Afan OromoNewsPolitics
Trending

OMN: Federeeshiinii Diiguu fi Itoophiyaa Lummuxeessu

Qajeelfama Federeeshinii Kubbaa Miilaa Itoophiyaa

Qajeelfamni haaraan Federeeshiiniin Kubbaa Miilaa Itoophiyaa baase kan Kilaboonni Moggaasa Maqaa Saboota qaban jijjiiruu qabu jedhu duula eenyummaa saboota balleessuti jedhan qaamoleen garagaraa.

Sirni Biltsiginnaa fakkoomii eenyummaa sabootaa haquun eenyummaa qeenxee ijaaruu itti fufee jira jedhu.

Federeeshiniin Kubbaa Miilaa Itoophiyaa Kilaboonni Kubbaa Miilaa biyyattii moggaasa maqaa eenyummaa sabootaa qaban akka jijjiiran hubachiiseeti jira.

Federeeshinichi dorgommii bara 2018tiitiif kilaboonni maqaan isaanii eenyummaa sabootaa irratti irkate akka jijjiiranif hubachiise.

Qajeelfamni kun kilaboota haaraa galmaa’an qofa osoo hin taane kilaboota kanaan dura galmaa’an irratti kan hojjatu ta’u ibsee jira.

Gabaasota biroo;

OMN: Siyaasa Paartii (Dhaabaa) fi Muuxannoo Itoophiyaa

OMN: Kaabaa Itoophiyaatti Sochiin Waraana mul'atu, waliigaltee Pritooriyaa dukkaneesse!

Ertiraan Itoophiyaa Tasgabbii dhoowwaa jirti. Gabaasa

Fakkoomiin eenyummaa sabootaa fi sablammootaa calaqqisiisan dhaabbilee sabootaa irra haqamaa jiru.

Kun ammoo wantoota sabummaa calaqqisiisan haquun, calaqqee “Itoophiyaawinnatii” jedhamu bakka buusuudha jedhu hayyoonni federaaliziimii.

Itoophiyaawwinnatin mootummaan Biltsiginnaa ijaaraa jiru eenyummaa sabootaa fi bu’uraa federaalizimii sabdaneessaa mulquu irratti irkate jedhu.

Dhaabbilee eenyummaa saboota calaqqisiisaa turanii, mootummaan Biltsiginnaa eenyummaa isaanii irraa haqe keessaa muraasni Biiroo Barnoota Naannoolee, Biiroo Fayyaa Naannoolee, Biiroo Nageenya Naannoolee, Komishiinii Poolisii Naannoolee, Waajjira Milishaa Naannoolee, dhaabbilee Pireesii fi kanneen biroo irraa mallattooleen eenyummaa sabootaa haqamee jira.

Xiyyeeffannoon sirna bulchiinsa Biltsiginnaa federaaliiziimii sabdaneessaa kan ilaalchi sabootaa keessaan calaqqisu ijaaruu osoo hin taane, Itoophiyaa hafuurri sab-qeenxee keessaa calaqqisu ijaaruudha. Kanaaf ammoo ragaan imaammanni barnootaa haaraan kan ilaalcha saba tokko qofa dhaadhessu diriirfamuu fi mallaattooleen eenyummaa saboota calaqqisiisaan irraa kaafamaa jiraachuudha jedhu warri mootummaa qeeqan.

Dhaabbileen bocaa fi mallaattoo sabaa fi sablammootaa calaqqisiisan qaban suuta suutaan haqamaa jiru.

Qajeelfama haaraa Federeeshiiniin Kubbaa Miilaa Itoophiyaa baase kana ilaalchisuun namoonni garagaraa yaada falmii fi qeeqaa dhiyeessaa jira.

Ogeessi Seeraa Ibsaa Gammadaa yaada dhimma kana irratti Feesbuukii irratti barreesseen; “mootummaan amma Itoophiyaatti aangoo irra jiru, mootummaa Bilxiginnaa fi EZEMA’n waliin ijaarratani. Akeekni fi kaayyoon isaanii waan maqaa sabaa dhahatu hunda balleessanii Itoophiyaa lumuxxeessuu dha” jedhe.

