu qabu jedhu.   Abjuu koo qofatu mana Waaqaa nama geessa ilaalchi jedhu Itoophiyaa hin fayyadu kan jedhan Dura taa’aan Kongiresii Federaalawaa Oromoo, abjuun akkasii Haylasillaasees, Darguus, Wayyaanees hin fayyadne. Kanneen amma biyya bulchaa jiran, Bilxiginnaas,  hin fayyadu jedhan. 

Humnoonni siyaasaa hunduu  abjuu mataasaanii qaban walitti araarsanii karoora waloo qopheeffachuu qabu jedhan.

Siyaasaa wal ajjeechaan Itoophiyaa eegee addunyaa godhe malee furmaata hin fidneef kan jedhan Prof. Mararaan, siyaasaa wal ajjeechaa keessaa bahuun gara siyaasaa taa’anii mari’achuutti dhufuu qabna jedhu.

Wal ajjeechaan  maraammartoo siyaasaa Itoophiyaa yoo dheeresse malee furmaata tokkollee fiduu akka hin dandeenye dubbatu.

Mariin godhamu immoo  marii dhugaa ta’uu akka qabu ibsan dura taa’aan KFO.

 

Show More

Related Articles

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

nineteen + nineteen =

Back to top button
Copy link