Itti fufuun obbo Ibsaa Gammadaa “mootummaa kun kan Paartii Badhaadhinaatis miti. Paartiin Badhaadhina jedhamu hin jiru. Kijiba ittiin ololanii burjaajii uumani malee Paartiin qeenxee tahe tokko naannoo irratti ykn Afaan biraatiin maqaa biraa qabaachuu hin danda’u. Paartiin Bilxiginnaa dambii isaa keessatti Afaan Amaaraatiin (ብልፅግና ፓርቲ) Afaan Ingiliziitiin (Prosperty Party) jedhee kan ibseen ala maqaan Boordii filaannootin beekamu kan Badhaadhina jedhamu hin jiru. Paartiin Bilxiginnaa naannolee irraa damee qofa qaba. Damee sadarkaa naannoo jiru akka paartii of danda’eetti, Oromia Prosperity Party ykn Paartii Badhaadhinaa Oromiyaa jedhanii waamuun dogoggora guddaadha, faallaa dambii paartichaatiis” jedhe.

“Mootummaan kun kan Bilxiginnaa fi warra isa fakkaatanii tahuu isaa akeeka Itoophiyaa lumuxxii sab-qeenxee ijaaraa jiruun mirkaneessaa jira. Kanaaf, waan sabaa fi eenyummaa sabaatiin walqabatu balleessuurratti duula” kan jedhe ogeessi seeraa Ibsaa Gammadaa, “Paartiileen siyaasaa maqaa sabaatiin ijaaramuu hin qaban jedhanii seera baasuf kan isaanii (ODP) diiguudhaan eegalan” jedhe.

Asxaa Poolisii Naannoo Oromiyaa, Federaalaa, Finfinnee lumuxxeesanii walfakkeessan, Asxaa Gaazexaa Bariisaa, Odaa ni balleessani, naannooleen maqaa sabaatiin gurmaa’u hin qaban jedhanii gaaffii saboota 11 (Walaayittaa, Kafaa, Gaamoo, Hadiyyaa, Halaabaa, Gede’oo fi kkf) ukkaamsanii Naannoo Ummattoota Kibbaa bakka saditti kallattiidhaan caasessani, Lakkoofsi Gabatee konkolaattota maqaa Naannooleen jiru (fkn Maqaan Naannoo Oromiyaa Saba Oromoo waan ibsuuf,) haqamee maqaa Itoophiyaatiin qofa tahuu qaba jedhanii seera baasani” jechuun haala mootummaan eenyummaa saboota ittiin balleessaa jiru ibse.

Itti fufuun “mallattoolee, maqaan fi wantoonni eenyummaa sabootaa ibsan Ispoortii keessaa akka haqaman qajeelfama baasan, naannoon Oromiyaa fi kanneen biroo maqaaa sabaatiin moggaafamanis diigamanii kallattiidhaan akka waaman tolchuuf ijjibbaatarra jiru, gochoonni Oromiyaa bahaafi lixatti muran Shaggar bahaa keessatti maqaa buufata xiyyaaraa ijaaruu fi zoonii dinagdee addaa ijaaruutiin raawwatamaa jiru, komishiiniin marii biyyoolessaa jedhamee Paartii Bilxiginnaatiin kan yayyabames naannoolee diiguufi sirna paarlaamentaawaa gara Sirna Pirezidaantawaatti jijjiiruu itti kenname ittuma jira” jechuun ibse.

Dhuma irratti “saboota biyyattii fi waan eenyummaa sabootaan walqabatu irratti hangamuu yoo duulanis, akeekni akkanaa uumamuma isaatiin bifa fulla’aa taheen milkaa’uu hin danda’u. Biyyi wixinaafi shaakala sirna daneessummaarraa duubatti deebitee oofkalte hin jirtu. Itoophiyaanis deemsa garaa duubaa kanaan oofkaluuf hin jirtu” jedhe.

Show More

Related Articles

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

3 × 1 =

Back to top button
Copy link